Oduu: Finnii fi Kooleeraan lubbuu daa’imman Itoophiyaa duraanuu beelaan miidhamanii hubaatiif saaxile

Finfinnee, Guraandhala 03, 2023 – Koleeraa fi finniin ykn gifirri Itoophiyaa keessatti mul’achuun daa’imman dhukkubichaaf saaxilaman kan duraan rakkoo hir’ina nyaataatiin hubaman biratti sodaa dabaluu dhaabbaannii gargaarsa namoomaa daa’imman baraaruuf hojjatu ‘Save the Children’ jedhamu ibseera.

Weerarri koleera naannoolee Oromiyaa fi Somaalii miidhaa jira. Fulbaana 2022 eegalee xiqqaatu namoonni 1,055 ta’an dhukkubichaan kan qabaman yoo ta’u 28 du’aniiru. Ji’oottan sadan darban keessa qofa namoonni 316 kan qabamn yoo ta’u kan ji’a Muddee 739 turerraa harka 30 dabaleera. Lammiileen naannoolle lamaan keessa jiraatan miliyoona tokko ta’an dhukkubichaaf saaxilamaniiru.

Taateewwan walitti hidhata qaban kan akka rakkoo bishaan dhugaatii hammaataa, rakkoo qulqullina dhunfaa fi rakkoolee tajaajila qulqullinaa hawaasaa kan akka mana fincaaniitiin alatti qulqullaa’uu, maloota bishaan ittiin qulqullaa’u dhabamuu fi hongeen hammaataan haala jiru daran hammeessee jira.

Ujummooleen bishaanii duwwaa waan ta’aniif manneen hedduu bishaan qulqulluu argachuuf tattaafatu. Namoonni kooleeraan qabaman keessa harka 70 kan ta’an bishaan lagaa dhuguudhaan dhukkubichaaf saaxilamuu aanga’oonni ni himu. 

Itoophiyaa keessatti namoota miliyoona 13 ol ta’an rakkoo hamtuu keessa jiran keessaa kan miliyoona 6.8 ta’an rakkoo bishaan qulqulluu hammaataa keessa jiru. Biyaattiin waqtii bonaa seenaa jirti waan ta’eef haali kuni ji’oota Amajjii fi Fulbaanaa keessa daran cimee itti fufuu dnda’a. Roobni ji’a dhufu Ebla keessa roobu kan eegamuu gadi ta’uu tilamaamni haala qilleensa mul’iseera.

Hongeen irra deddeebiin sababa hanqina roobaa waqtii shaniif walitti aansuun mudate, walitti bu’insii fi buqqaatiin Itoophiyaanonni miliyoona 12 ta’an beelaaf kan saaxilaman taasisuu ‘Save the Children’ji’a darbe ibseera. Itoophiyaa keessatti daa’imman miliyoona 3.9 (walakkaa daa’imman Gaafa Afrikaatti beela’an) kan ta’an dhibee hir’ina miidhaan nyaataa hammaataatiif akka saaxilaman taasiseera.

Naannoolee Somaalii fi Oromiyaa keessatti daa’imman isaanii mallattoolee dhibee cimaa mul’isaniif haadholeen baay’ee gaddan giiddugala wal’aansa Save the Children gahaa jiru.

Hoodaan abbaa manaa fi ijoollee afur wajjiin naannoo Somaalii keessa jiraatti. Sababa hongeen jiru hojii horsiise bulummaa harkaa balleessee booda abbaan manaa ishee kuduraa fi muduraa kunuunsuu gandasaanii keessatti namaaf hojjachaa jira.

Ji’ootan afran darban keessa re’oots sadii fi gaala sadii dhabuu ‘Save the Children’itti himuun maatiinshee galii fi nyaata malee hafeera jetteerti. Kanaafuu intalashee umrii ji’a 19 Ayaan jedhamtu kan dhibee hir’ina nyaataatiin garmalee huibamte dabalatee maatiishee sooruuf tattaafachaa jirti. Ayaan giddu gala wal’aansaa kan buufata fayyaa Kalaafoo jedhamu kan wal’aansa lubbuu baraaruu itti argachaa jirtutti galtee jirti.

“Sababa hongeetiin qarshii waan hin qabneef daa’imman koo sooruuf hin danda’u. loon qabnaa ture hunda amma dhabneerra. Daa’imti koo ji’a tokkoof dhukkubsatchaa jirti.daa’imti koo dhibeen itti jabaachaa deemuu waan hubadheef gara buufata fayyaa fiduuf murteesse. Kanaafan as dhufe,” Hodaantu jedhe.

Baruma kana walakkaa ji’a Amajjii keessa, Kalaafoo buufati fayyaa kalaafoo daa’imman dhibee hir’inanyaataatiiin hubaman 18 fudhateera. Daa’imman ji’a Amajjii 2023 fudhataman kan Amajjii 2022 galan sadiin caalu. Kunis Itoohiyaa keessatti rakkoon kuni dabalaa dhufuu mul’isa.

“Sababa beelaatiin dandeettii dhibee ofirraa ittisuu gadi bu’uun daa’imman dhukkubaa fi rakkoof waan saaxiluuf, daa’imman akka Ayaan koleeraa fi finniitiif kan shakkaman ta’uu ni hubanna. Itoophiyaa keessatti namoota kooleeraan dhibaman keessaa daaa’imman harka 75 ta’u. Daa’imman koleeraan du’an kunneen irra caalaansaanii umrii 14 gadi yoo ta’an harka 25 kan ta’animmoo umrii shani gadi ta’uunsaa nu yaachisa. Hawaasa miidhame kanaaf nyaataa, bishaanii fi tajaajila fayyaa laachuuf buusiin dabalataa akka godhamu waamicha gochaa jirra,” Save the Children’tti hogganaa damee Itoophiyaa Zhaaviyeer Juubart jedhe.

“Hongeen ammaa kuni weerara dhibee kanaaf sabab ta’aa jiraachjuun ifa dha. Daa’imman dhibee hir’ina beelaatiin hubaman kanarratti dhiibbaa hammaataa fida sodaa jedhu qabna. Daa’imni kamiyyuu bishaanii qulqulluu fi qulqullina gahaa saffisaan akka argatu barbaanna,”

Save the Children waggoota jahaatama ol Itoophiyaa keessa kan hojjate yoo ta’u walitti bu’iinsa kaaba Itoophiyaatti uumameen walqabatee gaaga’ama namoomaa uumamuuf dhiyeessi gargaarsaa gochuun fulduree kan ta’an keessa tokkoodha. Akkasumas, gaaga’ama namoomaa yeroo dheeraaf naannoolee Oromiyaa fi Somaalii keeessatti uuameef gargaaarsa kennuu ittif fufeera.hojiin dhaabbatichaa fayyaa fi sirna nyaataarratti kan fulleeffate yoo ta’u gargaarsa lubbuu bararuu dhiyeessii bishaanii fi qulqullinaa, eegumsa, barnoota, qarshii fi daa’imman hubamanii fi maatiisaaniitiif meeshaa tamsaasuudha.

Bara 2022 keessa ‘Save the Children’ daa’immnan 7,574,882 fi gargaarsa lubbuu baraarruutii daa’imman 5,140,968 kan qaqqabe yooo ta’u tajaajiloota akka nyaataa dhiyeessuu, dhiyeessi bishaanii, dhibee hir’ina nyaataa wal’aanuu fi kan kana fakkaatan kenneera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.