Xiinxala: “Ni Gaha! Gara karaa nagaatti haa dhufan”: Pireezidantiin Oromiyaa Waraana naannichaa keessaa karaan nagaan xumuruu fedhu, garuu ifatti kallattii hin akeekne

Finfinnee, Guraandhala 08/2023 – Haala ejjennoo amma dura qabaachaa turerraa adda ta’een, pireezidantiin mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaaa, lolli naannoo Oromiyaa keessatti humnoota federaalaa fi naannichaa fi finciltoota Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) mootummaan “Shanee” jedhee waamu jidduutti waggoota afurii oliif adeemaa jiru xumura akka argatu fedha qabaachuu dubbatan.

Gaaffii fi deebii sa’aatii tokkoo fi walakkaa dheeratu kaleessa galgala miidiyaalee mootummaa fi paartii biyya bulchu waliin hidhata qaban irratti tamsa’een, Obbo Shimallis, mootummaan naannoo Oromiyaa mootummaa federaalaa waliin ta’uun naannicha daandii nagaa fi badhaadhinaatti deebisuuf karaa lamaan hojjechaa akka jiru cimsanii dubbataniiru. “Inni jalqabaa fi angafaa” waldhabdee naannichaatti xumura gochuuf “karaa nagaa” ta’uu himanillee, sun akkamitti akka raawwatamu garuu waan qabatamaa hin dhiheessine.

Dubbiin Obbo Shimallis ammaa kun ejjennoo mootummaan naannichaa bara darbe ji’a Adoolessaa keessa hidhattoota “ajandaa siyaasaa hin qaban” jechuun himate waliin mariif hin taa’u jedhee labse irraa adda. Akka Obbo Shimallis jedhanitti abbootii Gadaa fi hadholii sinqee abbootii amantaa, hayyootaa fi qooda fudhattoota biroo waliin ta’uun, aangawoonni mootummaa naannichaa waraanichi karaa nagaa akka furamu ciminaan hojjechaa akka turan dubbataniiru. ”Baay’ee isaan galateeffachuu barbaanna,” kan jedhan pireezidantichi ammas qabatamaan hojiin hojjetame maal akka ta’e hin ibsine.

WBOn gama isaaniitiin bakka qaamni sadaffaan amanamaa ta’e jirutti ni mari’anna jechaa turaniiru. Gareen kun dhiheenya kana yaadama siyaasaa gabaabaa: “Qabsoo hidhannoo irraa nagaa” jedhu maxxanse keessatti waraanicha karaa nagaa furuu keessatti ejjennoon isaa maal akka ta’e ibseera. Yaadamni siyaasaa kun akka jedhutti, WBOn “rakkoolee siyaasaa Itiyoophiyaa kallattii hedduu fi walxaxaa ta’aniif furmaanni waaraa fi itti fufiinsa qabu kan argamuu danda’u, adeemsa siyaasaa hunda hammate, kan qooda fudhattootaa fi humnoota siyaasaa hunda hirmaachisu yoo gaggeeffame qofa” ta’uu ibse.

Haata’u malee mootummaan Itiyoophiyaa “kana booda marii akkasii gochuuf seera qabeessummaa fi amantaa qooda fudhattoota hundaa hin qabu. Mariin biyyoolessaa sirnichaan eegalame jalqabbiidhumasaarraa kufaa ta’uu fi marii siyaasaa dhugaa ta’ee gaggeessuuf gargaarsi dhaabbilee alaa sababoota hedduuf ni barbaachisa jedheera.

Kanaaf “wmarii akkanaa raawwachiisuuf wabii ta’uu kan danda’an qooda fudhattoota idil-addunyaa qofa. Akka idil-addunyaattillee hojiirra oolmaa isaaf wabii ta’uu kan danda’an qooda fudhattoota muraasa qofa” jedhe.

”Wanti karaa nagaa furuu hin dandeenye hin jiru; humni kamiyyuu haarsaa hin barbaachifne kaffaluu hin qabu”

Obbo Shimallis Abdiisaaa

‘Kophaa to’achuu haala danda’urra hin jiru’

WBO “garee riphee lolaa” jechuun kan waaman, pireezidanti Shimallis, naannoon Oromiyaa “kophaa to’achuu haala danda’urra hin jiru” jechuun amanee fudhateera. ”Yeroo waraanni Kaaba biyyattii adeemaa turetti naannichi qormaata humna isaan olii baatee ture, hoggansaa fi humnoonni nageenyaa haarsaa ibsuun hin danda’amne kaffalaniiru” kan jedhan Obbo Shimallis, amma mootummaa federaalaa waliin ta’uun rakkoo kana karaa itti xumuruun danda’amu irratti hojiin hojjetamaa akka jiru himaniiru.

