Oduu: Haleellaa Oromiyaa fi naannolee ollaa gidduutti umameen lubbuun darbuu, jiraattonni buqqa’uu fi qabeenyi manca’uu ibsame

Finfinnee Waxabajjii 27, 2023 – Walitti bu’iinsa yeroo garaagaraatti daangaa Oromiyaa fi naannoolee biroo gidduutti bara 2015 ALI mudateen lubbuun namaa darbuu, namoonni qa’eesaanirraa buqqaafamuu fi qabeenyi barbadaa’uu biiroon bulchiinsaa fi nageenya Oromiyaa beeksise.

Biirichi ibsa laateen, bara 2015 keessa daangaa naannoolee Somaalee, Amaaraa, Sidaamaa, Saba, Sablammmootaa fi Ummatoota Kibbaa (SSUK) fi kanneen biroo wajjiin walitti bu’iinsa yeroo garagaraatti uumameen buqqaatiin namaa, miidhaan lubbuu fi qabeenyaa gahuu ibseera.

Lammiileen hedduun sababa rakkoo nageenyaa gareen finxaaleyyiin uumanii fi walitti buiinsa naannoo daangaa iddoowwan garagaraatti uumameen qe’ee fi qabeenya isaanii irraa buqqa’uun rakkoo hammaataa keessa jiru jedhan.

Lammiileen haleellaa umame kanaan qe’eesaniirrraa  buqqa’anii argaman rakkoo hammaataa keessa jiraachuu  jireenya tasgabba’aa akka jiraataniif xiyyeeffannoodhan hojjatamuu akka qabu biirichi addeesseera.

Biirichatti daareektarri ittisaafi hiikkaa walitti bu’iinsaa obboo Taammanaa Saahiluu akka jedhanitti sababiin ka’umsa walitti bu’iinsaa fedhii babal’ifannaa lafaa, qubsuma seeraan alaa, lafa dheedumsaa fi itti fayyadama albuudaa fi kanneen biroo kan walqabatu ta’uu eeraniiru.

Biirichi buqqaatota 225,637 ta’an qa’eetti deebisuudhaan manneen dhuunfaa fi bu’uuraaleen misoomaa manca’an hirmaannaa hawaasatiin ijaaramanii tajaajila akka kennan godheeras jedhe.

Gareen hidhattoota Amaaraa faannoo daangaa ce’uun jiraattoota godinoota Wallagga Bahaa fi Lixaa fi Horro Guduruu irratti haleellaa banuun lubbuu namaa galaafachuu, qabeenya mancaasuu fi jirattoota buqqisuu Addis Standard gaabasaa tureera. Haleellaa humnoonni hidhattootaa kuni godinoota Horro guduruu fi Wallagga Bahaa ce’uun Waxabajjii 16, 2023 haleellaa raawwataniin namoonni sadeet ajjeefamuu, 13 madaa’uu fi 15 ol ammoo achii buuteen isaanii dhabamuu jiraaattonni Addis Standard’itti himaniiru.

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.