Getaahun Laggasaatiin @Birmaduu2
Finfinnee, Waxabajjii 29/2023 – Hospitaalli Waliigalaa Giddaa Ayyaanaa kan godina Wallagga Bahaatti argamuu fi aanaalee shaniif tajaajila kennaa jiru rakkoolee tasgabbii fi dhiyeessii meeshaa yaalaatiin walqabatee tajaajila kennuu rakkachuu beeksise.
Hoji gaggeessaa Hospitaala Waliigalaa Giddaa Ayyaanaa obbo Hirkoo Mitikkuu Addis Standard’tti akka himanitti, rakkoo nageenyaa fi tasgabbii aanaa Giddaa Ayyaanaa keessatti mudachaa jiruun walqabatee “rakkoolee walxaxaa uumaman” irraa kan ka’e hospitaalichi sadarkaa tajaajila kennaa jiru dhaabuttii deemaa jiraachuu ibsan.
Saamichaa fi haleellaan daandii adda addaa jiraachuu ibsuun geejjibni sodaachisaa ta’uu himaniiru. “Yoo humni tika mootummaa konkolaataa wajjiin deeme malee ambulaansii fi konkolaataa qoricha fe’u erguun hin danda’amu,” jedheera. Eegdsonni mootummaan karaa kanarratti bobbaase waan hin jirreef geejjibni sodaachisaa ta’uu addeessaniiru.
“Sababa ambulaansii qofaashee geejjibuu hin dandeenyeef namoota riifeeriif erguu hin dandeenyu. Kanaafuu, namoonni tajaajila hatattamaatiif riifeerii gara hospitaala Naqamtee ergamuuf malan hospitaaluma keenya keessa ciisanii du’aa jiru,” jechuun rakkoon jalqabaa rakkoo tasgabbii ta’uu hoggantichi addeessaniiru.
Hopitaalichi dhiyeessii dhiigaa kan argatu Hospitaala Naqamteetii ta’uu eeruun sababa rakkoo geejjibaa kana irraa kan ka’e dhiiga argachuun rakkina hosptaalichaa isa biraa ta’uu ibseera. Kunis rakkinuma rakkoo tasgabbiitiin kan walqabatuudha jedhan.
“Akkuma beekamuu aanaalee akka Giddaa fi Kiiramuu keessatti haleellaan irra deddeebiin taasifamuun namoonni baay’een miidhamanii dhiiga barbaadan ni dhufu. Haata’u malee, lubbuu namoota kanneenii baraaruun rakkisaadha,” jechuun hir’ina dhiyeessi dhiigaa jiraachuu addeessaniiru.
Konkolaataan qoricha akka fiduuf kireeffatee hospitaalichi gara magaala Nagqamtee torban darbe ergee ture sababuma rakkoo tasgabbii irraa kan ka’e hamma yoonaatti kan hin deebi’in ta’uu Obbo hirkoon himaniiru.
Hospitaalli Giddaa Ayyaanaa aanaalee afurii [Giddaa Ayyaanaa, Kiiramuu, Liibantuu Haroo Limmuu] fi magaala Hangar Guuteetiif tajaajila fayyaa kan kennu ta’uu ibsuun amma garuu rakkoolee dhabamuu nageenyaa aanolee fi gandoota keessatti uumamaa jiruun namoonni wal’aansa barbaadan garmalee dabaluu fi dhiyeessiin hospitaalichaa baay’ee murtaa’aa ta’uurraa kan ka’e namoonni du’aa jiraachuu dabalee addeesseera. Ambulaansii fi konkolaataan fe’aa eegumsa malee deemu irratti gareen hidhattootaa saamichaa fi haleellaa banu jedheera.
Akkasumas, rakkoon hir’ina iddoo ciisichaa fi meeshaalee yaalii jiraachuu ibsuun dhukkubsattoonni tokko tokko badheera ciisanii kan yaalaman jiraachuu ibsaniiru. Meeshaalee tajaajila eksreeyii (X-ray), meeshaalee laaboraatorii kan akka maashinii keemistirii, awtookileevii fi jenereetara kan qabne ta’uu himeera.
Dhaabbilee mootummaa, mitimootummaa fi dhalattoonni naannichaa rakkoo jiru furuuf tumsa akka taasisan obbo Hirkoon waamicha taasiseera.
Koree Fannoo Diimaa Idil addunyaa (ICRC) gabaasa Waxabajjii 22 baaseen, rakkoo nageenyaa naannoo Oromiyaa keessatti deemaa jiru bu’uuraalee misoomaa murteessoo ta’an irratti miidhaa geessisuu fi dhaabbileen fayyaa fi sirni bishaanii haalaan miidhamuu beeksiseera. Akka gabaasa ICRC jedhutti, aanaa jiraattota kuma 100 qabu Beegii keessatti buufataalee fayyaa jiran 42 ta’an saamamaniiru ykn miidhamaniiru. Dhukkubsattoonni haala fayyaa lubbuu namaa balaa irra buusu qaban dhaabbileen fayyaa kana booda hojii waan hin hojjenneef kunuunsa hatattamaa argachuu hin danda’an.
Akka ICRC jedhutti, dallaan Hospitaala Guduruu aanaalee shan ol tajaajilu rasaasaan kan guutame yoo ta’u, kuusaan bishaan isaas miidhameera. Sireewwan, meeshaaleen baqaqsanii hodhuu, qorichaafi ambulaansonni saamamaniiru. Kanuma waliin namoonni kumaatamaan lakkaa’aman mana isaanii baqatanii naannoo kana waan ga’aniif lakkoofsi dhukkubsattootaa haalaan dabaluu isaatiin hojjettoonni tajaajila eegumsa fayyaa ummataaf kennuu irratti garmalee rakkisaa ta’eera. AS