Oduu:Naannoolee waraanaan hubamanitti sakkatta’iinsi walabaa fi ce’umsi haqaa bu’a-qabeessi akka taasifamuu dhaabbata mirga namoomaa idialaddunyaa gaafate

Finfinnee, Amajjii 13, 2023 – Dhaabbanni idil-addunyaa mirga namoomaatiif falmu kan (Human Rights Watch) jedhamu ce’umsi bu’a-qabeessaa ta’e akka mirkanaa’uuf sakatta’iinsi walaba ta’e naannoolee waraanaan hubaman keessatti akka eeyyamamuuf qaamolee waraanatti hirmaatanirratti dhiibbaa akka godhan hawaasa idil-addunyaa gaafate.

Dhaabbati idiladdunyaa kuni akka jedhetti, waraana raashiyaa fi Yuukreen wajjiin wal bira qabnee yoo ilaallu waraanni dhiiga dhangalaasaa Itoophiyaa kan waggaa lama tureef xiyyeeffanaa xiqqaatu kenname jedheera.

Gabaasi idiladdunyaa bara 2023 dhaabbatichi baase kan haala qabiinsa mirga namoomaa addunyaa guutuu gulaaluu kuni, “Waraanni kaaba Itoophiyaa kan badii waggaa lamaaf badii hammaataa qaqqabsiisee fi ajjeeechaa jumlaa qaamolee hirmataniin raawwatame kuni xiyyeeffannaa waraana Yuukreeniif kennameen wal bira qabnee yoo ilaallu xiyyeeffannaan idiladdunyaa waraanni argate tokko afraffaa kan Yuukreenii hin ta’u,” jedheera.

Duguuggaan sanyii kan dhalattoota Tigraayitti lixa Tigraayitti raawwatame ajjeechaa, miidhaa kornayaa, hidhaa jumlaa fi namoota kumaatamaan lakkaa’aman buqqaatiidhaaf saaxiluu eereera.

Kana malees, “marsaa bu’aqabeessa mootummaan feederaalaa naannoo Tigraayirratti raawwate bara 2022 keessas itti fufe kan lammilee nagaa nyaata, qorichaa fi gargaarsa namoomaa lubbuu baraaruu fi tajaajilawwan viroo kan akka elektiriikaa, baankii fi walqunnamtii akka hin arganne taasise raawwachuun seera idil addunyaa kan cabsu ta’uu,” gabaasichi ibseera.

Dhaabbata motummoota gamtoomanii, fi Ameerikaa sakatta’iinsi walabaa akka taasifamu qaamolee waraanatti hirmaatanirratti dhiibbaa taasisuun qaamota yakka raawwwatanirratti gaafatamummaa akka dhugoomfamu akka gaafeera. “Mootummoonni fi dhaabbanni mootummoota gamtoomanii ajjeechaa seeraan alaa fi miidhaa kornayaa bal’aa fi saamicha kan balaaleeffate ta’u tarkaanfiin biraa fudhate hin jiru.”

Gaaga’ama naannoolee biroo biyyattii keessa deemaa jiru yeroo hubachiisummoo humnoonni tika mootummaa fi gareen hidhattootaa naannoolee biroo keessumaa naannoo Oromiyaa keessatti yakkoota ciccimoo raawwataniiru jechuun hokkorri fi hongeen gaaga’ama namoomaa hammaataan namoota miliyoona 20 ol ta’an gargaarsa namoomaa akka barbaadan taasiseera.

“Lixa Oromiyaatti, waraanni humnoota mootummaa fi hidhattoota gidduutti godhamu yakka hammaataa gama lamaaniinuu raawwatameera,” dhaabbatichatu jedhe.

Yakkooni seera idiladdunyaa cabsan kaaba Itoophiyaa fi Oromiyaatti qaamota waraanatti hirmaataniin kan raawwataman ta’us itti gaaafatamummaa raggaasisuu fi tattaaffiin mootummaan taasisee fi taasisaa jiru qubsaa kan hin taane, iftoomina kan hin qabnee fi rakkoo walabummaa kan qabuudha.

Waraanni Oromiyaa kan lammilee nagaa dhiphisee fi kan kumaatamaan lakkaa’aman yakka haleellaan dabalaa jiruu fi waraanni kutaalee oromiyaa adda addaa keessatti taasifamaa jiru “sarbamiinsa mirga namoomaa hammaataatiif” lammiilee nagaa saaxileera. AS

.

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.