”Wanti karaa nagaa furuu hin dandeenye hin jiru; humni kamiyyuu haarsaa hin barbaachifne kaffaluu hin qabu,” kan jedhan Obbo Shimallis, hunduu karaa nagaa, dimokiraatawaa karaa dhaabbilee siyaasaa hundeessuun dabalatee hojjechuun akka danda’amu ibsaniiru. Karaan nagaa kun filannoo keenya isa jalqabaa kan nuti hordofaa jirrudha jedhan. “Gara karaa nagaatti koottaa, ummatni keenya rakkatees isa haa gahu, [lolli] kun kan nama qaanessu dha, waan Seenaa keessatti of-duuba deebisuun hin danda’amnedha, Ni Gahaa!” Jechuun WBOf waamicha dhiyeessan. “Karaa nagaa haa dhufan. Kanaaf wanti ani waamicha gochuu barbaadu humnoonni [lola] keessatti hirmaatan kun gara daandii nagaa akka dhufanidha. Nama tokkollee hin fayyadu; Itoophiyaa hin gargaaru. Nama kamuu caalaa ummata Oromoo miidhaa jira. Namoota biroof balbala banuudha, salphina fiduudhas,” jedhan.

Amma dura “Shaneen” garee sababa qabsaa’uuf hin qabnedha jechuun, aanga’oonni naannoos ta’e federaalaa irra deddeebi’anii waraanaan dhabamsiisuuf” akka hojjetan dubbachaa turan. Garuu kanneen meeshaa waraanaa lafa kaa’anii gara karaa nagaatti deebi’an ni simanna, dhiifamas ni goonaaf jechaas turan. Hanga ji’a darbeetti kutaalee naannichaa hedduu keessatti lolli cimee wayita jiruu garee finciltootaa kana dhabamsiisuuf dhaadachaa, naannoo ummanni nagaan jiraatutti osoo hin hafiin diroonii fayyadamuun haleellaa raawwachaa ture.

Bara darbe ji’a Eblaa keessa qindeessaan Ajaja Kibbaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Koloneel Girmaa Ayyelee akka jedhanitti, humnoota federaalaa fi naannoo waliin qindoominaan garee kana irratti duula gaggeeffameen, miseensonni WBO to’annaa jala oolchuu fi meeshaa waraanaa fi rasaasa adda addaa akkasumas dhiyeessii qorichaa qabuun danda’ameera.

Haa ta’u malee, WBOn faallaa kanaatiin humnoota federaalaa fi naannoo akkasumas dhaabbilee nageenya mootummaa irratti osoo hin hafiin raawwataa ture. Amajjii 07 gareen kun Kibba Oromiyaa, Godina Gujii Lixaa, Magaalaa Bulee Horaatti mana hidhaa godinaa cabsuun hidhamtoota 480 ol bilisa baasee ture.

Jireenya keenya bilisummaa ummata keenyaaf fedhiidhaan kan kennine waraana du’aaf nama saaxiluu waan mi’eeffannuuuf osoo hin taane, qabsoon hidhannoo gaaga’ama abbaa irree jalaa of baasnee namummaa fi eenyummaa keenya deebisnee ijaaruuf karaa tokkicha hafe waan ta’eefi”

WBO

WBOn qabsoo isaa mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu Oromoo mirkaneessuu irratti akka bu’uureffate dubbata. “Mirga hiree murteeffannaa ummata Oromoof falmuuf”, akkasumas “ummanni Oromoo siyaasaan moggeeffamuu, diinagdeen isaa saamamuu, fi dhimmoota hawaasummaa fi aadaa keessaa moggeeffamuu” hambisuuf akka qabsaa’uu hima.

“Jireenya keenya bilisummaa ummata keenyaaf fedhiidhaan kan kennine waraana du’aaf nama saaxiluu waan mi’eeffannuuuf osoo hin taane, qabsoon hidhannoo gaaga’ama abbaa irree jalaa of baasnee namummaa fi eenyummaa keenya deebisnee ijaaruuf karaa tokkicha hafe waan ta’eefi” jedha.

Dubicha walxaxaa kan taasisu, Obbo Shimallis WBO akka finciltoota kaayyoo hin qabneetti tuffachuu qofa osoo hin taane, dhimmi “Shanee” fi abdiin nageenyaa Oromiyaa dhimma “humnoota hedduu” hirmaachisu ta’uu dubbachuu isaati. “Humnoonni nagaa ummataa hin barbaanne,” akkasumas “ummanni Oromoo akka wal lolu barbaadan” akka jiran hime.

