Xiinxala Oduu: Walitti bu’iinsa hordoftoota Ortodoksii waliin uumameen GAONFtti poolisoonni 19 miidhaman, taatee dhuma torban darbee Shaashamanneetti ta’e booda mootummaa fi mana amantaa Ortodksii jidduu muddamni dabale

Simannaa Phaaphaasota haaraa Kutaa Lallaba Arsii Lixaatti ramadamaniif taasifame. Suuraa: Sinoodoosii Oromiyaa

Finfinnee, Guraandhala 07/2023 – Poolisiin magaalaa Finfinnee ibsa kaleessa Guraandhala 06 galgala baaseen, kaleessa ganama daangaa magaalaa Finfinnee fi Godina Addaa Oromiyaa gidduu iddoo Filiidoroo jedhamutti namootni mana kiristaanaa Lidataatti sassaabamanii “namootni hidhaman haa hiikaman” jechuun karaa cufanii fi poolisii gidduu uumameen poolisoota 19 irratti miidhaa ulfaataa hanga salphaatti gahuu beeksieera.

Poolisii fi abbootiin amantii mana kiristaanichaa namni hidhame akka hin jirre ibsuun karaa cufan akka banan yaalii taasisan dhageettii akka hin arganne kan ibse ibsi poolisiin kun, qindoomina qaamolee nageenyaa biroo waliin karaan yeroo sana cufamee ture banamee sochiin karaa nagaa akka itti fufu taasifamuu ibseera. Yeroo kanatti humnoota ifatti ykn dhoksaan walitti bu’iinsa kakaasaa fi keessatti hirmaachaa turan dhagaa darbachuun hooggantoota fi miseensota poolisii 19 irratti miidhaa geessisuu beeksiseera.

Sanbata darbe, Guraandhala 04, Godina Arsii Lixaa, magaalaa Shaashamanneetti walitti bu’iinsa hordoftoota amantii Ortodoksii fi poolisii gidduutti uumameen “lubbuu namoota hedduu galaafate” jechuun namni ijaan arge Addis Standard’tti himeera. Walitti bu’iinsi kun Mana Kiristaanaa Qulqulluu Mikaa’eelii keessatti sirna simannaa miseensota abbootii amantaa “Qulqulluu Sinodoosii Oromiyaa fi Saboota fi Sablammoota” haaraatiin muudaman irratti ka’e.

Akka namni ijaan arge kun jedhutti walitti bu’iinsi kun kan mudate “Qulqulluu Sinodoosii Oromiyaa fi Saboota fi Sablammoota”tiin mana lubummaa Arsii Lixaatti kan muudaman Abuna Phaawuloos, gara magaalaa Shaasheemeetti imalanii turan irratti gareen hordoftoota amantaa phaaphaasicha fi gareen isaanii irratti mormii kaasuun akka ta’e hime.

Manneen Amantaa magaalattii keessatti argaman hordoftoonni amantichaa akka sassaabamaniif waamicha taasisuu kan hime namni kun, “walitti bu’iinsa hordoftoonni amantichaa fi humna addaa poolisii Oromiyaa gidduu uumameen namni lama battalumatti ajjeefamaniiru,” jedhe. Lamaan isaaniyyuu rasaasa poolisii irraa itti dhukaafameen du’an.

”Waamicha dhaga’anii [hordoftoonni amantichaa] gara waldaa Qulqulluu Mikaa’el deemuun balbala mana kiristaanaa cufan. Poolisiin magaalattii namoota walitti qabaman bittinneessuuf dhukaasa bane,” yeroo sanatti dargaggoonni lamaan kun ajjeefaman. ”Namoonni afur biroo miidhamaniiru,” jechuun ibseera.

Garuu lakkoofsa namoota du’an sirrii ta’e beekuun rakkisaadha. Gabaasni miidiyaalee waldaa waliin hidhata qaban Dilbata darbe fi booda maxxanfaman lakkoofsi namoota du’an hanga 35 geessisu. Addis Standard lakkoofsa namoota du’an of danda’ee mirkaneessuu kan hin dandeenye yoo ta’u, Barreessaa Olaanaa Sinodosii Qulqulluu kan ta’an Qulqullummaa isaanii Abuna Pheexiroos, gaaffii fi deebii miidiyaa ‘Anchor Media’ jedhamu waliin taasisan irratti lakkoofsi kun hanga 30 gahuu himan.

