AS-Jabaa: Namoota 5000 ol irraa dorgommii kalaqaa kan injifate Gurmeessaa Goobanaa Hoolaa qonna biyya kanaa teeknooloojiin fooyyeessuu akeeka

Gurmeessaa Goobanaa Hoolaa

Getaahun Laggasaatin @Birmaduu2

Finfinnee, Waxabajjii 30/2023 – Gurmeessaa Goobanaa ilma abbaa gadaa Tuulamaa Abbaa Gadaa Goobanaa Hoolaati. Dhalatee kan guddate godina Shawaa Bahaa magaalaa Maqiitti. Gurmeessaan daa’imummaa isaatii kaasee teeknoolojii fi kalaqaaf jaalala addaa qaba ture. Fedhii kalaqaaf qabu dagaagfachuuf barnoota sadarkaa tokkoffaatii kaasee hojiiwwan kalaqaa garaagaraa hojjateera. Akkasumas, garee kalaqaa keessatti hirmaachuun dandeettii kalaqa qabu gabbifachuuf tattaaffateera.

Fedhii kalaqaaf qabu kana addaan osoo hin kutin itti fufuun hojiiwwan gurguddoo rakkina hawaasaa furuu danda’an hedduu hojjateera. Hojiiwwan kalaqaa inni hojjatu teeknoolojii qonnaa dagaagsuurratti kan xiyyeeffateedha. Sababiinsaas tokkoffa ilma qotee bulaa waan ta’eef yoo ta’u inni lammataammoo barnootaan ogeessa qonnaa waan ta’eefiidha. Barnoota saayinsii habaaboo omishuu (horticulture) jedhamuun Digriitiin eebbifameera.

Kalaqaawwan isaa teknoolojii qonna ammayyeessuu fi jireenya qonnaan bulaa salphisuu danda’an garaagaraa hojjateera. Kanneen keessaa muraasni teeknoolojii gochaawwan qonnaa lafa qotuu kaasee hamma dhahanii galchuu jahaa hamma  saddeetii hojjachuu danda’uu fi teeknoolojii farra aramaa fi ilbiisotaa balleessuu fi xaa’oo dhangala’aa firfirsuu danda’u hojiirra oolcheeera.Teeknoolojiin kunneen qonnaan bulaa hubamaa fi dhibeewwan garaagaraa irraa hambisuu kan danda’aniidha.

Namni kalaqaa kuni dorgommii saayinsii teeknoolojii fi kalaqaa Baankiin Awaash waahiloota biroo wajjiin ta’uun dhiyeenya qopheesseerratti  hirmaatee ture. Dorgommicharrattis dorgomtoota 5000 hamma 6000 ta’an moo’achuun tokkoffaa bahuun badhaafameera.

Kanaan duras dorgommiiwwan biroo lammarratti hirmaate irratti milkaa’ina ajaa’ibsiisaa galmeesseera. Yeroo ammaa kana dhaabbata mataasaa ijaaruun teeknoolojii qonnaa gabbisuuf hojjachuurratti argaama.

Turtii Addis Standard nama kalaqaa kana wajjiin taasise akka armaan gaditti dhiyaateera.

Addis Standard: Gurmeessaan eenyu?

Gurmeessaa: Maqaan kiyya Gurmeessaa Goobanaati. Kanan dhaladhee guddadhe godina Shawaa Bahaa magaaala Maqiitti. Barnoota sadarkaa tokkoffaa fi lammaffaa manneen barnoota magaalattii keessatti argaman keessatti erga xumuree booda digrii jalqabaa yuunivarsitiiwwan Gondariitti eegaluun booda gara Yuunivarsitii Arsiitti xumuruun gosa barnoota omisha habaabootiin (horticulture) eebbifame.  Sana booda yuunivarsitii Arsiitti qabxii gaarii galmeessuun barsiisaa yuunivarsitichaa ta’ee hafeera. Yeroo ammaa kana Yuunivarsitii Arsiitti barsiisaa jira. Akkasumas gosa barnootaa saayinsii kompitaraatiin digrii qaba.

AS: Kalaqaawwan kanaan dura hojjette maal fa’i?

Gurmeessaa: Ani kanaan dura wantoota hamma saddeetii ta’an kalaqeera. Isaan keessaa wantoota lamaaniin dorgome. Inni tokko maashina haala salphaadhaan qorichaa miidhaanii fi xaa’oo dhangala’aa biifu (automation spray) yoo ta’u inni kaanimmoo maashina qonnaa hojiilee jaha hamma kudhanii kan akka lafa qotuu, midhaa dhahee galchuu, facaasuu fi kan biroo raawwachuu danda’uu dha. Kalaqaawwan kunneen rakkoo hawaasa qonnaan bulaa kan salphisaniidha. Kalaqni koo beekumsa teeknoolojii biyya keessaati. Rakkoolee qonnaan walqabatan hedduu salphisuu danda’a.  Akkasumas, maashinni biifu kuni wantoota afur hojjachuu danda’a. qoricha farra aramaa biifuu, xaa’oo dhangala’aa biifuu, biyyoo misoomsuu fi miidhan dhahuu kan danda’uudha. Maashinni kuni rakkoolee qoricha biifuutiin walqabatee keessummaa fayyaa namaa danqan hambisuu danda’a.

Kalaqaawwan koo adda kan taasisu fedhii qonnan bulaa biyya keenya giddugala kan godhatan yoo ta’u haala salphaadhaan hojiirra kan oolan ta’uunsaanii jaalatamoo akka ta’an taasiseera. Qoteen bulaan keenya teeknoolojii salphaa fi qaalii hin taane barbaada.

