Daldala: Baankiin Gadaa tajaajila eeggale

Finfinnee, Mudde 22/2022 – Baankiin Gadaa adeemsa hundeeffama isaa xumuree, Guyyaa har`aa, Muddee 22 bara 2022 irraa eegalee hojii jalqabu, Pireezidaantiin Baankii Gadaa obbo Waldee Bultoo beeksisan.

Baankiichi koree hundeessituu namoota 25nin hundeeffamus himameera. Akkasumas Baankiichi Abbootii Aksiyoonaa kuma 28 ol ta’aniin kaappitaala Birrii Miliyoona 552 kan kaffalamee fi kaappitaala galmaa’e Birrii Biliyoona 1.167 Kan hundeeffame ta’uu obbo Waldee himaniiru.

Baankiichi uummata baadiyyaa lakkoofsaan hedduu ta’eef tajaajila baankii dhiheenyatti hin argannee tajaajila si’ataa akka argatuufi jireenya isaa akka fooyyeffatuu ni gargaaraas jedhan Obbo Waldeen.

Dabalataan dargaggoota hojii dhabeeyyii hojii mataa isaanii akka uummataniif tajaajilaa liqaa ni mijeessaas jedhaniiru. Baankiin Gadaa tajaajila si’ataa kennuuf teknoolojii ammayyaa’aa fi humna namaa gahoomeen hojii Kan eegalee ta’uus himameera. Baankiichi damelee 30n hojii kan eegale yoo ta’u gara fuùlduraatti guutuu biyyattiitti damee isaa Kan babal’isuufi darbees Baankiiwwan Addunyaa Garagaraa waliin hojjechuuf waliigalteerra Kan gahan tahus himameera. Kana malees Baankiichi tajaajila lammummaa irrattis hirmaachaa tureera jedhame.

Maddi: OBN

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.