Oduu: Weerarri koleeraa godinaalee Baalee, Arsii Lixaa, Gujii fi Naannoo Somaalee Liibanitti lubbuu namoota 28 galaafate; namoonni miliyoona 1tti siqan balaa guddaa keessa jiru: UN

Finfinnee, Amajjii 31/2023 – Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Qindeesssaan Gargaarsa Namoomaa (UNOCHA) gabaasa haaraa baaseen weerarri Koleeraa gandoota 66 Naannoo Oromiyaa godinaalee Baalee, Gujii fi Arsii Lixaa aanaalee saddeet, akkasumas naannoo Somaalee godina Liiban aanaalee lama keessa argamanitti babal’achuun buqqaatota 191 fi du’a namoota 28 dabalatee lakkoofsi waliigalaa namoota koleeraan qabaman hanga Amajjii 30 bara 2023tti gabaafame 1,055 geessisuu ibseera. Aanaalee 10 dhibee kanaan miidhaman keessatti namoonni miliyoona 1tti siqan balaa guddaa keessa jiraachus ibsameera.

Hanga Amajjii 30 bara 2023tti godina Baalee aanaalee 6 (Barbaree, Harannaa Bulluq, Goroo, Dalloo Mannaa, Gurraa Dhaamolee, Madda Walaabuu), godina Gujii aanaa Girjaa, godina Arsii Lixaa aanaa Nansaboo, aanaalee lama naannoo Somaalee godina Liiban keessatti argaman (Gurraadhaamolee fi Karsaduulaa) keessatti namootni 1,055 ta’an dhibee koleeraatin qabamuu mirkanaa’eera. Aanaalee dhibee kanaan miidhaman 10 kana keessatti du’a namoota 28 mirkanaa’e keessaa, aanaa Gurraadhaamolee [kan godina Liiban keessatti argamu] fi aanaa Barbaree [Baalee keessatti kan argamu] walduraa duubaan du’a namoota 13 fi 5 galmeessuun aanaalee hanga ammaatti lakkoofsa namoota dhibeen kanaan du’an ol’aanaa galmeessan ta’aniiru.

Akka gabaasa kanaatti, guyyaa guyyaan namoonni haaraan dhibee kanaan qabamuu fi aanaalee Goroo, Nansaboo fi Girjaatti dhukkubsattoonni haaraan seenuu hordofee jalqaba baatii Amajjii bara 2023 irraa eegalee lakkoofsi waliigalaa namoota dhukkuba koleeraa qabaman dhibbantaa 30n dabaleera. Duuti gabaafame irra caalaan isaa umrii waggaa 0 hanga 14 keessa kan jiru yoo ta’u, kanneen keessaa dhibbeentaan 25 daa’imman umuriin isaanii waggaa shan gadi ta’uus ibsameera. Baay’ina waliigalaa namoota qabaman keessaa dhibbeentaan 77 ol talaallii Koleeraa afaaniin fudhatamu (OCV) doosii tokkollee hin fudhanne.

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Qindeesssaan Gargaarsa Namoomaa (UNOCHA) gabaasa Muddee 15, 2022 baaseen weerarri Koleeraa gandoota 55 aanaalee Baalee 5, aanaa 1 godina Gujii fi naannoo Somaalee godina Liiban aanaalee 2 keessatti babal’achuu beeksise ture. Hanga Muddee 14 bara 2022tti lubbuun namoota darbe 24 dabalatee namoonni 669 dhukkuba koleeraan qabamaniiru. Aanaalee saddeet dhibeen kun itti babal’ate keessatti namoonni 743,000tti dhihaatan balaa guddaa keessa jiraachuu beeksise ture. Gabaasa dhaabbatichi ji’a tokko fi walakkaa booda amma baaseen ammoo babal’inni weerarichaa saffisaan dabalaa akka jiru agarsiisa.

Kooleeraan yeroo duraatif Kibba Oromiyaa godina Baalee aanaa Harannaa Bulluq keessatti Hagayya 27 kan gabaafame yoo ta’u, boodarra aanaa Barbaree keessatti argame. Hanga Amajjii 30tti aanaalee godinichaa 13 keessaa 6 keessatti dhibeen kun jiraachu gabaafameera.

Dhiheenya kana dhuma Muddee 2022 keessa yeroo jalqabaaf naannoo daangaa Arsii Lixaa, keessumatti aanaa Nansaboo keessatti mul’ateera. Arsii Lixaan godinaalee Gujii fi Liiban itti aanuun biyyatti keessatti godina afraffaa namoota dhukkuba koleeraan qabaman gabaaste taatee jirti.

Mudde 26, 2022, Ministeerri Fayyaa Itoophiyaa hojiirra oolmaa Karoora Dhabamiinsa Koleeraa Biyyaalessaa (NCP) irratti qaamolee mootummaa fi miti mootummaa, Inistiitiyuutii Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaa (EPHI), Biiroowwan Fayyaa Naannoo Somaalee fi Oromiyaa, Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO), Fandii Daa’immanii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UNICEF) waliin marii gaggeesse ture.

Amajjii 13 duulli Talaallii Koleeraa Afaanii (OCV) Naannoo Somaalee fi Oromiyaa keessatti ifatti eegalamuu isaa UNOCHA gabaaseera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.