Oduu: Fooyya’iinsi jiraatullee gargaarsi namoomaa Tigraay dhaqqabaa jiru gahaa miti: UN

Finfinnee Sadaasa 26, 2022 – Itoophiyaatti bakka buutuun Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fi qindeessituun gargaarsa namoomaa Kaatiriin Soozii erga Tigraay daawwattee booda, gargaarsi namoomaa Tigraay dhaqqabaa jiru gahaa akka hin taane himte.

Lakkoofsi namoota gargaarsa barbaadanii olaanaa waan ta’eef dhiyeessiin nyaataa, qorichoota fi galteewwan qonnaa kallattii maraanuu Tigraay akka seenu namuu carraaqqii gochuu qaba jette.

Magaalota Shiree fi Maqalee akkasumas hospitaalota magaalaa Maqalee keessa jiran kan daawwatte qondaalli kun, sababa waliigaltee nagaa mallattaa’een namoota rakkoo keessa jiran bira gahuun danda’amuu himtee, waliigaltichaaf mootummaa Itoophiyaa fi aanga’oota Tigraay galateeffatte.

Dhaabbatni Mootummoota Gamtoomanii akka jedhutti Sadaasa 15 hanga 24 tti konkolaataawwan fe’umsaa 435 nyaata meetiriik toonii 17,000 fe’an akkasumas konkolaataawwan fe’umsaa 19 wantoota nyaata hin taanee fi qorichoota meetiriik toonii 780 fe’an Tigraay seenanii jiru. Kunis gargaarsa mootummaa Itoophiyaa akkasumas dhaabbilee gargaarsan kennamedha.

Erga walakkeessa Sadaasaati as nyaata, qorichaa fi gargaarsawwan biroo meetiriik toonii 2,400 Tigraay dhaqqabsiisuu kan hime Sagantaan Nyaataa Addunyaa (WFP), ammallee gargaarsi Tigraay dhaqqabaa jiru lakkoofsa namoota rakkoo keessa jiraniin kan wal gitu miti jedhe. Akka WFPn jedhutti Tigraay keessatti namootni miliyoona 2.3 gargaarsa nyaataa hatattamaa barbaadu.

Dhaabbatni Fayyaa Addunyaa (WHO) gama isaatiin deeggarsi qorichoota lubbuu baraaran meetiriik toonii 70 Ministeera Fayyaa Itoophiyaa waliin ta’uun Tigraay dhaqqabuu himee, dhiyeessiin dabalataa karaarra jira jedhe.

Waraana waggaa lama lakkoofsiseen walumaagalatti namootni miliyoona 13.6 ta’an gargaarsa kan isaan barbaachisu yoo ta’u, miliyoonni 5.4 Tigraay keessa, miliyoonni 7 naannoo Amaaraa akkasumas miliyoonni 1.2 naannoo Affaar keessa jiru.

Namoota miliyoona 9.8 Kibbaa fi Kibba Baha Itoophiyaatti hongeen miidhaman dabalatee, walumaagalatti Itoophiyaa keessatti lakkoofsi namoota gargaara barbaadanii miliyoona 22 ta’uu UN beeksiseera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.