Oduu:Hojjattoonni warshaa simintoo Daangootee 20 ta’an hidhattootaa eenyummaan isaanii hin beekamneen buutaman

Geetaahuun Lagassaa tiin @Birmaduu2

Finfinnee, Amajjii 30,2023 – Hidhattoonni eenyuummaan isaanii adda bahee hin beekamiin hojjattoota warshaa simintoo Daangootee 20 ta’an godina Shawaa Lixaa aanaa Ada’aa Bargaa keessatti Amajjii 26 butuu hojjataa warshichaa kan dhimmichatti dhiyeenya qabu Addis Standard’tti himeera.

Akka hojjataan kuni bilbilaan Addis Stand’tti himetti, buuttaan kuni kan raawwatame Kamisa Amajjii 26 naannoo sa’aatii 10:30 tti yeroo hojjattoonni kunneen paampii bishaanii kan warshichi bishaanii ittiin argatu cabee ture suphuuf bahan ture. Buufatni paampii bishaanii kuni bakka warshaasaan simiintoo Daangootee itti argamu magaala Mogor irraa kiiloomeetira 25 fagaatee argama.

Akka ragaan kun jedhetti, hojjataa tokko kan yeroos of wallaalee kufee fi hojjattoota nageenyaa lamaan alatti hojjattoota warshichaa iddoo sana turan hundi butamaniiru. Hojjattoonni butaman kunneen eessa akka jiran hin baramne. Dhaabbati kuni ibsi kanaan walqabtee baasees hin jiru.

Buuttaan kuni kan si’a lammataati. Bara darbe ji’a Muddee keessa hojjattoonni dhaabbatichaa 30 ta’an kan konkoolaataadhaan geejjibaa turan iddoodhuma amma itti butamanitti dhiyeenya qabutti kan buutaman yoo ta’u dhaabbatichi qarshii 100,000 hanga 200,000 kaffaluun gadi lakkiifamanii ture.

Hogganaa Warshichaa kan damee Itoophiyaa Diip Kaamaaraa fi hojjattooti lammii Itoophiyaa lama iddoodhuma walfakkaataatti hidhattootaan bara 2018 keessa ajjeefamanii ture. Ajjeechaa sukaneessaa booda mootummaan feederaalaa fi naaannoo Oromiyaa ibsa baasaniin taatee akkanaa hambisuuf tarkaanfii barbaachisaa kan fudhatan ta’uu ibsuun raawwattoota yakka kanaa seeraaf dhiyeessuuf waadaa galanii ture. Haata’u malee, ajjeechaan kanaan walqabatee hamma yoonaatti namni itti gaafatamummaa fudhate hin jiru. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.