Oduu: Gareewwan qabsoo hidhannoo gochaa jiran marii irratti akka hin hirmaanne komishiniin marii biyyaaleessaa beeksise

Finfinnee, Mudde 1/2022 – Kooomishiniin marii biyyaaleessa Itoophiyaa gareewwwan qabsoo hidhannoo adeemsisaa jiran hidhannoosaanii hiikkatan malee marichatti hin hirmaatan jedhe.

Hogganaan komishinichaa prof. Masfin Araayaa mariin biyyaaleessa ji’a shan yookiin jaha keessatti kan godhamu yoo ta’u gareewwan hidhannoo  hiikkatan qofti maricha irratti kan hirmaatan ta’uu ibsa Kibata gaazexeessitootaaf laatameratti himeera.

“Humnoota hidhatan dabalatee eenyuyyuu hidhannoo hiikkatee mari’achuuf kan dhufu yoo ta’e balballi banaa dha. Hojiin keenya hawaasa tajaajiluu waan ta’eef kana ni godhu yoo ta’e gaaffiisaanii mariidhaaf dhiyeessuuf balballi keenya banaadha,” jedhe.

Kunis kan eerame, mootummaan naannoo Oromiyaa waraana Oromiyaa keessa jiru mariidhaan furuuf Waraana Bilisummaa Oromoo wajjiin marii gochuu kan hin dandeenye ta’uu erga ibsee booda ture. 

Dargaggoonni Oromoo garee riphee lolaa mootummaan “Shanee” jedhee waamu kanatti makamuun waraanattti galuurraa of qusachuun “nagaatti akka deeebi’an”dhaamsa dabarsee ture.

Koreen ministeerotaa erga marii taasisee booda labsii Komishinii jijjiirama biyyaaleessaa kan hojii hidhannoo hiikkachuu fi riphee loltoota deebisuu too’atu hundeessuu isa dandeessisu Sadaasa 02 raggaasisee ture. Labsiin wixinee kuni mana maree bakka bu’oota ummataatiif ergamee ture.

Hogganaan komishinichaa rakkoolee ji’oota saglan darban hojiirra ture keessa komishinicha mudataniis tarreessee ture. Rakkoolee isa mudatan keessaa inni tokko sababa waraanaatiin naannoo Tigraay gahuu dadhabuusaati.

“Waraanni kaaba Itoophiyaa hojiiwwan naannolee biraatti hojjanne gara naannoo Tigraay imallee hojii hojjachuu qabnu akka hin hojjanne nu dhoorkee ture,” kan jedhe Masfini.

Naannoolee fi bulchiinsota magaala garaagaraa Tigraay ala jiran wajjiin hojiiwwan adda addaa kan hojjate ta’uu komishinichi himeera. Paartilee mormitootaa,gaggeesitoota gandaa fi miseensota hawaasaa adda addaa wajjiin mariin taasifameera. Sadarkaa naannootti biiroo kan banuu ta’uu fi gaggeessitoota sadarkaa goodinaa fi aanaatti kan qabaatu ta’uu dabalee ibseera.

“Hojiileen ijoo ji’oota dhufan nuti hojjannu keessaa hirmaattoota marichaa adda baasuu, dhimmoota mariif kaafaman sassaabuu, to’attoota filachuu, seera kabachiiftoota marii biyyaaleessaa raawwachudha,’ prof. Masfintu jedhe.

Mana maree bakka bu’oota ummataa sababa “waliigaltee biyyaaleessaaf daandii saaquu  fi tokkuummaa biyyattii eeguu” jedhuun hundeeffama koomishinii marii iyyaaleessaa  bara darbee Mudde 29 raggaasisee ture.

Abukaatoon Milkiyaas Bulchaa yaada Addis Stanadardirratti maxxanseen hundeeffamni komisshinichaa fi mariin biyyaaleessaa hunda hin hammanne rakkoo ture daran kan hammeessu ta’uu ibsee ture. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.