Oduu: Itoophiyaan aangoo Ogeeyyii Mirga Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii akka addaan kutuuf deeggarsa Ameerikaa gaafatte

Bitaa irraa: Mohamed Chande Othman, Dura taa’aa ICHREE, Radhika Coomaraswamy fi Steven Ratner, miseensota ICHREE

Finfinnee, Guraandhala 03/2023 – Itoophiyaan gaaffii aangoo Komishinii Ogeessota Mirgoota Namoomaa Idil-addunyaa Itoophiyaa (ICHREE) akka addaan kutuuf dhiyeessite Ameerikaan akka deeggartu gaafatte.

Kunis Guraandhala 02, wayita Itoophiyaatti Ambaasaaddarri Ameerikaa Tiresii An Jaakobsan Deetaa Ministiraa Dhimma Alaa Itoophiyaa Ambaasaadar Misgaanuu Argaaf waamicha kabajaa taasisteen ta’uu Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa beeksiseera. Marii kana irratti Ambaasaaddar Misgaanuun “Ameerikaan waliigaltee nageenyaa Gamtaa Afrikaan durfamu Piritooriyaatti mootummaa Itoophiyaa fi ABUT gidduutti taasifameef deeggarsa gochuu ishee galateeffateera,” akkasumas mootummaan “waliigaltee nagaa mallattaa’e hojiirra oolchuuf guutummaatti kutannoo qaba” jechuun ibseera. Ameerikaan tattaaffii ijaarsa deebisanii ijaaruu fi deebisanii dhaabuu kanaaf deeggarsa akka gootu waamicha dhiyeesseera.

“Itoophiyaan dhimmoota dhiittaa mirga namoomaa karaa Sirna Haqaa Ce’umsaatiin furuuf waadaa galte irra deebi’uun kan ibse Ambaasaaddar Misgaanuun, Ameerikaan aangoo Komishinii Ogeessota Mirgoota Namoomaa Idil-addunyaa Itoophiyaa siyaasaan xaxame addaan kutuuf yaaliiwwan Itoophiyaan taasiftu akka deeggartu gaafateera,” jedha ibsi Ministeerri Dhimma Alaa.

Baatii Muddee bara darbe keessa Koreen Shanaffaan Yaa’ii Waliigalaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii, Komishiniin Ogeessota Mirgoota Namoomaa Idil-addunyaa Itoophiyaaf qabeenya kamiyyuu akka hin raggaasifne jechuun wixineen murtoo Itoophiyaan dhiyeessite mormii sagalee 71, deeggarsa 32 fi miseensonni 50 sagalee kennu irraa of qusatanii sagalee caalmaan kufaa ta’eera.

Kunis, Itoophiyaan yaa’iin waliigalaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii ogeeyyii mirga namoomaa waraanaan walqabatee dhiittaa mirga namoomaa Itoophiyaa keessatti raawwatamu qorachuuf Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniin muudaman qabeenya akka deebisiisu taasisuuf yaaliin goote isa lammaffaa fashalaa’eedha. Mootummaan Itoophiyaa ijaarsa Komishinii Ogeessota Mirgoota Namoomaa Idil-addunyaa Itoophiyaa erga mormee booda, baatii Ebla bara darbe keessa, deeggarsa maallaqaa UN irraa argatu akka dhaabbatu sagalee kennituus hin milkoofne.

Gabaasni jalqabaa baatii Fulbaana bara darbe Komishinii Ogeessota Mirgoota Namoomaa Idil-addunyaa Itoophiyaa, Mana Maree Mirgoota Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniif dhiheesseen argannoowwan jalqabaa waraana Itoophiyaa irratti “waraana naannoo Tigraay fi Amaaraa keessatti uumame” uwwiseen, “Itoophiyaa keessatti erga Sadaasa 03 bara 2020 irraa eegalee sarbamiinsa, kan akka ajjeechaa seeraan alaa, gudeeddii, miidhaa saalaa, fi beela ummata nagaa akka mala waraanaatti fayyadamuu raawwatamaa kan ture amanuuf sababoonni madaalawaa ta’an jiraachuu,” akkasumas “sarbamiinsa kun yakka waraanaa akkasumas yakkoota dhala namaa irratti raawwataman akka ta’an amanuuf sababoonni madaalawaa ta’an jiraachuu” mul’isuu isaa ni yaadatama.

Haa ta’u malee, erga Mudde 17 bara 2021 Mana Maree Mirga Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Jenevaatti argamuun hundeeffamee jalqabee, Itoophiyaan kaayyoo siyaasaaf akka hundeeffame cimsitee kan ibsite yoo ta’u, yeroo tokko “mirga dhala namaa dhiibbaa siyaasaaf itti fayyadamaa” jechuun himatte turte.

Mootummaan Ameerikaa fi Gamtaan Awurooppaa garuu itti gaafatamummaa sarbama mirga namoomaa fi dhiittaa mirga namoomaa akkasumas hojiirra oolmaa haqaa ce’umsaa akka qaama hojiirra oolmaa guutuu Waliigaltee Nageenyaa Pritoriyaa ta’etti cichuu itti fufaniiru. Mudde 22, Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Bilinken akka jedhetti, Ameerikaan “sarbamiinsa duraan tureef itti gaafatamummaa barbaadaa yeroo jirtu kanaatti, hordoftoota mirga namoomaa walaba ta’an gara Tigraayitti galchuun gocha hammeenyaa itti fufee jiru akka hin jirre mirkaneessuu dandeessisu irratti xiyyeeffatteetti,” jedhe.

Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa ibsa kaleessa kenneen, Dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa Ned Piraayis akka jedhetti, Ameerikaan gareewwan waliigaltee waraana dhaabuuf waadaa galan galateeffachuun, hordoffii mirga namoomaa idil-addunyaatiin eegumsa lammiilee nagaa mirkaneessuu, akkasumas itti gaafatamummaa dhiittaa mirga namoomaa fi haqaa ce’umsaa hordofuu dabalatee hojiirra oolmaa itti fufiinsa qabu jajjabeessiti,” jedhe. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.