Humnoota kanas bakka shanitti kan qoode yoo ta’u, kan duraa warreen “garee kana irraa bu’aa argatan” humnoota “ofii isaaniitiin wareegama kaffaluu hin barbaadne, garuu maqaa ummata Oromootiin kakatanii akka abukaatoo ummata Oromootti of ilaalanii fi dhiiga ijoolleetiin taphatan jedhan. Kan lammataa “Humnoonni Itoophiyummaa” jechuun kan ibse yoo ta’u, isaan kun kan Shanee jibban fakkaatanii garuu, waan lamaaf garee kana jaalatu jedhan. – Shanee akka madaa fi rakkoo ummata Oromootti fayyadamuun, ummata Oromoo salphisuu fi qaanessuu akkasumas sabni kaan “ummata Oromoo jidduutti gad-aanaa fi orma” akka ta’e akka itti dhaga’amu gochuufi jedhe. Humni kun “yaadaafi meeshaa waraanaatiin illee Shanee deeggaraa jira….kana bakka tokko tokkotti qabatamaan argineerra” jechuun dubbatan.

Humni sadaffaan “Shaneetti” fayyadamaa jiran kanneen yakka xixiqqoo raawwachuu irratti bobba’aniidha; humnoonni afraffaan immoo “warra waan barbaadan dhabanii fi sana deebi’anii fudhachuu barbaadaniidha” jedhan. Humni shanaffaan ammoo kanneen diyaaspooraa keessa jiranidha jedhan. “Humnoonni kunneen walitti makamanii Shanee gara humna badiitti jijjiiranii itti fayyadamaa jiru” jedhan.

Kanaaf humnoonni “dhugaadhaan dantaa ummata Oromoof hojjatan” kana keessaa bahuun akka karaa nagaa rakkoon kun furamu haala mijataa uumuu qabu jedhan. “Mootummaan naannoo Oromiyaa rakkoo kana karaa nagaa furuu caalaa wanti fedhu hin jiru” jechuunis dubbatan.

Waamicha nagaa ammatiin duuba

Gaaffii fi deebiin pireezidanti Shimallis miilanaa kun kan taasifame dhiibbaan mootummaan karaa nagaa waraanichaaf furmaataa akka kennu godhamu wayita dabalaa jiruttidha. Muddee 05, miseensonni paarlaamaa miseensa paartii biyya bulchaa jiru ta’an xalayaa qabxii kudhan of keessaa qabu Ministira Muummee Abiy Ahimad fi hoggantoota olaanoo mana marichaaf naannoo Oromiyaatti nageenyi waaraa akka jiraatu gaafatan dhiyeessanii turan. Miseensonni paarlaamaa kunneen haala kanaan dura hin baramneen mootummaan waraana Oromiyaa keessatti gaggeeffamaa jiru dhaabuun, akkuma humnoota Tigraay waliin godhe, Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) waliin waliigaltee nagaa akka taasisu waamicha dhiyeessaniiru jechuun miseensi paarlaamaa tokko BBC Afaan Oromootti himeera.

Xalayaa dhiyeessan kana hordofuun, miseensonni kunneen guyyaa Kibxata Muddee 27, 2022 aangawoota mootummaa federaalaa, Ajajoota tika biyyaaleessaa, Af-yaa’ii manneen maree lamaanii fi Pirezidantii Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaa waliin dhimma nageenya Oromiyaa irratti mari’ataniiru.

Dhimma marii gaggeeffame ilaalchisee yaadashee BBCf kan laatte miseensi paarlaamaa Beetel Malkaamuu, ”araarri Tigraayitti dhufe bifuma wal fakkaatuun hidhattoota Oromiyaa keessa socho’an waliinis akka gaggeeffamu gaafanne. Isaaniis dhimma araara kanaaf qophii taasisaa akka jiraniifi eeyyamamoo ta’u isaaniiti kan nuuf ibsan,’’ jette. Haata’u malee adeemsa araara kanaa maal akka ta’uu fi haala kamiin akka gaggeeffamu ilaalchisee akka hin ibsaneef himte.

Miseensonni Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Itoophiyaa Oromiyaa irraa filaman kunneen walitti bu’insiifi hookkarri Oromiyaa keessa xumura akka argatuf hunduu dhiibbaa akka uumu gaafatan. Ummanniifi jaarsoliin gara mootummaattis, gara hidhattootaattis ”waraanni nu gaha jedhee dhiibbaa uumuu qaba’’ jedhan.

Bara kana Amajjii darbe keessa, mootummaan Ameerikaa waraana naannoo Oromiyaa keessatti deemaa jirutti yaada deebifachuun, “rakkoon nageenyaa Oromiyaa keessatti itti fufee jiru xumura argachuun barbaachisaa ta’uu” ministirii haajaa alaa US Antonii Biliinkan wayita MM Abiy Ahimad waliin bilbilan mari’atan himanii turan.

Haa ta’u malee, qaamolee lamaan marii nagaaf walitti fiduu keessatti ragaan hirmaannaa qooda fudhattoonni idil-addunyaa agarsiisu hin jiru. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.