Finfinnee, Sadaasa 28/2022 – Sababa waldhabdee fi walitti bu’insa akkasumas hongee kutaalee Itoophiyaa hedduu itti fufiinsaan miidhaa jiraniin barbaachisummaan gargaarsa namoomaa Itoophiyaa kan walakkeessa waggaa, jalqaba bara 2022tti Doolaara biiliyoona 3.085 ture gara doolaara biiliyoona 3.335tti ol guddachuu karoora gargaarsa namoomaa fooyya’ee ragaa Waxabajjii – Adoolessa 2022 irratti hundaa’e mul’ise.
Haa ta’u malee, giddu-galeessummaa lubbuu baraaruu namoota miiliyoona 20 ol irratti kan xiyyeeffate Karoorri Gargaarsa Namoomaa bara 2022, “maallaqa barbaachisuun gadi argachaa kan jirudha” jechuun gabaasichi ibseera. “Walakkeessa waggaatti Karoorri Gargaarsa Namoomaa doolaara biiliyoona 3.085 barbaachisu keessaa dhibbeentaa 39.2 qofa argateera. Ulaagaaleen gargaarsa nyaataaf hin guutamne ulaagaa waggaa ammallee walakkeessa waggaatti hin guutamne keessaa dhibbeentaa 38 ta’u.”
Lakkoofsi namoota gargaarsa barbaadan “jalqaba waggaa waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu gara 11% dabaleera,” jette Itoophiyaatti Qindeessituun Gargaarsa Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii, Dr Kaatiriin Soozii. Haaluma kanaan, lakkoofsi kun “jalqaba bara 2022tti miiliyoona 20.4tti tilmaamame ture irraa gara miiliyoona 22.6tti ol guddateera.”
Namoota gargaarsa nyaataa barbaadan keessaa daa’imman 52% yoo ta’an, dubartoonniifi dhiironni tokkoon tokkoon isaanii 24%, qaama miidhamtoonni ammoo 18% akka ta’an gabaasichi ni mul’isa.
Gamaaggamni walakkeessa waggaa kun Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fi Dhaabbilee Miti-Mootummaa Idil-addunyaa fi Biyyaalessaa dabalatee michoota gargaarsa namoomaa fi Mootummaa Itoophiyaa waliin kan qophaa’e yoo ta’u, “walakkeessa waggaatti deebii hanga har’aatti kenname fi namoota gargaarsa atattamaa barbaadaniif dursa kennaa jiraachuu keenya mirkaneessuu madaalameera,” jedhe Komishinara Komishinii Hoggansa Sodaa Balaa Itoophiyaa Dr. Shifarraaw Taklamaariyaam.
‘Bara kana, balaa nam-tolchee fi uumamaa, rakkinaa fi buqqa’iinsa lammiilee Itoophiyaa miliyoonaan lakkaa’aman dabaleera. Hawaasni kutaalee kibbaa fi kaaba baha Itoophiyaa dhuma bara 2020 irraa eegalee waqtii roobaa afur walitti aansuun darbe hordofuun hongee hamaa, waggoota afurtama keessatti isa hamaa ta’een rakkachaa jiru,” jedhe Dr. Shifarraaw.
Michoonni gargaarsa namoomaa deebii kana guutuu Itoophiyaa keessatti deeggaruuf maallaqni hatattamaa akka kennamu iyyachaa jiru. “Michoonni keenya fedhii ariifachiisaa ta’e furuuf akkasumas hojiiwwan lubbuu baraaruu itti fufsiisuuf deebii isaanii irra deebi’anii saganteessaa jiru. Yoo xiqqaate maallaqa dabalataa doolaara biiliyoona 1.8 (maallaqa waliigalaa bara kana barbaachisu keessaa dhibbeentaa 60) ammallee hanga dhuma waggaatti Itoophiyaa keessatti deebii namoomaaf barbaachisa,” jette Dr Sooziin. “Arjoomtoota deeggarsa nuuf godhaniif galateeffadha, hojiiwwan gargaarsa namoomaaf kutannoo qaban akka dabalanii fi arjummaadhaan ummata Itoophiyaa cinaa akka dhaabbatan nan dhaama,” jette.
Akka gamaaggama waloo kanaatti, walakkaa bara 2022 keessa Itoophiyaan waldhabdee mootummoota naannoo Tigraay, Affaarii fi Amaaraa keessatti uumameef karaa nagaa furmaata argachuu dhabuu; kutaalee biyyattii biroo keessatti jeequmsi itti fufuu isaa; akkasumas babal’achuu hongee kibbaa fi baha biyyattii miidhuu isaa irraan kan ka’e fedhiin gargaarsa namoomaa guddachaa dhufuu isaa mul’iseera.
Waliigalteen waraana dhaabuu Naannoo Tigraay baatii Bitootessa keessatti labsame “kenniinsa gargaarsa namoomaa fooyya’aa ta’eef gumaacheera, akkasumas michoonni gargaarsa namoomaa namoota naannicha keessatti rakkataniif deebii kennan akka guddisan taasiseera” jedha gabaasni kun. Affaar fi Amaaraa keessattis sadarkaan walitti bu’iinsaa hir’achuu fi namoonni kuma dhibbaan lakkaa’aman gara qe’ee isaaniitti deebi’uu hordofee hojiin gargaarsa namoomaa guddachuun namootni miliyoonaan lakkaa’aman gargaaramaniiru. Haata’u malee kanneen “gara daangaa Tigraayitti dhihoo ta’an bira ga’uun rakkisaa ta’eera” jedha gabaasichi.
Faallaa kanaan, hojiin gargaarsa namoomaa naannolee Oromiyaa fi Beenishaangul-Gumuz sababa rakkoo nageenyaa fi qaqqabummaa dhabuu naannoo tokko tokkotti michoonni gargaarsa namoomaa hir’achuu ykn dhabamuu fiduun haalaan danqameera. Aanaaleen Oromiyaa muraasa (Wallagga Bahaa fi Lixaa, fi godinaalee Gujii) fi naannoo Beenishaangul keessatti sababuma rakkoo nageenyaatin gargaarsa nyaataa itti fufiinsaan akka hin geenye gufachiiseera.
Fayyaa, soorata, barnootaa fi loojistikii irraa dabalataan, oomishtummaan qonnaa wantoota naannoolee waldhabdee, hongee fi lolaan miidhaman deeggarsa barbaadan keessaa isa tokkooti. Guutummaa biyyattiitti namoonni miliyoona 17.5tti tilmaamaman deeggarsa qonnaa barbaadu. “Galteewwan qonnaa, keessumaa xaa’oo fi sanyiiwwan midhaanii ijoo argachuuf daangeffamuun yeroo qonnaa isa ijoodhaaf balaa guddaadha,” jechuun gabaasa waloo kun akeekkachiiseera.
Kana malees, Itoophiyaan haala diinagdee kufaatii keessa jiru sababa gatii Birrii Itoophiyaa (ETB) itti fufiinsaan gadi bu’uu fi qaala’iinsa jireenyaa ol’aanaa ta’een uumame keessa jirti. Kunis gabaa irratti dhiibbaa uumuun gatiin meeshaalee fi nyaataa ol’aanaa ta’aa jira. Waldhabdee Raashiyaa fi Yukireen dhiyeessii oomishaalee fi meeshaalee nyaataa tokko tokko biyya alaatii galfaman irratti dhiibbaa uumuun haalli Itoophiyaa keessa jiru akka hamaatu taasiseera.” AS