Oduu daldalaa: Waldaan Aksiyoona Geejjibaa fi Loojistiksii Gadaa Konkolaattota fe’umsaa hojii eegalee

Suuraa: OBN Afaan Oromoo

Finfinnee, Amajjii 30,2023 – Waldaan Aksiyoona Geejjibaa fi Loojistiksii Gadaa Konkolaattota fe’umsaa har’a hojii eegaleera. Sagantaa kana irratti kan argaman Pireezedaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa, akkuma jedhe “Mootummaan Naannoo Oromiyaa dirree diinagdee hunda irratti hojii milkaa’aa hojjechaa jira.’’

OBN Afaan Oromoo akka gabaasetti sagantaa kanarratti Af-Yaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurrahmaan dabalatee, hoggantoonni olaanoo Naannoo Oromiyaa argamaniiru. Akkuma gabaasni itti dabale, waldaan Aksiyoona Geejjibaa fi Loojistiksii Gadaa, Bara 2006 konkolaattota 3 fi humna namaa 15 hin caalleen hojii eegale.

Yeroo ammaa kanas sochii diinagdee Oromiyaa fi biyyaa cimsuuf konkolaattota fe’isaa 150 gara biyyaa galchuun hojii eegalchiiseera.

Sagantaa kanarratti walitti qabaan boordii Waldaa Aksiyoona Geejjibaa fi Loojistiksii Gadaa obbo Namarraa Bulii, milkaa’inni Waldaa Aksiyoona Geeejjibaa fi Loojistiksii Gadaa riiformiin diinagdee naannoo oromiyaa milkaa’aa jiraachuu kan argisiisee jedhan.

Qabeenyi qabeenya dabalataa akka fiduuf, hojjettoonni waldichaa naamusa olaanaan hojjechuu akka qabanis hubachiisaniiru.

Pireezedaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallia Abdiisaa Mootummaan Naannoo Oromiyaa dirree diinagdee hunda irratti hojii milkaa’aa hojjechaa jiraachuu himuun, hojii hanga ammaa hojjetameen bu’aawwan jajjabeessan argameera jedhan.

Miira ni danda’amaa horachuun, carraa diinagdee of harkaa qabnu hubachuufi hoggansi diinagdee hogganuu eegaluun, milkaa’inoota argaman ta’uus himan.

Milkaa’ina gama diinagdeen eegale kana daran cimsuun murteessaa ta’uus Pireezedaanti Shimallis hubachiisaniiru. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.