Oduu: Kaabineen naannoo Somaalii maqaa baatilee Af-Somaaliin moggaafame hojiirra akka oolu mirkaneesse

Finfinnee, Guraandhala 02, 2023 – Kaabineen Mootummaa Naannoo Somaalii maqaa baatilee 12 Afaan hojii naannichaa kan ta’e Af-Somaaliitiin moggaafame hojiirra akka oolu raggaasise.

Maqaan Baatilee 12 raggaasifame kun manneen barnootaa fi waajjiraalee mootummaa naannichaa keessatti amma booda hojiirra akka oolu gabaafameera.

Murtii Af-Somaalii dagaagsuu keessatti tarkaanfii murteessaadha jedhamee leellifame kanarra kan gahame, erga qorattoonni afaanii naannichaa fi kanneen biroo moggaasa guyyoota, baatilee fi waggaa irratti qorannoo godhan irratti mari’atamee booda.

Amma dura Af-Somaalii keessatti maqaa baatilee Afaan Ingiliiziitu hojiirra oolaa ture.

Maqaan baatilee 12 haaraa moggaafamee fi hiikaan isaanii akka armaan gadiitti dhiyaata:

Dharabley – Amajjii

Cirir – Guraandhala

Cuur – Bitootessa

Duugato – Eebla

Miicaad – Caamsaa

Agaali – Waxabajjii

Afagaal – Adoolessa

Naaf – Hagayya

Koodxin – Fulbaana

Dirir – Onkoloolessa

Gudba – Sadaasa

Xoorrey – Mudde

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.