Oduu: Fandiin Misoomaa Afriikaa Booranatti bishaan baasuun jireenya horsiisee bultootaa fooyyessuuf deeggarsa maallaqaa doolaara miliyoona 13.95 mirkaneesse

Finfinnee Mudde 02, 2022 – Boordiin dayireektaroota Fandii Misoomaa Afriikaa sagantaa fooyya’iinsa jiruufi jireenya hawaasa horsiisee bulaa gammoojjii Itoophiyaa keessa jiraataniif kan oolu deeggarsa maallaqaa doolaara miliyoona 13.95 mootummaa Itoophiyaaf kennuuf mirkaneesse.

Sagantaan ‘Borana Resilient Water Development for Improved Livelihoods’  jedhamu kun tajaajilawwan bishaanii fi qulqullinaa haala qilleensaa dandamatu, dhimma koorniyaa tilmaama keessa galchee fi itti fufiinsa qabudha jedhame. Boqonnaa duraa sagantaa kanaatiin bu’uurawwan misoomaa akka ujummoo bishaanii diriirsuutu hojjetama.

Dhaabbatni ‘Global Center on Adaptation’ (GCA) jedhamu sagantaa kanaaf Yuuroo 300,000 kan gumaachu yoo ta’u, Baankii Misoomaa Afriikaa waliin ta’uun namoonni jijjiirama haala qilleensaatti akka madaqan akkasumas dhiibbaa isaa dandamachuu akka danda’an ni hojjeta.

Sagantaan kun Aanaalee Godina Booranaa akka Eel-wayya, Dubluq fi Yaaballoo keessatti gandoota baadiyyaa 62 fi magaalota 12 keessa kan jiraatu uummata 308,576 (walakkaan isaanii dubartoota) dhiyeessii bishaanii ni fooyyessa jedhame. Akkasumas beeyladootni 975,750 ta’an bishaan ni argatu.

Baankii Misoomaa Afriikaatti dayireektarri misooma bishaanii fi qulqullinaa Oswaardu Chaandaa “gargaarsi baankichi mootummaa Itoophiyaa waliin ta’uun godhu kuni, Booranatti rakkoo bishaani fi qulqullinaa akkasumas sababa jijjiirama qilleensaan dhufu furuun dhiyeessiin bishaan dhugaatii itti fufiinsa qabu akka jiraatufi  jiruufi jireenyi uummataa akka fooyya’u godha” jedhe.

Boqonnaan jalqabaa sagantichaa waggoota afur dhufan keessatti hojiirra oola. Waggoota 15 darban keessa Itoophiyaan hongeewwan saddeet kan keessummeessite yoo ta’u, kunis uummata hedduu godaansaaf saaxilee, diinagdee biyyattii irrattis dhiibbaa guddaa fide.

Hongeen naannoo Booranaatti uumamu ammoo walitti bu’iinsawwan naannoo daangaatti uumaman, rakkoo bishaan dhugaatii qulqulluu fi hanqina qulqullinaatti ida’amuun yaaddoo guddaa ta’aa ture. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.