Oduu: Waggaa sadi guutuu dhugaas gumaas Haacaaluu hin argine, anaaf eenyuyyuu qulqulluu miti: Aadde Faantuu Damisssoo

Aadde Faantuu Damissoo, haadha manaa Artiist Haacaaluu Hundeessaa. Suuraa: Addis Standard

Abdii Biyyansaatin  @ABiyenssa

Finfinnee, Waxabajjii 30/2023 – Sirna badhaasa Haacaaluu Hundeessaa marsaa 2ffaa fi yaadannoo ajjeechaa isaa waggaa sadaffaa kaleessa Waxabajjii 29, guyyaa Haacaaluun waggaa sadi dura ajjeefame, irratti gaggeeffameera. Sagantaa kaleessa gaggeeffameenis artistoota fi ogeessota aartii garaagaraaf badhaasa fi beekamtiin laatameera. 

Sirna badhaasa kennuu gaggeeffameen ala haasawaan haadha manaa Haacaaluu Hundeessaa taasiste ijoo dubbii ta’eera.

Sirna baniinsa sagantaa kana irratti haasawaa kan taasiste haadha manaa Artiist Haacaaluu Hundeessaa fi walitti qabduu Faawundeeshinii Haacaaluu Hundeessaa kana taate Aadde Faantuu Damissoo dhugaan ajjeechaa Haacaaluu akka bahu gaafateetti. Haasawaa taasisteen “waggaa sadi guutuu dhugaa kees gumaa kees hin argine, haqa kees dhabne,” jette.

“Erga nu dhiistee gadaantee dhugaa keerra ciisanis nuti akka jirrutti jirra…kan si nyaatees kan si nyaachisees fira haa ta’uu diinaa osoo hin beekiin jirra.  Waan biyya keenyaa kana irra-dibaadha.”

Gaggessaa isaaf malu dhorkamuu kan yaadachiiste Aadde Faantuun, “hanga dhugaan hin baanetti, anaaf eenyuyyuu qulqulluu miti, akka dhugaasaa baastan amayyuu isiin gaafadha,” jechuun dhugaan ajjeechaa Haacaaluu waliin walqabatu akka bahu gaafateetti.

Dhumaa irrattis “qaamaan erga nurraa fagaattee ani fi ijoolleen kee yaada fi jaalala keen ala biyya dhugaa fi dhiiga namaa xuuxxurra teenyee waggaa sadii guunne.” jechuun goolabdeetti.

Sirna badhaasa maqaa Haacaaluu Hundeessaan moggaafame kana irratti ogeessota aartii garaagaraaf badhaasa fi beekamtiiwwan 16 kennameera. Sirna kana irratti badhaasa umrii guutuu Abubakar Musaaf kennameera. 

Aartistoota badhaasa mo’atan: Shimallis Alamuu fi Tulluun wallee “Daadoo” jedhuun Keeroogiraafera Waggaa ta’uun, Liyoos walloo “Abbaa Boottii” jedhuun gulaallii suur-sagalee bareedaa, Biruuk Girmaa wallee “Kana Jedhiin” jedhuun Kiliippii Suur-sagalee Bareedaa, Kee’ol Nagaasaa weellisaa Cimaa Haaraa, Tigist Kaasaahuun Wellistuu Cimtuu Haaraa, Daangaa H/Qananii wallee “Shillimii” jedhuun Wallee Aadaa Waggaa, Anis Gabii Qindeessaa Muuziqaa Cimaa, Sittinaa Abbaa Duulaa Weellistuu Cimtuu Baranaa, Muktaar Usmaan Weellisaa Cimaa Waggaa, Kee’ol Nagaasaa (Jamaree) Wallee Waggaa, Natsaannat Sulxaan (Maaf Diddaa?) Wallee Ammayyaa, Kuul Surree – Albama Cimaa Waggaa ta’uun injifataniiru. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.