Magaalaan Shaashamannee rakkoo nageenyaa Sanbata darbe uumameen booda tasgabbii fooyya’aa agarsiifteetti.

Qulqulluun Sinodosii Itoophiyaa ibsa taatee kana hordofee baaseen “hidhaa fi dararaa seeraan ala” Angafa Phaaphaasota, hoggantoota kutaa lallabaa, qeesota fi hordoftoota amantichaa irratti gahaa jira jedhe balaaleeffateera. Hordoftoota amantii Ortodoksii magaalaa Shaashamanneetti mana kiristaanaa Mikaa’eel ittisuuf bahan haala ulfaataa ta’een haleelamaniiru kan jedhe Qulqulluun Sinodosichi, “sarbama mirgoota namoomaa fi ajjeechaa” hordoftoota amanticha irratti raawwatamu balaaleeffateera.

Kana malees, Sinodosichi Guraandhala 12 hiriira mormii guddaa Patraarikii Ortodoksii Itoophiyaa Abuna Maatiyaasiin durfamu gaggeessuuf karooruu beeksiseera.

Mootummaan federaalaa gama isaatiin ibsa Guraandhala 05 baaseen waldhibdee hoggansa Mana Amantaa Ortodoksii Itoophiyaa gidduu uumame marii keessoon akka furamu gaafateera. Kana malees, kanneen dhimmicha akka carraatti fayyadamuun gara walitti bu’iinsatti geeddaruuf yaalan irratti tarkaanfiin seera kabachiisuu akka fudhatamu akeekkachiiseera.

Kun kanaan osoo jiru, Qulqulluun Sinodosii Mana Amantaa Ortodoksii Itoophiyaa ibsa mootummaan federaalaa baase akka hin fudhanne beeksiseera. Ibsa haaraa Sonodosichi dhimma kanaa ilaalchisuun baasee akka jedhutti, qabxiilee ibsa kominikeeshiniin mootummaa federaalaa baase aangoo fi seenaa mana kiristaanichaa moggaattii kan dhiibeedha jedhe. Ibsi mootummaan baase qaamolee lamaan [Qulqulluu Sinodosii fi Angafa Phaaphaasota adda bahan] akka walqixaatti kan ilaalu waan ta’eef, kunis dhugaa jiru kan haale fi kanneen odeeffannoo guutuu hin qabne kan dogoggorsu waan ta’eef akka hin fudhanne ibseera, Qulqulluun Sonodosichi ibsa isaa kanaan.

Ibsi mootummaan baase ajjeechaa Shaashamanneetti raawwatame kan hin balaaleffannee fi gadda itti dhaga’ame kan hin ibsine ta’uun isaa ejjennoo mootummaa agarsiisaa kan jedhe Sinodosichi, mootummaan namoota “seeraan alaa” jedhamanii adda baafaman deeggaruu irraa akka of qusatuu fi deeggarsa hanga ammaatti taasiseefis dhiifama akka gaafatu hubachiiseera.

Qulqulluun Sinodosii Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa amantoonni Sooma Nanawwee guyyoota sadan Wiixata, Guraandhala 06 hanga Roobii Guraandhala 08tti yaadatamutti, uffata gurraacha uffachuun yaalii fonqolcha Qulqulluu Sinodosii “seeraan ala” mootummaan deeggarama jedhe akka mormu hubachiisuun isaa ni yaadatama.

“Sooma Nanawwee sababeeffachuun, Kiristaanonni addunyaa guutuu uffata gurraacha qofa uffatu, mooraa Mana Kiristaanaa keessatti argamuun soomaafi kadhannaa taasisu. Gidiraa keessatti cimina jiru ibsuuf uffata gurraacha uffanna,” jedha ibsichi.

Torban darbe, qorannoo raawwii hojii baatilee jahaa ministeerota mootummaa irratti haasawaa miseensota kaabinee fuulduratti taasisaniin, ministirri muummee Abiy Ahimad waldhabdeen mana amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaa (EOTC) keessatti deemaa jiru mariin furmaata argachuu akka qabu dubbate. MM Abiy qeeqa mootummaan isaa mana amantaa Ortodoksii irratti dhiibbaa uumaa jira jedhuuf deebii yoo kennan, mootummaan akka mootummaa Paartii Badhaadhinaan hoogganamutti mana amantaa Ortodoksii Ityoophiyaa deeggare akka hin jirre ibse.

