Seenaa gootota Oromoo dhokate seenessuu yaadeen barreesse: Zufaan Urgaa

Zufaan Urgaa

Onkololessa darbe yaadannoo waggaa 100ffaa guyyaa dhalootaa Jeneraal Taaddasaa Birruu sababeeffachuun kitaabni mata dureen isaa ‘Dannaanee hamma Finfineetti’ jedhu seenaa jireenya jeneraal Taaddasaa irratti xiyyeeffate eebbifamuun ni yaadatama.


Barreessituun kitaabichaa Zufaan Urgaa dhalattee kan guddatte magaalaa Finfinneetti. Zufaan barreessituu fi hojii dhuunfaa ogummaa maxxansaatiin walqabatu hojjatti. Akkasumas, dhaabbata Maxxansaa fi Beeksisaa Baalee (Bale Printing and Advertising) jedhamuun beekamu kan hoggantu yoo ta’u ogummaa marsaritii hawaasaa fi daldalatiin digrii jalqabaa qabdi.

Gaazexeessaan Addis Standard Geetahun Laggasaa barreessituu kana wajjiin af-gaaffii raawwateera.

Addis Standard: Kitaabni ati barreessite kun kitaaba akkamiiti?

Zufaan: Kitaabichi kitaaba seenaa Jeneraal Taaddasaa Birruu kan seenessuudha. Kitaabichi seenaa jireenya goota Oromoo Jeneraal Taaddasa Birruu jalqabaa hamma dhumaatti ibsa.


Addis Standard: Gootota Oromoo hedduu keesssaa Jan Taaddasaa Biruu maaliif filatte?
Zufaan: Seenaa Gootota Oromoo barreessuu karoora koo yeroo dheeraati. Haata’u malee, Jan

Taaddasaa kaniin filadheef akka tasaa Goodina Shawaa Kaabaa piroojeektii biraatiif yeroon deemetti namni Obbo Hundee Kabbadaa jedhaman seenaa Taaddasaa Biruurratti otuu barreessitee gaariidha yaada jedhu natti kaase. Seeenaan gootota biroos barraa’uu qaba jedheen amana. Anis hojjachuuf karoora nan qaba. Haata’u malee, kitaaba kana barreessee xumuruu hin danda’u shakkiin jedhu keessa koo tureera. Dhuguma ga’umsa nan qaba gaaffiin jedhus ture. Erga qabatamaan hojittii galee booda akkan raawwadhu nan amane. Lammatammoo seenaan oromoo baay’ee hin barreeffamne. Kam hojjatte kam akka dhiiftu adda baafachuun xiqqoo rakkisaa dha. Kitaaba kana jalqabuun dura karoora baasuun duwwaan naannoo waggaa tokko natti fudhateera. Walumaagalatti kitaabicha waggaa shan keessattiin xumure.

Addis Standard: Mata dureen kitaabichaa ‘Dannaanee hamma Finfinneetti’ jedhu maal jechuudha?

Zufaan: Dannaaneen iddoo inni [Jeneraal Taaddasa Birruu] yeroo humnoota Xaaliyaaniitiin waggaa kudha afur ta’ee gara Somaaliyaa fudhatametti itti hidhameedha. Iddoo inni qabsoo itti eegalee jechuudha. Finfinneen immoo iddoo inni qabsoo itti goolabeedha. Mata dureen kitaabichaas seenaadhuma isaa kanarraa kan kan fudhatameedha.


Addis Standard: Kitaaba kan barreessuuf akka madda odeeffannoo fi wabitti kan itti fayyadamte maal faadha?

Zufaan: Maddi odeeffannoo koo inni jalqabaa iddoo dhaloota Janaraal Taddasaa deemuun

odeeffannoo gahaa namoota seenaasaa beekaniin dubbise. Namoota dhiyeenyaan isa beekan kan hojii wajjiin hojjatan kan akka ittti aanaa isaa wajjiin afgaaffii godheera. Namoonni ani akka wabiitti fayyadame isa wajjiin kan hojjatan duwwaadha. Inni sadaffaammoo dookumantiiwwan adda addaa imbaasiiwwan adda addaatii, faayiliwwan adda addaa iddoo hambaalee seenaatii argadheera. Ragaalee adda addaa kan akka yaadannoosaa [Jan Taaddasaa Birruu] argadheera. Kanaafuu, odeeffannoo qabatamaarraa ka’een barreesse jechuudha.

Addis Standard: Kitaabni kuni dubbiiftootaaf dhaamsi yookiin ergaan inni dabarsuu yaalu ijoon

maali?

