Finfinnee Amajjii 31, 2023 – “Sinoodoosiin Oromiyaa fi Sabaa fi Sab-lammootaa” haraa phaaphaasota duree sadii fi ephisqophoosota 25 isaaniin muudamaniin hundaa’e, yeroo phaaphaasonni haaraa muudaman gara Lixa Oromiyaa, iddoowwan ramadamaniitti imalanitti deeggarsaa fi simannaa uummataa “humnaa olii” argachuu beeksise.
Dubbi himaa “Sinoodoosiin Oromiyaa fi Sabaa fi Sab-lammootaa” kan ta’an barsiisaa Hayilamikaa’el Taaddasaa, phaaphaasonni haaraa muudaman lama Sanbataa fi Dilbata darban gara biyya lallabaa Qeellam Wallaggaa fi Wallgga Lixaa wayita imalan uummataan simatamuu Addis Standard’tti himaniiru.
Phaaphaasonni simannaan godhameef Abuna Gabri’eel phaaphaasii biyya lallabaa Wallaga Lixaa akkasumas Abuna Iyyaasuu phaaphaasii biyya lallabaa Qeellam Wallaggaa yoo ta’an wal duraa duubaan magaalota Gimbii fi Dambi Doollootti simannaan godhameefii jira.
“Simannaan kan godhameef magaalota gahuumsa isaanii ta’an qofa keessatti osoo hin Taane, magaalotaa gurguddoo fi xixiqqoo Hoolotaa hanga Dambi Doolloo jiran keessattidha” kan jedhan barsiisaa Hayilamikaa’el, phaaphaasonni kunneen “magaalota keessa darban keessatti manneen amantaa daawwachuun, amantoota jajjabeessuu fi wangeela lallabuun ergama duuka bu’ummaa raawwachaa turan,” jedhan.
“Simannaan uummataa humna keenyaan ol, hamma eegneen ol ture. Simannaan kun himatani wayita phaaphaasonni keenya abaaramanii fo’aman irratti dhiyaate, kan deeggarsa uummataa hin qaban, fedhii aangoo fi maallaqaa isaanii guuttachuufi jedhu dogoggora ta’u kan mul’isedha,” jedhan.
Itti dabaluunis “uummatni fedhii isaatiin barachuufi Waaqeffachuuf fedhii guddaa akka qabu, kana caalaa jabeessinee hojjechuu akka qabnuu fi duubatti deebi’uu akka hin qabne agarsiiftuudha” jedhan barsiisaa Hayilamikaa’el.
Phaaphaasonni biroo biyya lallabaa Oromiyaa keessaa fi Oromiyaan ala jiranitti ramadaman guyyootaa fi torbanoota itti aanan keessa gara bakka ramaddii isaaniitti akka deeman himanii, Roobii boruu phaaphaasiin biyya lallabaa Wallagga Bahaa Abuna Beersumaan gara Naqamtee akka imalan beeksisaniiru.
Dilbata darbe ibsa Paatriyaarkiin Mana Amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa Abuna Maatiyaas dubbisaniin sinoodoosiin angafaa Mana Amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa mootummaa fi uummata bal’aaf waamicha dhiyeesseen qanoonaa di doogimaan mana amantaa seena qabeettii Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa akka aeegamu, akkasumas “dhiigni kiristaanota qulqulluu akka hin dhangalaane” qaamoleen nageenyaa eegumsa akka godhan gaafataniiru.
Phaaphaasonni duree sadii fi ephisqophoosotni 25 amma biyya lallabaa itti ramadamanitti imala eegalaniifi simannaan godhamaafi jiru, yaa’ii hatattamaa sinoodoosiin angafaa Mana Amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa gaafa Amajjii 26 taa’een sababa “muudama seeraan alaa”raawwataniif abaaramanii mana amantaa keessaa fo’amanii turan.
Sanbata gaafa Amajjii 28 ammoo phaaphaasonni duree sadanii fi ephisqophoosotni 25 abaaraman tarkaanfii duubdeebii fudhataniin phaaphaasota 12 miseensa sinoodoosii angafaa ta’an 12 abaaranii fo’uun, ephisqophoosota ofii muudan gara bakka ramaddii isaaniitti erguuf akka jedhan beeksisan.
Wal-dhibdee amma gara Mana Amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa bakka lamatti baqaqsuutti adeemaa jiru kanaaf taateen ka’uumsa ta’e, Adda durummaa phaaphaasii duree biyya lallabaa Shawaa Kibba Lixaa kan ta’an qulqulluu Abuna Saawiroos (PhD) fi angafa phaaphaasota lama biroon kan raawwatame muudama phaaphaasota 26: mana amantaa naannoo Oromiyaa keessatti argamaniif phaaphaasota 17, fi phaaphaasonni sagal ammoo mana amantaa Oromiyaan alatti argamaniif mana amantaa Haaroo Ba’aala Walditti raawwatame dha.
Abuna Saawiroos murtee Phaaphaasota 26 muuduu irratti ibsa dheeraa kennaniin, rakkoo yeroo dheeraa mana amanticha keessatti amantoota afaan dhalootaa isaaniitiin tajaajiluu dadhabuu fi aadaa isaanii irraa adda baafamuu waggoota darban keessa keessumaa Oromiyaa fi naannoo Kibbaatti amantoota miliyoonaan lakkaa’aman akka dhaban taasiseef furmaata kennuun kaayyoo muudamichaa ta’uu ibsanii ture.
Haata’u malee paatraarikiin Mana Amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa qulqulluu Abuna Maatiyaas, muudama phaaphaasotaa kan gocha “seeraan alaa” eeyyama Qulqulluu Sinodosii malee raawwatame jechuun, taatee “aggaamii guddaa waldaa irratti godhame” ittiin jedhan irratti walga’ii ariifachiisaa waamuun ni yaadatama. AS