Oduu: Poolisiin biyya Puuntlaand hogganaa garee hidhattootaa Daa’ish dhalataa Itoophiyaa ta’e ajjeesuu beeksise

Suuraa dhalataa Itoophiyaa Abu-Albaaraa Al Amaani jedhame TV Puuntlaand irratti maxxanfame

Finfinnee, Amajjii 13/2022 – Poolisiin biyya Puuntlaand ibsa baaseen humnoonni nageenyaa Puuntlaand hogganaa garee hidhattoota Daa’ish dhalataa Itoophiyaa kan ta’e Abu-Albaaraa Al Amaani jedhamu duula Amajjii 12 gaggeessaniin ajjeesuu isaanii beeksiseera.

Akka gabaasa Televizoona Puuntlaand irraa baheetti, humni nageenya Puuntlaand haleellaa hidhattoonni Naannoo Baarii Aanaa Baali-dhidhiin irratti xiyyeeffatanii karoorfatan ittiseera.

Televizoonni mootummaa Puuntlaand oduu Ajaja Poolisii Mootummaa Puuntlaand irraa bahe wabeeffachuun akka jedhetti, hidhattoota Daa’ishiin itti gaafatamaa ta’uun kan muudame Abu-Albaaraa Al Amaani, sababa lola garee hidhattoota isaa fi Humnoota Nageenyaa Puuntlaand gidduu naannoo gaarreen Calmikaad keessatti gaggeeffameen ajjeefame.

Ibsichi itti dabaluudhaan Abu-Albaaraa Al Amaaniin lammiileen Itoophiyaa hedduun garee Daa’ish naannoo Puuntland keessatti lola jirutti akka makaman dirqisiisuu irratti gaafatamaa akka ta’e ibseera.

Kanaan dura, Puuntlaand humni biyyattii itti gaafatamaa duula Daa’ish Abu Waliid Al-Muhajir naannoo gaarreen Calmiskad jedhamutti ajjeesuu ibseera. Sana booda gareen kun ji’a Adoolessa 2021 bakka Abu Waliid irratti Abu Albaaraa muude.

Gareen hidhattoota Daa’ish, ISIL ykn ISIS jedhamuunis beekamu, garee akka addunyaatti shororkeessummaan labsamedha. Itoophiyaatti gareen kun ajjeechaa Ebla 2015 Liibiyaa keessatti Kiristaanota Ortodoksii Itoophiyaa fi Eertiraa 28 haala suukaneessaa ta’een mataa irra murame duuba jiraachuun beekama. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.