Oduu: Qondaalli Tigraay humnoonni Eertiraa namoota nagaa “jumlaan ajjeesan” jechuun himate, mootummaan Federaalaa eegumsa akka godhu gaafate

Finfinnee, Sadaasa 29/2022 – Dubbi himaan Adda Bilisummaa Ummata Tigraay (ABUT) fi miseensi jila marii nagaa Tigraay Geetaachoo Raddaa humnoonni Tigraay akkaataa waliigaltee nagaa Piriitooriyaa/Naayiroobii irratti waliigalameen hidhannoo hiikkachaa yeroo jiranitti humnoonni Eertiraa daa’immanii fi dubartoota dabalatee namoota nagaa ajjeesuu itti fufaniiru jedhe. 

”Humnoonni Eertiraa ammallee akka fedhanitti namoota nagaa ajjeesaa, qabeenya barbadeessaa, fi saamaa jiru. Torban darbe keessa Maay Abbaayitti dubartoota fi daa’imman dhibbaan lakkaa’aman jumlaan ajjeesaniiru” jechuun Geetaachoon Dilbata tiwiitara isaa irratti barreesseera.

Erga waliigaltee nageenyaa Sadaasa 02 Afrikaa Kibbaatti mallattaa’e booda himata qondaaltonni Tigraay humnoota Eertiraa irratti dhiyeessan keessaa inni ammaa kun isa dhiyeenyaati.

Kanaan dura namoota ijaan arganii fi hojjettoota gargaarsaa wabeeffachuun APn “michoonni waraana mootummaa federaalaa Itoophiyaa qabeenya saamaa fi hidhaa jumlaa Tigraay keessatti raawwachaa jiru” jechuun gabaaseera.

“Waraanni fi humnoonni Eertiraa naannoo ollaa Amaaraa irraa dhufan — kanneen waldhabdee Tigraay keessatti gama waraana federaalaa Itoophiyaatiin lola turan — magaalaa kaaba lixaa naanoo Tigraay ji’a darbe humnoota Tigraay irraa qabamte, Shiree, keessatti manneen daldalaa, qabeenya dhuunfaa, konkolaataa, fi kilinika fayyaa saamaniiru,” kan jedhu oduun AP, “namoonni nagaa humnoota Tigraay gargaartu jedhamanii himataman” kibba Tigraay magaalaa Allaamaaxaa keessattis hidhamaa akka jiran ibseera.

Ibsi mootummaa naannichaa Sadaasa 19 baaseen humnoonni Eertiraa yakka dhala namaa irratti raawwachuu, qabeenya dhaabbilee dhuunfaa fi amantaa saamuun himate. Guyyuma sana suuraan miidiyaa naannichaa, Tigraay TV, irratti tamsa’e reeffa lafa irratti jijjigee kan agarsiise yoo ta’u, kunis daa’imman kudhan dabalatee namoota nagaa 63 giddugaleessa Tigiraay, iddoo Egelaa jedhamutti humnoota Eertiraan kan ajjeefaman keessaa muraasni akka ta’e ibsameera.

TVn naannichaa kun itti dabaluun waliigaltee nagaa mallattaa’us humnoota Eertiraa Baha Tigraay, aanaa Iroob irratti dhukaasni cimaan itti fufuu isaanii Dilbata darbe gabaaseera.

“Eertiraan karoora nagaa mootummaa giddu galeessaa fi Tigraay gidduutti taasifamu kamiifuu fedhii akka hin qabne beekamaadha, sababiin isaas karoora fokkisaa Gaanfa Afrikaa keessatti qaban karaa gufachiisa. Gaaffiin jiru, michoonni nagaa keenyaa Finfinnee keessa jiran lammiilee nagaa eeguuf, ‘humnoota alaa fi kanneen Raayyaa Ittisa Biyyaa hin taane’ Tigraay akka gadhiisan amansiisuuf waan barbaachisu hunda ni raawwatu? Waliigaltee kana keessaa qooda isaanii akka raawwatan abdii fi ejjennoo keenyadha,” jedhe Geetaachoon.

Ajajaan loltoota Tigraay Letenaal Jeneraal Taaddasaa Warradaa gaaffii fi deebii dhiyeenya kana TV Tigraay waliin taasiseen, raawwiin waliigaltee nagaa gama Tigraay irraa eegalameera jedhe. Itti dabaluunis meeshaa waraanaa gurguddaa loltoonni Tigraay hiikkachuun humnoonni Eertiraa fi Amaaraa Naannoo Tigraay keessaa bahuu waliin kan walqabatu ta’uu ibseera.

Gaanfa Afrikaatti Bakka bu’aan Ol’aanaa Gamtaa Afrikaa fi mariisisaa olaanaa marii nagaa mootummaa Itoophiyaa fi aangawoota Tigraay, Oluseguun Obaasaanjoo, Sadaasa 24 magaalaa guddoo Naannoo Tigraay Maqalee wayita daawwateetti, hoggansa olaanaa mootummaa naannichaaf akka jedhetti, “biyyi kamiyyuu alagaan lafa isaa irratti argamu fudhachuu hin qabu” jechuun daawwannaan isaa dhimma loltoota biyya alaa akkamitti furmaata argachuu akka danda’u murteessuuf kan kaayyeffate ta’uu eereera.

Waajjirri Dhimma Afrikaa Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa kan daawwannaa Obaanjoon Tigiraayitti taasise haala gaariin simachuu ibse fi ibsa itti aansee waa’ee argama loltoonni alaa hin barbaadamne ilaalchisee kenne irratti Ministirri Odeeffannoo Eertiraa, Yamaanee Gabramasqal deebii twiitara isaarratti kenneen, “arkiteekchariin ittisaa biyyoota Afrikaa gidduu jiru dursee raggaasifamuu yookiin biyyoota alaatiin sagalee itti laatamu hin qabu,” jedhe.

Labsii Karoora Hojii Raawwachiiftuu qabxii 2.1/D “Hidhannoo hiikkachuu hidhattoota Tigraay” jalatti “meeshaalee waraanaa gurguddaa hiikkachuun humnoonni biyya alaa fi kanneen RIB hin taane naannicha keessaa ba’uu waliin wal-faana ni raawwatama” jedhamee ibsameera. 

Mootummaan Federaalaa himannaa gocha hammeenyaa humnoota Eertiraa raawwatamaa jiru irratti yaada hin kennine, haala Naannoo Tigraay keessaa bahuu isaaniis gabaasni hin jiru.

Yaaliin Addis Standard Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Federaalaa fi Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa (RIB) irraa yaada argachuuf godhe hin milkoofne. Itti gaafatamaan hariiroo hawaasaa RIB Koloneel Getnat Adaana, dhimma kana irratti yaada kennuu irraa of qusachuun, ibsa laatamu eeggachuu qabdu jedhe. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.