Xiinxala: Qonnaan bultoota, al-ergitoota Jimaa Oromiyaa keessa jiran rakkoowwan walxaxaa harka galfannaa mootummaa uumeen rakkachaa jiru 

Gabaa Jimaa godina Harargee Bahaa aanaa Kombolchaatti argamu

Abdii Biyyansaatiin  @ABiyenssa

Finfinnee, Adoolessa 14/2023 – Qonnaan bultoota fi al-ergitoonni Jimaa naannoo Oromiyaa keessatti argaman sababa dambii mootummaan irra kaa’een rakkoo hawaas-dinagdee hin eegamne isaanirra geessisaa jira. Bu’aan dambii mootummaa kanaas damee kana keessatti qonnaan bulaa irraa kaasee hanga dhaabbilee al-ergii hojjatan hunda irratti dhiibbaa uumeera.

Naannoon Oromiyaa naannolee oomisha Bunaan beekaman keessaa tokko, kessumattuu aanaalee akka Odaa Bultum, Baddeessaa, Galamsoo, Harargee Lixaa, Habroo, Ciroo fi Bookeen oomisha bunaan baay’ee beekamu. Iddoowwan kunneen oomisha bunaan baay’ee beekaman keessaa muraasa turan. Adeemsa keessatti garuu oomisha Bunaa irraa gara Jimaatti darbaniiru. Daldalli Jimaa kun gabaa biyya keessaa fi idil-addunyaatti dhiyaata.

Yunivarsiitii Odaa Bultum keessatti qorataa fi ogeessa diinagdee [ogeessa daldala Jimaa irratti kan xiyyeeffatu] kan ta’e Toofiq Abdallaan, “Jijjiramni daldalaa Bunaa irraa gara Jimaatti darbee kun sababa fedhii gabaa olaanaa oomisha jimaa irra jiruudhaani” jedhe.

Itti dabaluun, mootummaan bifa dambii baasuun gabaa Jimaa keessa harka galfachuun kun “kisaaraa maallaqa guddaa qonnaan bultoota irra geessise jira” jedhe Toofiq.

Biqiltuun dadamaqisituu kun baay’inaan Itoophiyaa, Keeniyaa fi Yaman keessatti kan biqilu yoo ta’u, haata’u malee Itoophiyaa hanga bara 2020tti biyya Jimaa al ergiin sadarkaa tokkoffaa irra turte. Akka qorannoon bara 2020 maxxanfame agarsiisutti, gabaa Jimaa fi raawwii al-ergii diinagdee Itoophiyaa keessatti qabu damee qonnaa adda duree keessaa tokko ture. Industirichi galii al-ergii biyyattii keessaa 4% yoo ta’u, al-ergii meeshaalee daldalaa waliigalaa keessaa 9.4% qaba.

Kaffaltii dachaa, rakkoo wal-xaxaa

Kun hundi kan eegale Ebla bara 2022 yeroo Ministeerri Daldalaa fi Walitti hidhamiinsa Naannawaa Itoophiyaa gatii al-ergii jimaa dachaa lama dabaluu isaa beeksise turettidha. Kunis namni al-ergii tokko jimaa kiiloo tokkoof dolaara 10 baankii Itoophiyaatti galchuu akka qabu hubachiisa. Garuu sanaan dura yeroo dheeraaf kan baankii galchaa turan dolaara Ameerikaa 5 ture.

Ji’a tokko booda, ministeerichi hayyama daldalaa 830 al-ergitoota jimaa kanneen hayyama daldalaa haaromsuu dhabuu fi tajaajila isaaniitti dogoggoran fayyadamuudabalatee “hojii seeraan alaa keessatti hirmaatan” jedhaman irraa haquu isaa beeksiseera.

Ministeerri kun galii biyyattiin jimaa al-ergii irraa argattu guddisuu fi sirna daldala seera itti tolchuu fi odeeffannoo sirri sadarkaa biyyaattitti diriirsuu, akkasumas garee hojii “daldalaa fi daddabarsa seeraan alaa ittisuu, fi odeeffannoo qulqulleessuun al-ergii jimaa cimsuu sadarkaa biyyaatti hojjataa jira.

Murteen kun yeroo gabaabaaf uggura waldaa jimaa Somaaliilandiin ta’aa ture hordofee duubatti deebi’us, boodarra garuu deebi’uun gabaa jimaa irratti rakkoo guddaa fiduu fi bu’aa itti fufiinsa hin qabne kan jimaa al-ergii fi hawaasa qonnaan bulaa irratti fidaa jira.

Bakka bu’oonni dhaabbilee al-ergii jimaa beekamoo ta’an kan akka Biiftuu Bahaa fi Biraayitoon, kan maqaa isaanii dhoksuu filatan, gatii al-ergii dabaluu kanaan rakkoo akkamii akka fidu ibsaniiru.

“Gatiin al-ergii akkanaa dabaluu isaatiin daandii al-ergii keenya jeeqeera. Gara Hargeessaa fi Jibuutiitti erguu itti fufne osoo jirruu, gara Moqaadishoo fi Puuntlaandiitti erguu hin dandeenye,” kan jedhan bakka bu’aan Biiftuu Bahaa, sababa mootummaan Keeniyaa al-ergii Jimaa irratti qaraxa xiqqaa kaa’eef Jimaan biyya Keeniyaa gabaa dhunfatee jira jedhe. 

