Oduu: Humni addaa Amaaraa Shiree fi naannawasheetii bahaa jiraachuun himame

Finfinnee, Amajjii 13, 2023 – Miseensonni humna addaa naannoo Amaaraa magaala Shiree kan 140km kaabalixa Maqaleetti argamtuu keessaa fi naannawashee turan bahaa jiraachuu humni raayyaa ittisa Itoophiyaa ibsa kaleessa baaseen addeesseera.

Taateen waraana baasuu kuni waliigaltee nageenyaa kan Afrikaa Kibbaa fi Keeniyaatti godhame hordofuun kan raawwatame ta’uu humni raayyaa ittisaa kuni himeera.

Gochaan kuni erga gareen to’attootaa, gulaaltotaa fi raga-baatota Gamtaa Afrikaatiin muudame adeemsa waraana hiikkachuu loltoota Tigraay fi gochaa itti aanuu kan loltoonni Tigraay meeshaa waraanaa gurguddaa raayyaa ittisa biyyyattiitiif dabarsanii laachuutiin walqabatee ibsa Amajjii 10 baaseen booda kan raawwatameedha.

Itti aanaa Itaamaajoor Shuumii raayyaa ittisa biyyaa Janaraal Ababaaw Taaddasaa iddoo humni addaa Amaaraa gadi lakkisanii bahaa jiranitti argamuun humnoonni kunneen ajaja waliigaltee nageenyaatiin walqabatee mootummaan dabarse hordofuun kan raawwatameedha jedheera.

Haata’u malee, gareen gulaaltota Gamtaa Afrikaa haala hidhannoo hiikkachuu fi meeshaa waraanaa gurguddaa dabarsanii laachuutiin walqabatee ibsa Amajjii 10 kan baase ta’us waa’ee bahuu humnoota Amaaraatiin walqabatee ibsi laate hin jiru.

Akkaataa waliigalteen Piriitooriyaa hojiirra itti ooluun walqabatee waliigalteen Naayroobiitti Sadaasa 12 mallatteeffame keeyyanni 2.1/D, “waraanaa hiikkachuu fi waraanni biyya ormaa fi kan miseensa raayyaa ittisa biyyaa hin taane baasuun walmaddii raawwatama” jedha.

Tooftaan to’annaa, ragaa bahuu fi gulaallii Gamtaan Afrikaa raawwatamu garee Meejar Janaraal Steefan Raadinaa Keeniyaatiin hogganamuu fi kan Koloneel Rufaa’ii Umar Maayiriigaammoo Naayjeeriyaarraa fi Koloneel Teefoo Sekoolee Afrikaa kibbaa wajjiin hojjatu ifatti Maqaleetti Muddee 29 hojii eegalee ture.

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.