Oduu: Guyyaa Boordiin filannoo riifarandamii godhutti jiraattonni godina Guraagee gaaffii naannoo ta’uun wal-qabatee mana ooluudhaan mormii isaanii ibsan

Buufata Filannoo Doysaatti, Giddugala Arbaa Minch jalatti. Suuraa: NEBE

Finfinnee, Guraandhala 06,2023 – Guyyaa boordiin filannoo biyyaalessa Itoophiyaa filannoo ummataa naannoo sabaa fi sablammoota fi ummatoota kibbaa godinoota jahaa fi aanaalee addaa shan keessatti gochaa jirutti, jiraattoonni godina Guraagee magaala guddittii Walqixxee dabalatee manasaanii ooluudhaan tajaajila hawaasaa fi dhuunfaa lagachuun marsaa afraffaatiif mormaniiru.

Sababa hiriirawwan mormii gaaffii naannoo ta’uun wal-qabatee Hagayyaa keessa godhameen, godinni Guraagee ji’a Sadaasaatii eegalee bulchiinsa komaandi poostii jala galtee jirti. Mormiin amma godhame kuni labsii komaandi poostii kan hiriira mormii dhoowwu kana kan cabsuudha.

Jiraataa magaala Walqixxee Haaydar Muraad jedhamu Addis Standard’itti akka himetti sochii humna addaa naannoo kibbaa fi ambuulaansiin taasisuun alatti sochiin biraa magaalattii keessatti hin mul’atu. Mootummaan gaaffii naannummaa ummanni Guraagee kaasee deebisuu dhabuun mormii kanaaf sababa jedha.

Qopheessitoota mormii kanaa keessaa tokko kan ta’e Andinnat Anuuloos jiraattonni anaalee godinichaa hunda keessa jiran manasaanii ooluudhaan mormiisaanii ibsachaa jiru jedhe. Sochiin idilee boru kan itti fufu ta’us mormiin karaa nagaatiin godhamu hamma mootummaan gaaffiin keenya deebisutti itti fufa jedheera.

Mormiin kuni kan ta’aa jiru wayita boordiin filannoo biyyaaleessaa “Naannoo Kibba Itoophiyaa” jedhamu hundeessuuf goodinota jahaa fi aanaalee shan keessatti filannoo ummataa ykn riifarandamii taasisaa jirutti.

Akka boordichaatti namoonni miliyoona sadi ol ta’an goodinaalee Gaamoo, Walaayittaa, Goofaa, Gede’oo, Konsoo, fi godina kibba Oomoo fi aanaalee addaa shan kan Burjii, Ammarroo, Daraashee, Baaskeetoo fi Alee jedhaman keessa jiraatan filannoorra har’a godhamurratti hirmaachuuf galmaa’aniiru.

Battaluma boordiin biyyaaleesassaa filannoo ummataa kana raawwachuuf qophaa’utti godinoota Guraagee, Hadiyyaa, Silxee, Kambaataa Xambaarroo, fi Halaabaa fi aanaa addaa Yam keessatti filannoo ummataa malee “naannoo Giddugaleessa Itoophiyaatti” hundeessuuf qophiin godhamaa tureera.

Hagyyaa 05, 2022 erga Sidaamaa fi naannoon Kibba Lixaa Itoophiyaa humdeeffamanii boooda naannoon saba, sablammootaa fi ummaattoota kibbaa godinoonni fi aanaaleen addaa naannicha keessatti hafan naannoo lama ta’anii akka caaseffaman mana maree feedereeshiniitiif iyyannoo galchee ture.

Manni marichaas riifarandamii godinaalee jahaa fi aanaalee addaa shan hirmaachise amma adeemsifamaa jiru akka qindeessu Boordii filannoof qajeelfama yoo kennu, Guraagee, Hadiyyaa, Silxee, Kambaataa Xambaarroo, fi Halaabaa fi aanaa addaa Yam ammoo akkuma jiranitti akka itti fufan jedhe.

Haata’u malee, godinni Guraagee qofaasaatti akka naannootti akka hundaa’u bara 2018 kaasee kaasaa ture ibsuun gaaffii kana kufffisee ture.

Mormiin godina Guraagee caaseffama kana mormuun ka’an ajjeechaa jumlaa fi rukuttaa poolisiitiin tarkaanfiin qindeessitootaa mormichaarraa fi aanga’oota naannoo fi aanaaleerratti xiyyeeffate humna tika mootummaaatiin fudhatamee tiure. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.