Oduu: Naannoo Tigraayitti Daa’imman harka 30 ta’an hir’ina nyaataaf hamaaf saaxilaman, namoonni miliyoonni shan gargaarsa hatattamaa barbaadu: UN

Finfinnee, Sadaasa 30,2022 – Gabaasni dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii baase daa’immani naannoo Tigraay tilmaamaan harka 30 ta’an hir’ina midhaan nyaataa hammaataa keessa kan jiran yoo ta’u namoonni miliyoona shanii ol kan ta’animmoo gargaarsa namoomaa isaan hin qaqqabaaa jiru kan barbaachisuun gadii ta’uu addeesseera.

Akka gabaasichi jedhetti, naannoon Tigraay waggaa tokkoo oliif  “qabatamaan qoqqoobbii jala turuunshee” rakkina hammaataaa akka hir’ina midhaan nyaataa fi beelaan du’uu qaqqabsiiseera. 

Fandii Daa’immanii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UNICEF) rakkoon midhaan nyaataa hamaan daa’imman naannoo Tigraay kan qunnamu ta’uu Waxabajjii 2021 keessa akeekkachiisee ture. Daa’imman rakkoo midhaan nyaataatiin  dhukkubaa fi du’aaf kan saaxilaman ta’uus akkeekachiisuun “taateen kuni akka mudatuuf addunyaan eeyyamuu hin qabus” jedhee ture. 

“Waliigaltee waraana dhaabuu dhiyeenya kana taasifameetti aansuun torban lamaan darban keessa gargaarsi namoomaa naannoo Tigraay suuta suutaanis ta’uu gargaarsi naannoo Tigraay qaqqabaa jira” jechuun “kan qaqqabe garuu hamma baraadamuu gadiidha. Namoonni miliyoona shanii ol ta’an gargaarsa midhaan nyaataa kan barbaadan yoo ta’uu, tilmaamaan daa’imman harka 30 kan ta’an rakkoo miidhaan nyaataa hammaataaf saaxilamaa jiru jedheera. Rabsaan gargaarsa  gara naannoolee Amaaraa fi Affaar torban lamaan darban keessa jijjiirama waan agarsiiseef “namoota rakkatan hunda gargaaruu cimsuu qabna” jedheera.

Sadaasa 15 hamma 24tti konkolaataan gargaarsaa fe’e kan mootummaa Itoophiyaa, mootummoota gamtoomanii fi dhaabbilee mitimmootummaa biroo 450 Tigraay gahaniiru. “Irra caalaan isaanii midhaan nyaataa kan fe’an yoo ta’u meeshaalee qonnaaf barbaachisanis jiru. Boba’aa fi qarshiinis hamma ta’e ergameera. Midhaan nyaataa fi wantoota barbaaachisan biroo namoota rakkatan akka qaqqabu itti fufiinsaan dhiyeesssun murteessaadha.”  

Gargaarsi namoomaa naannoo Tigraay qaqqabe gahaa kan taane ta’uu midiyaa naannichaatiif ibsuun namoonni miliyoona 6.5 ta’angargaarsa namoomaa garmalee kan barbaadan ta’uu kan addeessse hogganaa qonnaa fi qabeenya uumamaa Atinket Mazgaboo ture. Waliigaltee mallatteefametti aansuun midhaan kuntaala 36,000 ta’u Tigraay qaqqabuu himuun kan gahe kuni rakkiina nannicha muudate furuuf gahaa miti jedheera.

Akka mootummoota gamtoomaniitti, gaaga’ama naannoo Tigraay, Affaarii fi Amaaraa keessa jiru malee hongeen naannoo Oromiyaa goodina Baalee fi naannoo Somaalee goodina Liiban keessatti weerarri kooleeraa mul’achaa jira jedheera.  “Namoonnii 500tti dhiyaatan dhullubichaan qabamaniiru, 20 kan ta’an du’aniiru, kuma dhiibbaan kan lakkaawaman immoo dhukkubichaaf saaxilamaniiru. Mootummoonni gamtoomanii fi waahiloonnisaa gargaarsa fayyaa, bishaanii fi qulqulliinaa dhiyeessaa jiru.”

Akkasumas, hokkorri lixa oromiyaa keessa jiru namoota qe’eesaanirraa buqqisaa fi raabsaa gargaarsaa rakkisaa godheera.  

Rakkooleen tasgabbii, walitti bu’iinsi fi hokkorri karoora garaagaraa gargaarsa ragaa ji’a Waxabajjii fi Adoolessa gidduutti sassaabame irratti hundaa’uun irra deebiin bahe akka mul’isutti gargaarsi namoomaa Itoophiyaan ji’a jahaa barbaaddu jalqaba 2022 miliyoona 3.085 ture gara miliyoona 3.335 kan ol kaasuu hubachiseera.  AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.