Zufaan: Akka jalqabaatti seenaa gootota oromoo dubbifamtootatti seenessuu yaadeen barreesse. Seenaan gootota Oromoo hedduu hin barreffamne waan ta’eef inni kuni jalqabbiidha. Namoonni kitaabicha dubbisan hanqina kitaabichi qabuus sirreessuuf wanta na fayaadurratti yaada laachuu ni danda’u. Dhaamsi inni dabarsu, tokkoffaa seenaa ummata Oromoo akka biyyaattii baay’ee hin hojjatamne jedheen amana. Kitaabni kunis jalqabarratti seenaa Oromoo dhokate saaquuf yaadeen hojjadhee. Barumsi inni guddaanimmoo namni tokko wanta hojjachuuf karoorfate tokko hammam kutannoodhaan akka deemuu qabu kitaabicharraa fi seenaa Jan Taddasaarraa ni barata jedheen yaada.

Addis Standard: Jan Taaddasaa Birruu nama akkamiiti jettee ibsita?

Zufaan: Jan Taaddasaa nama saba isaatiif quuqama guddaa qabuu dha. Inni nama hawaasa rakkataa  gargaaruuf kaayyoo qabuu fi kaayyosaas galmaan gahuuf murannoodhaan nama hojjatuudha. Keessumaa hawaasni Oromoo barumsa akka argatuuf tattaaffiin inni gochaa ture. Jan Taaddasaan nama kaayyoo ta’uusaa hubadheera. Barumsa irratti ejjannoo adda ta’e qaba. Namni barate of beeka, of danda’a jedheetu nama amanu ture. Faayidaa barumsi qaroomina hawaasa tokkotiif qabu nama hubateedha. Aniyyuu ergan seenaasaa xiinxalee booda barumsarratti akkan hojjadhu na taasiseera. Hayyoonni Oromoo saba isaanii cinaa dhaabbachuu fi isaan tajaajiluu akka qaban irraa baratu jedheen yaada. Dabalataan seenaa aadaa, afaanii fi faayidaa maatii isaa barsiisee guddisuurratti hojjachuu akka qabus ni hubatu.

Addis Standard: Kitaabni kee afaan meeqaan qophaa’ee?, Afaanota birootti hiikuu yaaddeerta?

Zufaan: Ammaaf afaan lamaan qophaa’eera. Afaan Oromoo fi Afaan Amaaraatiin. Of dura garuu Afaan Ingiliziitti hiiksisuuf yaadeera.

Addis Standard: Rakkoowwan si qunnaman maal faa turan?

Zufaan: Rakkooleen na qunnaman keessa inni jalqabaa of shakkii na keessa tureedha. Wanta kan xumuruu nan danda’aa gaaffii jedhutu na keessa ture. Inni lammataammoo odeeffannoo argachuuf taasisu keessatti seenaa Oromoorratti wantoota barraa’anii kaa’aman argachuuun na rakkise ture.

Addis Standard: Kitaaba kana eenyutu raabsaa jira?

Zufaan: Kitaabni kuni gara Faawundeeshinii keenyaatiin [Faawndeeshinii Jan Taddasaa

Birruu] raabsamaa jira.

Addis Standard: Faawundeeshiniin Jan Taaddasaa Birruu maal faa hojjata?

Zufaan: Akka waliigalaatti, faawundeeshiniin kuni barumsarratti kan xiyyeefatuudha. Dabalataan gochaawwan akka dorgommii fiigichaa, dorgommii gaaffiif deebii barattootaa, agarsiisa suuraa faa ni adeemsifna. Dabalataan dubartoota barsiisuu, barsiisota leenjisuu fi tajaajila bishaan qulqulluu raabsuurrattis kan hojjatu ta’a. Faawundeeshinii kana jabeesssuun humna guutuun hojitti akka seenuus ni goona. Iddoo Dhaloota Jan Taaddasaatti mana barumsaa ijaarsisuuf hojii jalqabeera. Piroojektiiwwan jalqabaman xumuruuf ni hojjanna.

Addis Standard: Dhumarratti dhaamsi ati ummata Oromootiif dabarsitu jiraa?

Zufaan: Dhaamsi ani dabarsu eenyuyyuu ta’uu iddoo jiruttii fi ogummaa irratti boobba’een faayidaa hawaasaa fi sabasaatiif hojjatee darbuu qaba jedheen amana. Beekumsaaa fi diinagdee jiruun faawundeeshinii keenyas akka deeggaran hawaasa Oromoo nan

gaafadha. Eenyuyyuu ogummaa, beekumsaa fi qabeenya qabuun nu deeggaruu ni danda’a.

Addis Standard: Galatoomi!

Zufaan: Isinis galatoomaa!

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.