Oduu: Gaambeellaatti haleellaa hidhattoonni Murlee Sudaan Kibbaa irraa daangaa ce’anii raawwataniin namoonni lama ajjeefaman, tokko madaa’e

Utow Ukot

Finfinnee, Guraandhala 09/2023 – Hidhattoonni gosa Murlee biyya Sudaan Kibbaa irraa gara Itoophiyaa, naannoo Gaambeellaatti ce’an namoota lama ajjeesuu fi tokko madeessuu Biiroon Nageenya naannichaa beeksiseera.

Hidhattoonni kunneen Kibxata Guraandhala 07 galgala daangaa ce’uun godina Anyuwaak, aanaa Gog, ganda Utuyoo irratti haleellaa raawwachuun namoota lama ajjeesuu fi tokko haala hamaadhaan madeessuu biiroon kominikeeshinii naannichaa itti gaafatamaa itti aanaa biirichaa kan ta’e Utow Ukot wabeeffachuun gabaaseera.

Hawaasni naannichaa humnoota nageenyaa naannoo Gaambeellaa waliin ta’uun miidhaa dabalataa akka isaan hin geessisneef eegumsa sirrii taasisaa jiru kan jedhe Utow, “naannichi humna addaa fi milishaa naannoo bobbaasuun weerartoota irratti tarkaanfii fudhachuuf ciminaan hojjechaa jira” jedhe.

Mootummaan godinaalee lamaan Sudaan Kibbaa waliin daangaa bal’aa qooddatan [Anyuwaak fi Nuweer] keessatti haleellaa walfakkaataa akka hin raawwatamne gochuuf yaalii gochaa jiruun alatti jiraattonni naannicha dammaqinaan akka ittisan waamicha taasiseera.

Utow itti dabaluun, hidhattoonni gosa Murlee waggoota darban keessa irra deddeebiin daangaa qaxxaamuruun keessumaa yeroo gannaatti namoota ajjeesuu, daa’imman butachuu fi qabeenya saamuu akka raawwatan himeera.

Akka komishiniin poolisii Gaambeellaa baatii Amajjii bara darbe keessa jedhetti hidhattootni gosa Murlee Sudaan Kibbaa irraa dhufan daangaa ce’uun naannicha irratti haleellaa banuun namoonni saddeet du’anii shan ammoo madaa’aniiru.

Itti aansee baruma san torbe lammaffaa baatii Guraandhala keessa haleellaan biraa kan raawwatame yoo ta’u, haleellaa kana kan raawwatan hidhattootni Murlee nama tokko ajjeesanii, lama madeessuun Kaampii Baqattootaa Diimaa fi godina Anyuwaak aanaa Gog keessaa ammoo daa’imman sadii butaniiru.

Bitootessa bara 2022 Addis Standard akka gabaasetti loltoota Waraana Bilisummaa Ummata Sudaan (SPLM-IO) fi hidhattoota mootummaa Sudaan Kibbaa gidduutti walitti bu’iinsa uumameen walqabatee naannoo daangaa Sudaan Kibbaatti godina Nuweer aanaa Laaree fi Jikaawoo keessatti namoonni jaha du’uun, namoonni 9,000 ol buqqa’aniiru. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.