Kalaqaawwan qonnaa Gurmeessaan hojjete keessaa isa tokko

AS: Qonni biyya kanaa haala kamiin teeknooloojii fayyadamuun fooyya’u danda’a?

Gurmeessaa: Qonnna biyya keenyaa akkamitti jijjiiruun akka danda’amu irratti hojjatamuu qaba. Qonna jijjiiruuf bekumsa guddaa osoo hin taane teeknoolojii xixiqqootu barbaachisa. Jireenya qotee bulaa fooyyeessuu fi teeknoolojii sasalphaa aakka bishaan baasuu fi kan kana fakkatan dhiyeessuun gaariidha. Kana malees, beekumsa qonnaan bulaan qabu teeknoolojiitiin wal barsiisuun faayidaa qaba. Waajjiraalee qonnaa adda addaarratti paakeeejiiwwan adda addaa hojiirra oolchuun qonnaan bulaan teeknoolojii akka fayyadamu dirquun barbaachisaadha.

AS: Waa’ee dorgommii kalaqaa injifatte nutti himi.

Gurmeessaa: Dorgommichi maqaa ‘qaxaleewwan’ jedhuun kan beekamu yoo ta’u dorgommii akka biyyaalessaatti gaggeeffamuudha. Dorgommii kana kan qopheessu Baankiin Awaash dhaabbilee gargaarsaa biroo wajjiin ta’uudhaani. Carraa dorgommii kanaa kan arge marsarii hawaasaa Baankii Awaash irraati. Sanumaan dorgomuuf murteesse.

Dorgommii kanarratti barsiisonni fi namoonni ogummaa adda addaa fi sadarkaa barnoota garaagaraa qaban hirmaataniiru. Kalaqa qabaniin dorgomaniiru. Namoonni kuma torbaa hamma saddeetii ta’an irratti hirmaataniiru. Anis calallii si’a shanii ol taasifame darbuun tokkoffaa bahuun moo’achuu danda’eera.

AS: Fedhii teeknoolojii fi dorgommiiwwan biroo…

Gurmeessaa: Yeroon mana barumsa sadarkaa tokkoffaa turetti kalaqa akka diroonii fi konkolaataa hojjachaan ture. Dorgommii biraa akka Afrikaatti godhame irratti torbaffaa fi kan akka biyyaatti godhame irratti tokkoffaa baheera.  Maashinoota sasalphoo namoota hir’ina qaamaa qaban deeggaruuf oolan fi bishaan baasuuf fayyadan kalaqeera.

AS: Adeemsa hojii kee keessa rakkoolee si mudatan?

Gurmeessaa: Akkuma biyyattii rakkoolennjira hedduudha. Rakkooleen nu mudates hedduutu jira. Rakkoleeakka balaa tasaa laaboraatorii keessatti nama mudatan, rakkoo qarshii fi beekumsaa ni jiru. Rakkoolee kana dandamachuun as gaheera.

AS: Gorsa dargaggootaa fi qaamolee garaagaraaf qabdu maali?

Gurmeessaa: Obsaa fi cichoominni baay’ee murteessaadha. Abdii kutachuu dhiisuun barbaachisaadha. Kalaqni kee rakkoo hawaasaa giddu gala godhachuu qaba. Teeknoolojii ammayyaa beekuun tattaaffachuun akkasuma barbaachisaadha.

Akkuma beekamuu gaheen maatiin milkaa’ina nama tokkootiif gumaachan olaanaadha. Akkasuma maatiin koo oolmaa guddaa narraa qabu.

Carraan biyya keenya qabdu kalaqadha. Kalaqni guddina biyya kanaaf murteessaa waan ta’eef mootummaa dabalatee qaamoleen dhimmi ilaallatu hundi cimanii hojjachuu qabu; deeggarsa barbaachisaa taasisuu qabu. Akkasumas, dhaabbilee akka Yuunivarsitii Arsii fi Waldaa Teeknoolojii Oromiyaa, waldaan abbaa taayitaa Saayinsii teeknoolojii Oromiyaa fi kanneen biroo tumsa naaf taasisaniiru.  Akkasumas Baankiin Awaash jijjirama biyyatti kanaatiif hojii guddaa hojjateera.

Teeknoolojii mukaarraa gara sibilaa fi sibiilarraa gara teeknoolojiitti akka jijjiramu yaadaa fi kalaqa namaatiif deeegarsi taasifamuu qaba. Teeknoolojiiwwan kunneen hojii uumuudhaa rakkoo biyya kanaa furuurratti gumaacha guddaa qaba.

AS: Karoora kee gara fulduraa maali?

Gurmeessaa: Dhaabbata teeknoolojii mataa koo dhaabeen hojjachaa tureera. Dhaabbata Furmata Uma Rako Afri Technology Innovation (FURATI) hundeessuun hojjachaan jira.  Dhaabbanni kun rakkoo hunda teeknoolojiin furuuf kan hojjatuudha. Guddina teeknoolojii mirkaneesssuuf kan hojjachuu irratti argama. Karoorri koo gara fuulduraa hojii jalqabee kana cimsee itti fufuudha.

AS: Qaamolee milkaa’ina kee hunga har’aaf galateeffachu barbaaddu?

Gurmeessaa: Baankii Awaash fi pireezidaantiisaa, Yuunivarsitii Arsii keessumaa pirezidaantii baankichaa obbo Dhugumaa Addunyaa, waldaa abbaa taayitaa saayinsii fi teeknoolojii Oromiyaa fi maatii koo galateeffachuun barbaada. Hunda caala baankii Awaash carraa kan uumuusaatiif baay’een galateeffadha. Gorsaa koo barsiisaa biyya Swiidiin piroofeesar Girmaa Gabra Sanbat galatoomaan jedha. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.