Oduu: Kutaa Magaalaa Lammii Kuraatti hoggantoonni weerara lafaan shakkaman shan barbaadamaa akka jiran ibsame

Finfinnee, Sadaasa 28/2022- Kutaa Magaalaa Lammii Kuraatti hoggantoonni weerara lafaan shakkaman hoggantuu bulchiinsa lafaa Habiibaa Umar dabalatee namoonni shan barbaadamaa akka jiran Poolisiin magaalaa Finfinnee beeksise. 

Poolisiin magaalichaa itti gaafatamtuu bulchiinsa lafaa Habiibaa Umar, itti aanaa itti gaafatamaa Tasfaayee Girmaa, ogeeyyii bulchiinsa lafaa Baqaaluu Tsaddaqe fi Cimdeessaa Fulla’aa akkasumas kutaa bulchiinsichaatti hoji gaggeessaa aanaa 04 kan ture Li’ul Tarrafaa seeraan barbaadamaa jiru jedhe.

Namoonni kunneen yakka aangoo isaanii karaa sirrii hin taaneetti fayyadamuu, sanada sobaa qopheessuu fi hanna lafa mootummaa fi ummataa sababa ta’uun barbaadamaa kan jiran ta’uu ibsame.

Poolisiin Finfinnee ummanni shakkamtoonni kunneen eessa akka jiran akka eeru waamicha dhiyeessee jira. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.