Oduu: Qormaata biyyaalessaa kutaa 12tiin barattonni 3.3% qofti qabxii dhibbeentaa 50 ol fiduun rifaatuu uume

Ministirri Barnootaa Birhaanuu Naggaa

Finfinnee – Barattoota A.L.I bara barnootaa 2014 barnoota kutaa 12 xumuranii qormaata biyyaalessaa seensa Yuunivarsiitii fudhatan 896,520 keessaa kan qabxii dhibbeentaa 50 ol galmeessisan barattoota 29,909 qofa ta’uu Ministeerri Barnootaa beeksise.

Ministirri Barnootaa Birhaanuu Naggaa ibsa qabxii qormaataa Kamisa galgala ifa godhameen booda Jimaata kenneen, barattoonni 985,384 qormaataaf galmaa’anii kan turan yoo ta’u, isaan keessaa 77,098 kan ta’an sababa adda addaan qormaataaf akka hin argamiin, barattoonni 20,170 ammoo kanneen fedhaan qormaata dhiisanii bahan dabalatee qoramanii kan qormaatni isaanii sababa naamusaan jalaa haqame ta’uu dubbate.

Kanneen seeraan qoraman 896,520 keessaa kan qabxii dhibbeentaa 50 ol galmeessisan barattoota dhibbeentaa 3.3 ta’uun ibsamee jira.

Barattoonni qabxii waliigalaa 600 keessaa dhibbeentaa 50 gadi jechuunis 300 gadi galmeessisan yuunivarsiitii akka Seenan kan hin hayyamamneef ta’uu kan ibse pirofeesar Birhaanuun, haata’u malee dandeettii simannaa yuunivarsiitiiwwanii irratti hundaa’uun barattoonni qabxiin isaanii fooyyee qabu yuunivarsiitii seenanii bara dhufuuf qabxii yuunivarsiitii isaan seensisuu danda’u akka argatan ni hojjetama jedhe..

Qabxiin barattootaa kun rakkoolee sirna barnootaa biyyattii keessa waggoota dheeraaf gangalachaa dhufe kan jedhe pirofeesar Birhaanuun, sadarkaa qulqullinni barnootaa biyyattii irra jiru agarsiiftuudhas jedheera.

Kanaaf ammoo mootummaa dabalatee hawaasni barnoota itti gaafatama jedheera.

Qormaatni qabxiin isaa amma ifoome kun Onkoloolessa bara 2022 kan kenname yoo ta’u yeroo duraaf mooraa yuunivarsiitii keessatti kenname. Kunis hannaa deebii qormaataa fi waraqaa qormaataa hatamee bahaa ture ittisuufi jedhame.

Ministeerri barnootaa qormaatichi milkaa’inaan xumurame haa jedhu malee Yuunivarsiitii Dabra Taaboor keessatti hokkora barattoonni kaasan hordofee barataan tokko yoo ajjeefamu, barsiisonni qormaata qoraa turan akkasumas poolisoonni reebamuun ni yaadatama.

Yuunivarsiitiin Dabra Taaboor ibsa yeroos baaseen barattoonni walirraa hannu malee jedhanii hokkora akka kaasan beeksisee ture. Yuunivarsiitiiwwan naannoo Amaaraa biroo keessattis rakkoon wal-fakkaataan mudatee kan ture yoo ta’u, walumaagalatti sababa kanaan barattoonni 12,787 fedhii isaaniin qormaata dhiitanii bahuu ministeerri barnootaa beeksisee ture.

Qormaata dura barattoonni maatii fi mana barnootaa isaanii irraa fagaatanii yuunivarsiitiiwwan keessatti qormaata qoramuun dhiibbaa isaaniirratti uumuu akka malu yaaddoo qaban ibsachuu Addis Standard gabaasee ture. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.