Oduu: Barsiisonni yuunivarsiitii yeroo hin murtoofneef hojii akka dhaaban beeksisaniiru


Finfinnee, Sadaasa 28/2022-
Akka xalayaan Ministeera Barnootaa fi Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatiif barreeffame ibsutti barsiisonni fi gargaartotni teeknikaa yuunivarsiitiiwwan Itoophiyaa keessa hojjetan Sadaasa 26, 2015 irraa eegalee yeroo hin murtoofneef hojii akka dhaaban beeksisaniiru.

Dhimma kanarratti barsiisonni Yunivarsiitii  Addis Standard  dubbise gaaffiin isaanii deebii waan hin arganneef murtee kana akka murteessan himu.

Pirezidaantiin Waldaa Barsiisota Yuunivarsiitii Asoosaa Fiqrasillaase Akaaluu Addis Standard’tti akka himanitti qaamni kun murtee kanarra kan gahe barsiisota yuunivarsiitii hunda waliin erga mari’atee booda. Pirezidaantichi yaadni hojii dhaabuu barsiisota hundaan kan qooddatamu ta’uu ibsuun, Waldaan Barsiisota Yuunivarsiitii ibsa ni baasa jedhan.

Barsiisaan Yuunivarsiitii Waldiyaa Xilahuun Ragaa, mindaan barsiisotaa gadi aanaa ta’uu isaatiin baasii jireenyaa ol’aanaa biyyattii keessatti mul’atu dandamachuun akka hin danda’amne dubbatu. Mindaan barsiisota sadarkaa digrii lammaffaa harka ga’u Birrii kuma 8 fi dhibba 5 qofa akka ta’e himaniiru.

Barsiisaa Xilahuun mootummaan gaaffii barsiisotaa tuffachuun isaa qulqullina barnootaa irratti dhiibbaa guddaa geessisaa jira jedhan. Kana malees barsiisonni Yuunivarsiitii Waldiyaa hundi hojii dhaabuuf qophii ta’uu isaaniis barsiisaa Xilahuun Addis Standard’tti himaniiru.

Barsiisaan Yuunivarsiitii Diillaa maqaan isaa akka hin dhahamne hin barbaanne tokko akka jedhanitti, waldaan barsiisotaa gaaffilee keenyaaf xiyyeeffannaa kennuu waan hin dandeenyeef barsiisota yuunivarsiitii hundaa waliin mari’annee ibsa keenya karaa barsiisota yuunivarsiitii fi gargaartota teeknikaatiin gadhiifneerra jedhan.

Barsiisonni akka jedhanitti, kiraa manaa maal kaffala, ijoollee maal nyaachifna jedhanii waan yaadda’aniif, barsiisuuf qophii gahaa godhaa waan hin jirreef qulqullina barnootaa irratti dhiibbaa geessisaa jira jedhu.

Barsiisonni xalayaa isaanii keessatti mindaa ka’umsaa xiqqaachuu, daballiin tajaajilaa dhabamuu, kiraa manaa  gibira irraa bilisa ta’e dhabuu, maallaqni qorannoo digrii sadaffaa gahaa ta’uu dhabuu, kaffaltii sa’aatii dabalataa sirreeffamuu dhabuu fi guddinni sadarkaa addaan cituu rakkoo ijoo jechuun eeraniiru. Xalayaa kana keessatti hojii dhaabuun kun yeroo hin murtoofneef akka ta’e ibsameera.

Mootummaan gaaffii barsiisota yuunivarsiitii deebisuu dhabuun isaa qulqullina barnootaaf xiyyeeffannoon kennamu baayyee xiqqaa ta’uu ifatti kan agarsiisu ta’uu waldichi miseensonni Mana Maree Bakka Bu’oota Ummata Itoophiyaa hordoffii akka godhu gaafachuun gaaffiin deebii yoo hin arganne Sadaasa 26/2015 irraa eegalee adeemsi baruu fi barsiisuu akka hin jiraanne beeksiseera.

Waldaa Barsiisotaa, Adoolessa 27, 2014,  Xalayaa isaanii keessatti fooyya’iinsi sadarkaa hojii haaraan gargaartota akaadaamii fi teeknikaa yuunivarsiitiif godhame sirrii akka hin taanee fi barsiisota sadarkaa piroofeesaraa qabaniif fooyya’iinsi akka hin jirre akeekaniiru.

Kana malees, baatii Adoolessa 2011 keessa dambiiwwan madaallii hojii hojjettoota mootummaa federaalaa, sadarkaa fi iskeelii mindaa barsiisota yuunivarsiitiif hojiirra hin oolle jechuun komishiniin Siivil Sarvisiif komii dhiyeessee jira.

Itti gaafatamaan hariiroo hawaasaa Ministeera Barnootaa Alamalawarq Hizqaa’eliif  Addis Standard bilbilee dhimma kana irratti waliin haasa’uuf yaalii taasisuus , garuu maaliif akka isaan barbaannu erga dhaga’anii booda osoo deebii nuuf hin kennin bilbila cufaniiru, kanaaf yaada gama mootummaan jiru dhiyeesse dabaluu hin dandeenye.

Barsiisonni kunneen kanaan dura mootummaan gaaffii isaanii hanga Fulbaana 1, 2015tti yoo deebii hin kennine tarkaanfii mataa isaanii akka fudhatan akeekkachiisaniiru.Yeroo sanatti pirezdaantiin Waldaa Barsiisota Itoophiyaa Dr. Yohaannis Bantii gaaffilee dhiheesse dhiyeessan barsiisonni yuunivarsiitii dhiyeessan Ministeera Barnootaa fi qaamolee mootummaa dhimmi ilaallatuuf akka himanii fi jijjiiramni tokko tokko taasifamuu isaa Addis Standarditti himanii turan. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.