Oduu: Abuna Saawiroos fi jilli isaanii magaalaa Walisootti wayita deebi’an amantoota kumaatamaan simataman

Finfinnee, Guraandhala 09/2023 – Phaaphaasiin angafa kutaa lallaba Shawaa Kibba Lixa Abuna Saawiroos (PhD) kan siinoodosii qulqulluu mana amantaa Ortodooksii Itoophiyaatiin ‘abaaramanii’ turan guyyaa hardhaa gara Teessoo kutaa lallabaa isaanii magaala Walisootti amantoota kumaatamaan laakka’amaniin simatanmaniiru.

Abuna Saawiroosiin phaahaasota angafaa biroo lama waliin ta’uun torban sadi dura ephisqophoosota 26 muuduun isaanii Sinoodosii duraanii Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatiin “muudama seeraan alaati’ jedhamuun wal-qabatee muddama guddaa uumee ture. Gochaa isaanii hordofuun siinoodosiin duraanii phaaphaasota sadanii fi ephisqophoosota isaan muudan abaaruun aangoo amantaa isaanii irraa haqee ibsee ture.

Phaaphaasonni sadanii fi ephisqophoosotni isaan muudanis haaluma wal-fakkaatuun miseensota sinoodoosii duraanii kan ta’an phaphaasota 12 abaaruun mana kiristaanaa irraa fo’anii, aangoo amantaa isaaniis irraa mulqan.

Dhibdeen gareelee lamaan keessatti dhalate karaa nagaa mariin akka furamu mootummaan gaffii dhiyeessullee sinoodoosiin duraanii hayyamamaa hin taane. Hordfotoonni amantichaa guyyoota sadan darbaniif uffata gurraacha uffatanii akka soomanii fi kadhatan ajaja dabarsee ture.

Abuna Saawiroos guyyaa har’aa yeroo muddamni sinoodoosii durii mana kiristaanaa Ortodoksii Itoophiyaa fi mootummaa jidduutti wayita dabalaa jirutti kutaa lallabaa Soddooo Daaccii bataskaana Madaanaalamii kan Walisootti argamutti deebi’aniiru.

Phaaphaasonni adda bahan kan “mana lubummaa Oromiyaa fi sabaa fi sablammoota” jechuun of waamam gara kutaa lallabaa itti ramadamaniitti imaluu kan eegalan torban darbe keessa ture. Marsaan tokkoffaa lixa Oromiyaa godinoota Wallagga afranitti kan raawwatamee ture. Haata’u malee, haaluma walfakkaatuun simannaan guyyaa Sanbata darbe godina Arsii Lixaa magaala Shaashamanneetti taasifameen walqabatee hokkora uumameen lubbuun namoota hedduu darbuun himameera.

Sinoodoosiin duraanii fonqolcha sinoodoosii mootummaan deeggarametu gaggeeffamaa jira jechuun mootummaa kan yakke yoo ta’u, Guraandhala 12 dhufuu hiriirri mormii akka godhamus yaamicha dhiyeessee jira. Mootummaan garuu hiriirri kamuu dhorkaa ta’uu beeksiseera.

Imalli phaaphaasonni haaraa muudaman gara kutaa lallaba isaaniitti taasisan itti fufee, Sanbata xiqqaa dhuftu phaphaasii kutaa lallaba Shawaa Lixaa ta’uun kan muudaman Abuna Awusxaatewos gara magaalaa Amboo akka imalan beekameera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.