Oduu: Mootummaan Naannoo Oromiyaa dargaggoonni garee hidhateetti makaman akka deebi’an waamicha dhiyeesse, waraana naannichaa xumuramuuf marii nagaa akka hin taasifamne eere

Finfinnee, Sadaasa 29/2022– Waajjirri kominikeeshinii Mootummaan Naannoo Oromiyaa ibsa kaleessa miidiyaleef laateen nageenya naannoo Oromiyaa mirkaneessuuf hojii hedduu hojjechaa turuufi keessumaa “humni shororkeessaa Shanee”  karaa nagaatti akka dhufuuf yaalii hedduu akka taasise ibse. Dabaluunis humni kun humna wal dhaga’ee gurmaa’ee deemu waan hin taaneef mootummaan marii araaraa waliin ta’uu hin danda’u, jedhame. 

Itti gaafatamaan waajjirichaa Hayiluu Addunyaa mootummaan qaama kamiif harka nagaa diriirse humni fedhee fudhate karaa nagaa filachuun miseensonni shanee hedduunis Abbootii Gadaa, Abbootii amantaafi jaarsolii biyyaatti harka kennachaa turanii jirus jedhe

Humna karaa nagaa dhiisee gocha farrummaafi badisaa dalaguun biyya jeequu barbaaduuf mootummaan tarkaanfii olaantummaa seeraa kan fudhatu yoo ta’u, dargaggoonni dogongoraan humna shaneetti makaman gara nagaatti akka dhufaniif abbootii Gadaa, jaarsolii biyyaaf hawaasa hirmaachisee nagaa buusuuf socho’aa turuu isaas Hayiluun ibseera

Mootummaan harka nagaaf diriirse kan hin deeffanne waan ta’eef irra deebiin waamicha nagaa taasisuun humni hidhate karaa nagaan akka galu waamicha dhiyeessaa, qaamoleen Hawaasaa caasaa nageenyaa waliin ta’uun nageenya naannoo isaanii akka tiksan dhaameera. 

Kana malees Hayiluun, humni kun humna wal dhaga’ee gurmaa’ee deemu waan hin taaneef mootummaan marii araaraa waliin ta’uu hin danda’u, jedhe. 

Dhimma kana irratti dubbi himaan idil addunyaa Waraana Bilisummaa Oromoo(Kan mootummaan shanee jedhee waamu) Odaa Tarbii yaada VOA’f  kenneen mootummaan nagaa waan hin barbaanneef holola haaraa uume malee Waraanni Bilisummaa Oromoo(WBO) ijaarsa fi hoggansa qinda’aa qaba. Amma mootummaan Adda Bilisummaa Ummata Tigray(ABUT) waliin mari’atee WBO waliin taa’uu dhiisuf  sababa haaraa uumee jedhe. 

Dabaluunis gama mootummaatiin nagaaf waamichi dhiyaate akka hin jiraannee kan eere dubbi himaan WBO gargaarsa namoomaaf waraana dhaabuuf waamicha dhiyaate fudhachuu dhiisuu isaa yaadachiise. 

Waraanni  lixa Oromiyaa keessatti deemaa jiru lammiilee nagaa kuma dhibbaan lakkaa’aman buqqisuu fi hojiiwwan gargaarsa namoomaa irratti dhiibbaa geessisuu itti fufee jira. Sababa carraan walitti bu’insi itti fufuu olaanaa ta’uu isaa, qophiin deebii kennuu fi dandeettiin lafarra jiru baay’ee gadi aanaa ta’uun isaatiini fi rakkoo maallaqaatin lakkoofsi buqqaatota akka dabalu ni eegama jedhe UNOCHA gabaasa dhiyeenya kana baaseen. 

Walumaagalatti, gargaarsi nyaataa buqqaatota dhiheenya kana buqqa’an Wallaggaa (700,000 ol) fi buqqaatota 60,000 ol godina Gujii keessatti argamaniif fedhii jalqabaa ta’ee itti fufee jira. Waraanni Lixa Oromiyaa keessatti hammaate sochii namoomaa bahaa Benishaangul Gumuz keessattis dhiibbaa uumeera. Onkoloolessa 31 irraa eegalee daandii guddicha Asoosaa – Finfinnee waan cufameef, dhiyeessii gargaarsa namoomaa fi daldalaa irratti danqaa uumuun buqqaatota naannichatti tilmaamaan kuma 200 fi baqattoota 76,000 irratti dhiibbaa uumeera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.