Dubbiin MM kun wayita qeeqni mootummaan abbootii amantaa sinoodoosii haaraa hundeessaan deeggaruun garee isa biraa irratti hidhaa fi dhiibbaa gochaa jira jedhu baay’achaa dhufeetti as bahe.

Qulqulluu Sinoodosiin Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa dubbii Ministirri Muummee Abiy Ahimad rakkoo amma mana amantichaa keessatti deemaa jiru ilaalchisee dubbataniif deebii jechoota ciccimoon dabaalame Guraandhala 01 kenneen, dubbii MM Abiy kufaa godhee, wantoota isaan jedhan irrattis tokko tokkoon yaada irratti kennee jira. Sinodoosichi mootummaan “ol’aantummaa Mana Kiristaanaa, mirgaa fi dantaa seeraan isheef kenname kabachiisuun, gocha seeraan alaa irratti raawwatameef sirreeffama barbaachisaa ta’e kennuudhaan” itti gaafatamummaa heerri kenneeef akka bahatu kan gaafate yoo ta’u, tarkaanfiin sirreeffamaa yoo hin fudhatamne sadarkaa addunyaatti godhamu akka waamu doorsiseera.

Qulqulluu Sinodoosii fi amantootaan mormiin irratti ka’aa jiur itti fufee jiraatus, abbootiin lubummaa addaan ba’an phaaphaasota 25 gara mana amantaa naannoo Oromiyaa adda addaatti erguu itti fufaniiru. Phaaphaasota mana amantaa adda addaatti ramadaman ergamaa jiraachuu fi karaa isaan deeman irratti amantoota irraa simannaa “ho’aa” ta’e argachaa jiraachuu isaanii dubbi himaan Sinodoosii Qulqulluu Oromiyaa fi Saboota fi Sablammoota Haayilamikaa’eel Taaddasaa himeera.

Seen-duubee

Sinoodoosiin angafaa Mana Amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa gaafa Amajjii 26 yaa’ii hatattamaa taa’een sababa “muudama seeraan alaa”raawwataniif phaaphaasonni duree sadii fi ephisqophoosotni 25 abaaramanii mana amantaa keessaa akka fo’aman murteessee ture.

Sanbata gaafa Amajjii 28 ammoo phaaphaasonni duree sadanii fi ephisqophoosotni 25 abaaraman, tarkaanfii duubdeebii fudhataniin phaaphaasota 12 miseensa sinoodoosii angafaa ta’an abaaranii fo’uun, ephisqophoosota ofii muudan gara bakka ramaddii isaaniitti akka ergaman beeksisan. Phaaphaasonni yeroo amma biyya lallabaa itti ramadamanitti imala eegalan simannaan godhamaafi jira.

Wal-dhibdee amma gara Mana Amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa bakka lamatti baqaqsuutti adeemaa jiru kanaaf taateen ka’uumsa ta’e, Adda durummaa phaaphaasii duree biyya lallabaa Shawaa Kibba Lixaa kan ta’an qulqulluu Abuna Saawiroos (PhD) fi angafa phaaphaasota lama biroon kan raawwatame muudama phaaphaasota 26: mana amantaa naannoo Oromiyaa keessatti argamaniif phaaphaasota 17, fi phaaphaasonni sagal ammoo mana amantaa Oromiyaan alatti argamaniif mana amantaa Haaroo Ba’aala Walditti raawwatame dha.

Abuna Saawiroos murtee Phaaphaasota 26 muuduu irratti ibsa dheeraa kennaniin, rakkoo yeroo dheeraa mana amanticha keessatti amantoota afaan dhalootaa isaaniitiin tajaajiluu dadhabuu fi aadaa isaanii irraa adda baafamuu waggoota darban keessa keessumaa Oromiyaa fi naannoo Kibbaatti amantoota miliyoonaan lakkaa’aman akka dhaban taasiseef furmaata kennuun kaayyoo muudamichaa ta’uu ibsanii ture.

Haata’u malee paatraarikiin Mana Amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa qulqulluu Abuna Maatiyaas, muudama phaaphaasotaa kan gocha “seeraan alaa” eeyyama Qulqulluu Sinodosii malee raawwatame jechuun, taatee “aggaamii guddaa waldaa irratti godhame” ittiin jedhan irratti walga’ii ariifachiisaa waamuun ni yaadatama. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.