Oduu: Qondaalli olaanaan ADUWAI durii Barakat Simoon hidhaa bahe, maatiinsaa hardha Finfinnee gala jedhanii eegaa jiru

Finfinnee, Muddee 24, 2023 – Hundeesitoota Sochii Biyyaaleessaa Amaaraa keessaa tokko kan turee fi qondaala olaanaa Adda Dimookraatawaa Warraaqsa Uummattoota Itoophiyaa (ADWUI) keessaa tokko kan ta’e Barakat Simoon guyyaa har’aa mana hidhaa magaala guddoo Naaannnoo Amaaraa Baahir Daaritti argamuu irraa gadi lakkifamuu abukaatoonsaa Hiwoot Lilaay Addis Standarditti himteerti.

Namni miseensa maatii ta’e tokkos gadi lakkiifamuu Barakat mirkaneessuun guyyaa har’aa Finfinnee ni gaha jedhee maatiinsaa isa eegaa kan iru ta’uu Addis Standard’tti himeera.

Akka abukaatoo Hiwootitti, akkaataa seerri naannichaa jedhutti yakkamaa tokko umrii itti murtaa’e harka 75 erga xumuree booda akka gadhiifamu kan eeyyamu waan ta’eef Barakat Fulbaana keessa bahuu qabaayyuu ture. Haata’u malee, Barakat carraa kana hin arganne.

Barakat Simoon gaggeessaa TIRET Corporate kan ta’e Taaddasaa Kaassaa wajjiin Amajjii 23, 2019 kan qabame yoo ta’u dhaabbata gargaarsaa bara 1995 ijaarame kan booda qabeenya Sochii Biyyaaleessaa Amaaraatiin dhuunfatame TIRET Corporate wajjiin walqabatee malaammaltummaadhaan himatame.

Dhaabbata TIRET Corporate kan yeroo ammaa mootummaa naannoo Amaaratiin hogganamu yeroo hogganaa turanitti qarhsii miliyoona 2.2 ta’u malaammaluun shakkamuun yakkaman ture.

Himatamaan sadaffaa Daani’eel Gizaachoo yakkarra bilisa ta’uu raggaasifamuun kan gadi lakkifam eyoo ta’u Barakatii fi Taaddasaan garuu hanga Ebla 2020 tti falmachaa turuun lamaansaanii wal duraa duubaaan hidhaa waggaa jahaa fi saddeetiin fi qarshii 10,000 fi 15,000 akka adabaman murtaa’ee ture.

Mana murti olaanaatti iyyannoo kan dhiyeeffatan ta’us iyyannoon isaanii kuni fudhatama hin arganne ture. Barakat hardha kan gadi lakkiifame hidhaa isaa xumuree ta’uu abukaatoon isaa himteetti.

Himannaan malaammaltummaa Barakat Simoonirratti kan baname MM Abiy Ahmad bara 2018 keessa aangoo dhuunfatee yeroo xiqqoo booda, wal-diddaa paartii Sochii Biyyaaleessaa Amaaraa waliin uumamee booda.

Bara sana ji’a Hagayyaa keessa Sochiin Biyyaaleessaa Amaaraa (SBA) Barakatii fi Taaddasaa miseensummaa koree gidduugaleessummaa keessaa isaan haqe.

Haata’u malee, Waxabajjii 2018 irraaa egalee himannaan Barakat “ABUTiif hojjata” jedhu himamaa tureera. Adooleessaa keessa Hoteela Dabra Maarqoos kan godina Gojjaam Bahaatti argamu Barakat keessa jira jedhamee haasa’ame fuulduratti namoonni walitti qabamuun hokkora kaasanii ture.

Mormiin kuni kan uumame Barakatii fi hogganaa mana murtii waliigalaa naannoo Amaaraa Migbaaruu Kabbadaa kan baooda Waxabajjoo 2019 ajjeefamee ture dhoksaadhaan uummata magaalattii mariisisaa jira oduu jedhu erga dhagahame booda ture.

Humnoonni tikaa mootummaa mormii kana bittinneessun dura konkolaataan Barakat barbadooftee, hootelicharras badiin gahee ture.

Barakat qondaala olaanaa Itoophiyaa sadarkaa addaa addaatti wagoota 20 ol tajaajilaa ture qofa otuu hin taane gaggeessaa falaasama siyaasaa biyyattii kan turee fi nama Mallas Zeenaawiitti dhiyeeenya qabu ture. Aangoo olaanaa inni qabaachaa ture keessaa ministeera odeefannoo fi hogganaa biiroo dhimmoota sabqunnamtii ture.

Yeroo Haaylamaariyaam Dassalany aangoorra turetti Barakat itti aanaa giddugala qo’annoo fi qorannaa sirna ittiin bulmaataa fi gorsaa Halamaariyaam ta’uun waggoota afuriif tajaajileera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.