Oduu: Lammiin Chaayinaa tokko naannoo Oromiyaatti namoota eenyummaan isaanii hin beekamneen ajjeefame – Imbaasii Chaayinaa

Finfinnee, Guraandhala 01/2023 – Naannoo Oromiyaa magaalaa Garba Gurraachaatti lammiin Chaayinaa tokko namoota eenyummaan isaanii hin beekamneen rasaasaan ajjeefame. Imbaasiin Chaayinaa Itoophiyaatti argamu ibsa baaseen lammiileen Chaayinaa sagal magaalaa Finfinnee irraa kiiloo meetira 160 fagaattee argamtu Garba Gurraachaatti namoota qawwee qabaniin haleellaa irratti raawwatamuu beeksiseera.

Taateen kun Wiixata galgala lammiileen Chaayinaa sagal kaaba Oromiyaa magaalaa Garba Gurraachaatti haleellaaf yeroo saaxilaman mudate. Isaan keessaa namni tokko rasaasaan ajjeefamuu Imbaasiin Chaayinaa Itoophiyaatti argamu ibsa Kibxata baaseen beeksiseera. Haata’u malee, waa’ee taatee kanaa fi namoota yakka kana raawwatan odeeffannoo dabalataa hin kennine.

Imbaasichi itti dabaluudhaan iddoowwan daangaa Oromiyaa fi naannolee biroo gidduu argamanitti haleellaa hidhannoo, ukkaamfamuu, fi saamicha miidhaa geessisan yeroo baay’ee kan mul’atu yoo ta’u, kunis yaaddoon nageenyaa ol’aanaa akka ta’u taasiseera jedhe.

Imbaasichi lammiilee fi dhaabbileen Chaayinaa, Itoophiyaa keessa jiran dammaqinaan akka of eeggatan, dagannoo akka irraa fagaatan, hubannoo nageenyaa cimaa akka ijaaran, naannoo balaa guddaa qabu irraa akka fagaatan, gara naannoo balaa guddaa qabutti akka hin imalle ykn keessa akka hin darbine waamicha dhiyeessee jira. “Yoo duraanuu naannoo balaa guddaa qabu keessa jirtan ta’e hatattamaan gara bakka nageenya qabutti baqachuu qabdu,” jedhe.

Dhimma kana irratti yaada akka laatan dubbi himaa Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa, Komishinara Poolisii Oromiyaa fi Ajajaa Poolisii magaalaa Garbaa Gurraachaa argachuuf yaaliin Addis Standard godhe hin milkoofne.

Amajjii 26, hojjettoonni warshaa simintoo Daangootee godina Shawaa Lixaa aanaa Ada’aa Bargaatti argamu, lakkoofsaan gara 20 ta’an, buufata paampii bishaanii magaalaa Mugar irraa kiiloo meetira 25 fagaatee argamu cabee haaromsuuf osoo hojiirra jiranii, namoota eenyummaan isaanii hin beekamneen butamanii turan.

Boodarra, Wiixata Amajjii 30 tokkoon tokkoon isaanii birrii kuma 50 hanga kuma 100 erga kaffalanii booda gadhiifamuu isaanii maddi eenyummaan isaa akka eeramu hin barbaanne fi dhimmichatti dhihoo ta’e Addis Standarditti himeera.

Waliigaltee nagaa mootummaa Itoophiyaa fi aangawoota Tigraay gidduutti mallattaa’e hordofee kaabni Itoophiyaan lola hammaataa waggoota lamaa booda nageenyi fooyya’aa argaa kan jiru yoo ta’u, naannoo Oromiyaa keessatti garuu lola gara jabinaa fi gidiraan namoota nagaa irra ga’u itti fufee jira.

Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO), hidhattoonni seeraan ala naannoo Amaaraa irraa dhufan maqaadhaan ‘Faannoo’ jedhamanii fi mootummaan haleellaa naannoo Oromiyaa keessatti lammiilee nagaa irratti raawwatamuuf yeroo wal komatan mul’ata.

Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antonii Bilinkan, haasaa bilbilaa Amajjii 2022 Ministira Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad waliin taasiseen, haala Oromiyaa keessatti adeemaa jiru irratti yaaddoo qabu ibsuun, “barbaachisummaa walitti bu’iinsi naannoo Oromiyaa keessatti deemaa jiru xumura gochu” irratti mari’ataniiru. Kunis waraana humnoota mootummaa fi miseensota Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) gidduutti dabalaa dhufe hordofee ta’e.

Waldhabdeen waggaa afur dura eegale karaa nagaa akka furamuuf waamichi godhamu dabalaa dhufeera. Muddee 05, miseensonni paarlaamaa, kanneen miseensa paartii biyya bulchaa jiru Badhaadhinaa ta’an, xalayaa qabxii kudhan of keessaa qabu Ministira Muummee Abiy Ahmad fi hoggantoota olaanoo paarlaamaaf barreessaniin naannoo Oromiyaa keessatti nageenyi waaraa akka jiraatu gaafatachuun isaanii ni yaadatama.

Miseensonni paarlaamaa kunneen haala kanaan dura mul’atee hin beekneen mootummaan waraanni Oromiyaa keessatti gaggeeffamaa jiru akka dhaabbatu, Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) waliin waliigaltee nagaa akka godhu waamicha dhiyeessaniiru. Haa ta’u malee, iddoowwan namoonni nagaa jiraatan keessatti diroonii fayyadamuu dabalatee, mootummaan naannichaas ta’e waraanni biyyaalessaa haleellaa garee finciltoota kana irratti taasisan dabaluun, naannoolee Oromiyaa hedduu keessatti lolli cimaa mul’achuu itti fufeera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.