Oduu: Qulqulluun Sinodoosii Ortodoksii Itoophiyaa aangoo guutuu Phaaphaasota Angafaa sadii, Ephisqophosoota 25 dhiheenya kana muudama “seeraan alaa” keessatti hirmaatan haqe

Suraa ©Sinoodoosii Oromiyaa

Finfinnee, Amajjii 27/2023 – Qulqulluun Sinoodosii Mana Amantaa Ortodoksii Tawaahdoo walga’ii atattamaa kaleessa waaree booda gaggeesseen, Phaaphaasoota Hangafaa sadii kanneen muudama Ephisqophosoota 26 irratti hirmaatan aangoo guutuu kennameef irraa haquuf murtee dabarseera. Murteen maqaa fi aangoo haquun Qulqulluu Sinodoosichi dabarses Ephisqophosoota 26 Angafa Phaaphaasii sadaniin muudaman keessaa 25 irrattis darbeera. Ephisqophoosota 26 keessaa tokko Abbaa Tsaggaa Za’aab Addunyaa guyyaa Roobii Mana Amantichaa fi hawaasa ishee dhiifama gaafachuun dibata Ephisqophosummaa isaanii fedhii isaaniitiin haquun, dhiifamni isaaniis Qulqulluu Sinodoosiin fudhatama argateera.

Murteen kaleessa Qulqulluu Sinodoosiin dabarse kun taateewwan Dilbata ganama raawwataman hordofee kan raawwatame yoo ta’u, yeroos Angafa Phaaphaasii Kutaa Lallaba Shawaa Kibba Lixaa Qulqullummaa isaanii Abuna Saawiroos (PhD), Angafa Phaaphaasii Iwsxaaxiwoos fi Angafa Phaaphaasii Zeenaa Maarqoos waliin ta’uun sirna mana amantaa Haaroo Ba’aala Wald keessatti gaggeeffameen muudama Ephisqophosoota 26: manneen amantaa naannoo Oromiyaa keessatti argamaniif Ephisqophosoota 17, fi Ephisqophosonni sagal ammoo mana amantaa Oromiyaan alatti argamaniif kennamuu ni yaadatama.

Paatraarikii Mana Amantaa Ortodoksii Itoophiyaa kan ta’an qulqullummaa isaanii Abuna Maatiyaas tokkoffaa, walga’ii ariifachiisaa guyyaama san waamaniin, muudama phaaphaasotaa gocha “seeraan alaa” eeyyama Qulqulluu Sinodosii malee raawwatame jechuun, “taatee guddaan waldaa irratti aggaamame” osoo hin eegamiin, beekamtii Sinodoosii ala, akkasumas marii malee raawwatameera jedhan.

Sana booda Paatraarikichi walgahii ariifachiisaa kaleessa gaggeeffameef phaaphaasota mana amantichaa hunda biyyaa keessaa fi alaa jiran akka argaman waamicha dhiyeessanii turan.

Itti aansuunis Qulqulluun Sinodoosiin ibsa baaseen aangoo Angafa Phaaphaasii sadan kaleessa irraa eegalee haqee; Maqaa lubummaa malee maqaa idilee duraaniitiin akka waamaman, yaa’ii guutuu Sinodosii Qulqulluutiin akka balaaleffatamanii fi sochii mana amantichaa irraa adda kan ba’an ta’uu ibseera.

Ibsichi itti dabaluudhaan, Phaaphaasonni Angafaa kunneen ergama wangeelaa itti kenname, garuu haala bu’uura amantii, seera amantii fi sirna bulchiinsa hunda cabsuun socho’uu isaanii ibseera. Gocha dhaabbatichaa fi caasaa isaa balleessuu akka ta’e ibsichi dabalee ibseera.

Haa ta’u malee, Phaaphaasii Angafaa sadan yoo tawbachuuf murteessanii fi dhiifama gaafatan balballi araara Mana Amantichaa banaa ta’ee akka turu Qulqulluu Sinodoosichi ibseera.

Qulqullummaa isaanii Abuna Saawiroos muudama raawwatame booda murtee Ephisqophosoota 26 muudaman irratti ibsa dheeraa kan kennan yoo ta’u, rakkoo yeroo dheeraa mana amanticha keessatti amantoota afaan dhalootaa isaaniitiin tajaajiluu dadhabuu fi aadaa isaanii irraa adda baafamuu waggoota darban keessa keessumaa Oromiyaa fi naannoo Kibbaatti amantoota miliyoonaan lakkaa’aman akka dhaban taasiseef furmaata kennuun kaayyeeffatame kan raawwatame ta’uu ibsuun isaanii ni yaadatama.

Angafni Phaaphaasichi Qulqulluun Sinodoosi yeroo ammaa aangoo irra jiru miseensota isaa keessaa 85% garee tokko qofa irraa kan hammate ta’uu fi sab-daneessummaa mana amantaa calaqqisiisuu dhabuu isaatiin himataniiru. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.