Oduu: Bulchiinsi magaalaa Finfinnee kaarikulamii barnootaa af-daneessa Afaan Oromoo fi Afaan Amaaraa akka afaanota dabalataatti barsiisu ifoomse

Suuraa irraa kan fudhatame: Waajjirri Kantiibaa magaalaa Finfinnee

Finfinnee Amajjii 12, 2023 – Kaabineen bulchiinsa magaalaa Finfinnee kaarikulamii barnootaa haaraa af-daneessa ta’e, kan Afaan Oromoo akka afaan dabalataatti manneen barnootaa hunda keessatti akka barsiifamu godhu raggaasise.

Akkaataa Kaarikulamii haaraa kanaatiin Afaan Oromoo manneen barnootaa magaalaa Finfinnee hunda keessatti Afaan Amaaraa fi Ingiliffaatti dabalataan akka gosa barnootaa tokkootti kan kennamu yoo ta’u, Afaan Amaaraas manneen barnootaa Afaan Oromoo fi manneen barnootaa hunda keessatti barattootaa daree Afaan Oromootti barataniif akka gosa barnootaa tokkootti kennama.

Kaarikulamiin haaraan kun dhimma falmisiisaa wa’ee alaabaa Oromiyaa manneen barnootaa magaalaa Finfinnee keessatti fannisuu fi faaruu Oromiyaa farfaachuu wanti jedhe jiraachuu baatus, kaarikulamiin duraan mootummaa naannoo Oromiyaa irraa fudhatamee hojiirra oolaa ture haqamee isa haaraan bakka bu’eera jedha.

Alaabaa Oromiyaa manneen barnootaa magaalaa Finfinnee keessatti fannisuu fi faaruu Oromiyaa farfaachuun wal-qabatee mormii ka’ee hokkorri cimaan uumamee, sababa kanaatiinis barattootaa fi barsiisota dabalatee namoonni hedduun hidhamuun isaanii ni yaadatama.

Biiroon Barnootaa magaalaa Finfinnee, manneen barnootaa Afaan Oromoon barsiisaniin alatti, manneen barnootaa magaalattii hunda keessatti, barattoota afaan dhalootaa isaaniitiin barachuu barbaadaniif waggoota shanan darbaniif addatti daree barnootaa Afaan Oromoo qopheessee barsiisaa ture. Kana gochuufis biirochi kaarikulamii barnootaa mootummaa naannoo Oromiyaa irraa ergifatame, kan alaabaan naannoo Oromiyaa akka fannifamuu fi faaruun naannichaa akka faarfatamu jedhu fayyadamaa ture.

Akka ibsi Waajjirri Kantiibaa baaseetti, kaarikulamiin kun Yuunivarsiitii Meetroopoolitaanii Kotabeetiin kan qoratame yoo ta’u, barsiisotaa fi maatii barattootaa dabalatee qooda fudhattoota biratti gadi fageenyaan erga irratti mari’atamee fi falmiin irratti gaggeeffamee booda raggaasifame.

Filannoo barattootaa irratti hundaa’uun hanga kutaa 7tti barnootni hundu Afaan Amaaraa ykn Afaan Oromootiin kan kennamu yoo ta’u, san booda gara Afaan Ingiliffaatti jijjiirama. Afaan Arabaa fi Fireenchi barattoota kutaa 9ffaa fi 10ffaaf filannoodhaan kan kennamu ta’uu kaarikulamiin haaraan kun ni akeeka. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.