Oduu: Godina Qeellam Wallaggaatti barsiisonni 20 ol sababa “mindaan isaaniiguutuun akka kafalamuuf” gaafataniif hidha buufaman

Barsiisaa mana barumsaa sadarkaa lammaffaa daree ishee keessatti

Finfinnee Amajjii 12, 2023 – Lixa Oromiyaa, Godina Qeellam Wallaggaa Aanaa Laaloo Qileetti, maallaqa mindaa isaanii irraa citu ilaalchisee gaaffii kan kaasan barsiisonni 20 ol poolisiin to’annaa jala oolche. Barsiisonni kunneen torbaan tokkoo oliif buufata poolisii Aanaa Laalootti hidhamanii akka jiran VOA Afaan Oromoo gabaaseera.

“Bara 2021 mindaa ji’a tokko guutummaa isaa kan waggaatti citee dhumuu [sagantaa MM Abiy Ahimad] ’Maaddii Biyyaaf’ jedhuuf, misooma biyyaati haata’u jennee kennine. Bara 2022 ijaarsa waajjira Paartii Badhaadhinaa Godinaaf jedhamee akkasuma nurraa citaa ture. Ammas waggaa sadaffaaf ijaarsa waajjira aadaa fi turizimii godinichaaf akkasuma akka goonu nu gaafannaan, sababa qaala’iinsi jireenyaatiin akka hin dandeenye himuun didne,” jedha barsiisaan tokko.

Barsiisonni mindaa isaanii guutuun akka kaffalamuuf xalayaa bulchiinsa Godinaatiif barreessanii akka turan kan himan barsiisaan kun, “sin hiina, sin ajjeesna jedhanii nu doorsifnaan lubbuu keenyaaf sodaannee mana barumsichaa gadi dhiifnee baane” jedhan.

Jiraataan naannoo sanaa obboleessi isaa barsiisaa ta’e jalaa hidhames kanuma mirkaneessee, manneen barnootaa aanichaa ja’a irraa barsiisonni 24 to’annoo jala ooluu isaanii fi mana murtiitti osoo hin dhiyaatin mana hidhaa akka Jiran hime.

Itti gaafatamaan waajjira bulchiinsaa fi nageenyaa Aanaa Laaloo Qilee Birhaanuu Gannatii VOAtti yoo dubbatan, komii barsiisotaa kana kufaa gochuun inumaayyuu barsiisonni hidhaman kanneen gocha adeemsa baruu-barsiisuu danquu danda’u irratti bobba’an ta’uu himan.

Barsiisonni kunneen ofuma isaaniitiin hojii isaanii gadi dhiisanii bahuun, barattoota barnoota malee hambisan kan jedhan aanga’aan kun, kanaanis manneen barnootaa keessatti goolii uuman jedhu. Barsiisonni kun gara hojii isaaniitti akka deebi’an amansiisanii gadi dhiisuuf abbootii Gadaa waliin yaaliin taasifamaa jira jedhan.

Barsiisonni hojjettoota mootummaa kaffaltii xiqqaa argatan yoo ta’an, yeroo dhihoo as komii yeroo dheeraa qaban dhageessisaa jiru. Kunis qondaaltota bulchiinsaa waliin waldhabdee keessa isaan buusaa jira.

Sadaasa darbe gara xumuraa barsiisonni fi gargaartotni teeknikaa isaanii yunivarsiitiiwwan Itiyoophiyaa keessa hojjetan gaaffiin isaanii daballii mindaa, guddina sadarkaa, mana jireenyaa, inshuraansii fayyaa, mala liqii fi kkf dabalatuuf mootummaan deebii kennuu dide jechuun hojii dhaabuuf akka jedhan himanii turan.

Mudde jalqabarraa barsiionni kunneen mormiif hojii kan dhaabanii turan yoo ta’u, Muddee 05 pireezidantii Waldaa Barsiisota Yuunivarsiitii Arbaa Minch dabalatee barsiisonni afur to’annoo jala oolfamanii turan. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.