Oduu: Miseensi Mana Maree Naannoo Kibbaa fi Paartii Izeemaa hidhamuu paartichi beeksise

Finfinnee, Sadaasa 28/2022 – Miseensa Mana Maree Naannoo Kibbaa fi godina Guraagee aanaa Izhaatti paartii Izeemaa bakka bu’uun filannoo biyyaaleessaa 6ffaa irratti kan filatame Taarraqanyi Daggifee miseensa mana maree ta’uu isaa osoo beekamuufi naannichi mirga himatamuu dhabuu isaa osoo irraa hin kaasiin karaa seeraan alaan gara iddoo hin beekamneetti geeffamuu isaa paartichi (Izeemaa) balaaleeffate. 

Heerri Mootummaa Naannoo Sabaaf Sablammootaa fi Ummattoota Kibbaa keewwata 49 (2) (b): Miseensi mana marichaa yakka cimaa yeroo raawwatu harkaaf harkatti yoo qabame malee hayyama mana marichaa malee hidhamuu fi yakkaan himatamu akka hin dandeenye ifatti ibsamus guyyaa gaafa 17/03/2015 mana jireenya isaa Finfinneetti argamu irraa gara bakka hin ibsamneetti geeffamuu isaa mirkaneessuu ibseera paartichi.

Izeemaan barreeffama miidiyaa hawaasaa isaa irratti maxxanseen, “Mirgi himatamu dhabuu isaa akka eegamuufi tarkaanfiin seera qabeessa fudhatamuu kan qabu seera hordofuun qofa ta’uu akka qabu cimsinee hubachiisuu barbaanna,” jechuun ibseera. 

Kana malees, paartichi tarkaanfiiwwan mootummaan miseensota isaa irratti karaa seeraan alaatiin fudhachaa jiru hunda itti dhiyeenyaan hordofaa akka jiru beeksiseera.

Gaaffii ijaarsa naannummaa godina Guraagee hordofuun rakkoo nageenyaa gareewwan al-idilee ta’an uumaa jiran sirna seera kabachiisuu idileetiin dhaabsisuu waan hin danda’amneef godinichi Sadaasa 16 irraa eegalee Komaand Poostii jala akka ta’u murtaa’uu Biiroon Nageenya Nannoo Kibbaa ibsuu ni yaadatama.  

Hogganaan biirichaa Alamaayyoo Baawdi, hojii nageenya mirkaneessuu gaggeeffameen namoonni yakka kana keessatti hirmaatan 70 ol to’annoo jala ooluu isaanii ibseera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.