Oduu: Itoophiyaa fi Misra marii akkaataa kuusa bishaan hidha haaromsaa eegalame ture ji’a afur keeessatti xumuruuf waliigalan

Finfinnee Adoolessa 15, 2023 – Pireezidaantii Misraa Abdal Fattaah Al-Siisiin kaleessa Adoolessa 13, 2023 MM Itoophiyaa Abiy Ahmad (PhD) simachuun akkaataa kuusa bishaan hidha haaromsaa Itoophiyaa guddicha irratti marii eegalanii ture  itti fufaniiru.

Marii biyyoonni sadeen – Itoophiyaa, Misraa fi Sudaan – dhimma kuusaa bishaan hidha haaaromsaa Itoophiyaatiin walqabatee eegalanii ture ji’oota afur keessa xumuruuf gaggeessitoonni biyyoota lamaanii waliigaluun ibsame.  

Akkasumas, dhimmoota siyaasaa, dinagdee fi aadaa biyyoota lamaanii mariidhaan hiikuun fayyadamaa fi badhaadhina biyyoota lameenii galmaan gahuun fedhii fi badhaadhina dhugoomsuuf kutannoo siyaasaa kan qaban ta’uu gaggeesitoonni kunneen irra deebiin ibsaniiiru. Nageenyaa fi tasgabbii naannootiif gumaachuu fi rakkoo waloo furuuf waliigalaniiru.

Adeemsa marii hidha Abbayyaatiin ji’oota afur keessatti goolabuun waliigatee waloo irra gahuun seera ittiin bulmaataa qopheessanii kan xumuran ta’uu ibsaniiru.

Itoophiyaan kuusaa bishaanii bara haaydrooloojii 2023/24 raawwattuun Sudaanii fi Misra irratti akkaataa miidhaa guddaan hin geenyeen raawwachuuf kutannoo qabdu ibsiteerti. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.