Daldala: Baankiin Siinqee fi Oomisha Gabaa Itiyoophiyaa waliigaltee wal hubannoo hojii mallatteessan

Akka ibsa Baankii Siiqee baaseetti, waliigalteen kun kaleessa Amajjii 13 mallattaa’eera. Suura: Baankiin Siinqee

Finfinnee, Amajjii 13, 2023 – Baankiin Siinqee fi Oomisha Gabaa Ityoophiyaa sirna kaffaltii oomisha qonnaa ammayyawaa hawaasa biraan gahuuf Waliigaltee Wal-hubannoo mallatteessan. Walii galteen taasifame, qaqqabummaa tajaajila sirna kaffaltii oomisha qonnaa guddisuu keessatti gumaacha olaanaa akka qabaatu ibsameera. Waliigalteen kun kaleessa Amajjii 13 mallattaa’eera.

Akka ibsa Baankii Siiqee baaseetti, Baankiin tajaajila faayinaansii hawaasa bal’aa keessattuu, qonnaan bultootaa, horsiisee bultoota, dubartootaa fi dargaggoota biraan gahuuf xiyyeeffatee hojjechaa kan jiru yoo ta’u yeroo ammaa kana maamiloota Miliyoona 3.2 dameewwan isaa 450 irratti tajaajiluurratti argama. Kunis, Baankichi bu’uura hawaasaa bal’aa akka qabaatu kan taasiseedha.

Ibsa Baankii Siiqee irraa bahe akka dabalee: “Baankichi uwwisa damee fi bu’uura maamilaa bal’aa qabaachuun isaa waliigaltee qaqqabummaa sirna kaffaltii oomisha qonnaa guddisuuf mallattaa’e milkaa’inaan hojiirra oolchuuf ni gargaara jedhameera.” AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.