Xiinxala: MM Abiy Ahimad dhibdeen dureewwan amantaa Ortodoksii jidduutti uumame mariin akka furamu gaafatan, gaaffiin uummataa deebii argachuu qaba jedhan

Finfinnee, Guraandhala 01/2023 – Qorannoo raawwii hojii baatilee jahaa ministeerota mootummaa irratti haasawaa miseensota kaabinee fuulduratti taasisaniin, ministirri muummee Abiy Ahimad waldhabdeen mana amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaa (EOTC) keessatti deemaa jiru mariin furmaata argachuu akka qabu dubbatan.

MM Abiy viidiyoo Kibxata fuula Feesbuukii isaanii irratti maxxansaniin, qeeqa mootummaan isaanii mana amantaa Orotodoksii irratti dhiibbaa uumaa jira jedhuuf deebii yoo Kennan, mootummaan akka mootummaa Paartii Badhaadhinaan hoogganamutti mana amantaa Ortodoksii Itiyoophiyaa deeggare akka hin jirre ibsan.

Kanaafis akka ragaatti mootummaan isaanii akkamiin sinoodoosii bakka lamatti bahee biyya alaa fi biyya keessa ture walitti akka araarsan akkasumas mana amantaa kanaaf waggoota afran darban keessa lafti hektaarri 1,045,000 tola kennamuu kaasan.

Wal-dhibdeen amma kun akkuma uumameen mootummaan hoggantoonni mana kiristaanaa tasgabbiidhaan mari’achuun dhimmoota jiran akka hiikan gorsa kennee turullee, gorsi sun fudhatama hin arganne jedhan MM Abiy Ahimad.

Loogiin muudama phaaphaasotaan walqabatuu fi rakkooleen afaan ofiitiin tajaajila amantaa argachuu dhabuun walqabatee komiin bal’aa ka’aa jiru wal-dhibdee amma uumameef ka’uumsa ta’uu eeruun, gaaffiin ummataa kun deebii argachuun barbaachisaa ta’uu cimsanii dubbataniiru.

“Oromiyaaf halkan tokkotti phaaphaasota dhibba muuduun hin danda’amu ta’a, haata’u malee yeroo keessa, gaaffii ummataa dhaggeeffachuudhaan furmaata itti kennuun ni danda’ama” jedhan.

Itti dabaluunis, “mirga namootaa fi gaaffii afaan ofii fayyadamuu osoo hin ukkaamsiin furuun ni danda’ama” jechuun mootummaan gaaffilee Oromiyaa fi godinaalee Kibbaa keessatti ka’aa jiran maaliif afaan keenyaan hin fayyadamnu jedhu callisee bira darbuu akka hin dandeenye hubachiisaniiru.

Dubbiin MM kun wayita qeeqni mootummaan abbootii amantaa sinoodoosii haaraa hundeessaan deeggaruun garee isa biraa irratti hidhaa fi dhiibbaa gochaa jira jedhu baay’achaa dhufeetti as bahe.

“garee nuti deggerru ykn morminu hin jiru, gareen lachuu Ortodoksiidha, lamaan isaanii iyyuu gaaffii fi dhugaa mataa isaanii qabu”

MM Abiy

Wiixata Guraandhala 29 ibsa Paatriyaarkiin Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaa Abuna Maatiyaas dubbisaniin, Sinodoosiin qulqulluun, mootummaa fi ummanni bal’aan dogmaa fi qanoonaa “mana amantaa seena qabeettii Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaa” eeguu akka qabu akkasumas “dhiigni Kiristaanota qulqulluu” akka hin dhangalaane humnoonni nageenyaa of eeggannoo fi eegumsia akka godhan gaafate.

MM Abiy garuu, “garee nuti deggerru ykn morminu hin jiru, gareen lachuu Ortodoksiidha, lamaan isaanii iiyyuu gaaffii fi dhugaa mataa isaanii qabu” jechuun dubbatan.

Dhimmicha marii fi afuura tasgabbaa’een furuu yoo dadhaban bu’aan isaa gareewwan lameenii fi biyyattii walii galaaf balaa qabaachuu akka danda’u akeekkachiisuun, humnoonni gidduu seenuun ajandaa jiru dantaa ofiitiif itti fayyadamuu barbaadan akka jiranis himaniiru. Miseensonni kaabinee isaaniis karaa kamiinuu akka dhimma kana gidduu hin seenne akeekkachiisaniiru.

MM Abiy mootummaan dhimma kana keessaa harka akka hin qabne dubbatanis, paartiin mormituu Uummata Itoophiyaa Haqaa Hawaasummaa (Ezema) ibsa Kibxata darbe baaseen waldhabdee mana kiristaanaa keessatti deemaa jiru ilaalchisee “tarkaanfiiwwan humnoonni nageenyaa fudhachaa jiran” akka isa yaaddessu ibseera.

“Gidduu seentummaan mootummaa mul’ateera” jechkan jedhe mootummaan gocha isaa irraa akka of qusatu gaafateera. Namoota dhuunfaa fi gareewwan ajandaa siyaasaa qaban dhimma keessoo mana kiristaanaa keessa seenuu barbaadan irrattis tarkaanfii akka fudhatu paartichi gaafateera.

Seen-duubee

Sinoodoosiin angafaa Mana Amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa gaafa Amajjii 26 yaa’ii hatattamaa taa’een sababa “muudama seeraan alaa”raawwataniif phaaphaasonni duree sadii fi ephisqophoosotni 25 abaaramanii mana amantaa keessaa akka fo’aman murteessee ture.

Sanbata gaafa Amajjii 28 ammoo phaaphaasonni duree sadanii fi ephisqophoosotni 25 abaaraman, tarkaanfii duubdeebii fudhataniin phaaphaasota 12 miseensa sinoodoosii angafaa ta’an abaaranii fo’uun, ephisqophoosota ofii muudan gara bakka ramaddii isaaniitti akka ergaman beeksisan. Phaaphaasonni yeroo amma biyya lallabaa itti ramadamanitti imala eegalan simannaan godhamaafi jira.

Wal-dhibdee amma gara Mana Amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa bakka lamatti baqaqsuutti adeemaa jiru kanaaf taateen ka’uumsa ta’e, Adda durummaa phaaphaasii duree biyya lallabaa Shawaa Kibba Lixaa kan ta’an qulqulluu Abuna Saawiroos (PhD) fi angafa phaaphaasota lama biroon kan raawwatame muudama phaaphaasota 26: mana amantaa naannoo Oromiyaa keessatti argamaniif phaaphaasota 17, fi phaaphaasonni sagal ammoo mana amantaa Oromiyaan alatti argamaniif mana amantaa Haaroo Ba’aala Walditti raawwatame dha.

Abuna Saawiroos murtee Phaaphaasota 26 muuduu irratti ibsa dheeraa kennaniin, rakkoo yeroo dheeraa mana amanticha keessatti amantoota afaan dhalootaa isaaniitiin tajaajiluu dadhabuu fi aadaa isaanii irraa adda baafamuu waggoota darban keessa keessumaa Oromiyaa fi naannoo Kibbaatti amantoota miliyoonaan lakkaa’aman akka dhaban taasiseef furmaata kennuun kaayyoo muudamichaa ta’uu ibsanii ture.

Haata’u malee paatraarikiin Mana Amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa qulqulluu Abuna Maatiyaas, muudama phaaphaasotaa kan gocha “seeraan alaa” eeyyama Qulqulluu Sinodosii malee raawwatame jechuun, taatee “aggaamii guddaa waldaa irratti godhame” ittiin jedhan irratti walga’ii ariifachiisaa waamuun ni yaadatama. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.