Itti dabaluudhaanis, baasii oomishaa jimaaf ooluu fi gatii gabaa isaa yookaan al-ergii isaa gidduu jiru, [kan dolaara Ameerikaa 10 al-ergii kiiloo tokkoof baankiitti galchaa jedhamee] bu’aa keenya irratti dhiibbaa uumaa jira, rakkoo keessas nu galchaa jira jechuun ibsaniiru. “Kan kana caalaa hammeesse ammoo sadarkaa bulchiinsa magaalaa fi naannootti buufataalee sakatta’iinsaa dachaa irratti yeroo baay’ee gibirri kaffalamuudha,” jedha.

“Mootummaan naannoo Oromiyaa fi bulchiinsi magaalaa Awwadaay Jimaa kiiloo tokkoof birrii 22, jechuu birrii 17 (Oromiyaa) fi birri 5 (Awadaay) kaa’aa jiru,” jechuun bakka bu’aan kun ibsaniiru. “Haalli naannoo Somaalees kanuma calaqqisiisa, walumaagalatti kiiloo tokkoof birrii 44 akka kaffalamu taasisa. Kunis gibira mootummaan federaalaa irraa kan hafedha.”

Oyiruu Jimaa godina Harargee Bahaa aanaa Kombolchaatti argamu

Daldalaa Jimaa kan keessatti baasii geejjibaa fi baasii biroo oomishaa fi al-ergii jimaa waliin walqabatu tilmaama keessa osoo hin galchin, harka malee gatii hamma kanaa daldalaa jimaa irratti kaa’uun rakkoo fi gaaga’ama guddaa geessisa jira.  

Sababa sarara dhiyeessii jimaa addaan citee fi gibirri ulfaataa ka’ameen dhaabbilee kana rakkoo garagaraaf isaan saaxilee jira. Miseensi Ejensii Al-ergii Jimaa Biraayitan maqaan isaa akka hin dhahamne gaafataan Addis Standarditti akka himanitti, ejensichi qonnaan bultoota, daldaltoota, fi invastaroota qabatee kaappitaala jalqabaa Birrii miiliyoona 24n kan hundeeffame yoo ta’u, yeroo ammaa immoo hojjattoota 150 kan of keessa qabudha.

Akka isaan jedhanitti ejensichi sababa gibira guddaa irraa kan ka’e kasaaraa Birrii miiliyoona 400 ta’u isaan irra gaheera. Gosoota jimaa hundaaf kiiloo tokkoof gatii al-ergii Doolaara 10 irra ka’ame, kan al-ergitoonni tokko tokko ‘gibira mootummaa federaalaa’ jedhanii waamu, kun immoo al-ergii jimaa dhaabeera. Akkasumas rakkooleen kan akka ba’aa dabalataa, kan akka baasii geejjibaa, bakka jireenyaa fi kkf dabaluu dhimmoota bu’uuraa jimaa irratti dhiibbaa geesiseera.

“Gosoonni jimaa murtaa’an gibirri doolaara kudhanii kaffalamuu qabu jiru, garuu mootummaan gosoota jimaa al-ergii hunda irratti doolaara kudhan kaa’eera,” jechuun ibsan.

Dhaabbanni al-ergii jimaa kan biraa Biiftuu Bahaa haala walfakkaatuun hojii ala ta’eera. Kasaaraan Biiftuu Bahaa birrii miiliyoona 350 akka ta’u abbaan aksiyoonaa maqaan isaa dhokfamee Addis Standard dubbise tokko ibseera.

Dhiibbaan maallaqaa ejensiiwwan kanarra gahu guddaadha, bu’aan inni geessisa jiru hojjatoota dhaabbilee al-ergii keessaa hojjatan hojii irraa akka ari’aman taasiseera, maatii hedduu irratti dhiphina uumaa jira.

“Dhaabbanni keenya qofti humna hojjetaa harka guddaa gadhiiseera. Hojjettoonni kun tokkoon tokkoon isaanii maatii galii dhaabbataa irraa mulqaman qabu,” jedhan miseensi dhaabbata Biraayitan.

Gama biraatiin ammoo hundee gatii kanaa kan ta’e qonnaan bultoonni rakkoo guddaa keessa jiru. Qonnaan bulaan Fu’ad Ahimad godina Harargee Bahaa magaalaa Awwadaay irraa yaada isaa Addis Standarditti himeen, “gatiin jimaa kan duraan birrii 2000 hanga 3000tti gurguraa turre gara birrii 200-500tti gadi bu’e jira,” jedhe. Qonnaan bultoota qofa osoo hin taane daldaltootas miidhaa jira jechuun ibseera. Akkasumas hojjettoonni jireenyi isaanii oomishaa fi daldala jimaatiin walqabatu hoji dhabdummaaf kan saaxilaman yoo ta’u, maatii fi namoonni hojjettootaa fi daldaltoota kanaan deeggaraman hundi jireenya isaanii dhabanii beelaa fi gadadoodhaaf saaxilamu,” jedhe.

Rakkoon jimaa kanaa gara dargaggootaatti darbeera. Akka Fu’ad jedhutti magaalaa Awwadaay qofa keessatti dargaggoonni kuma kudhaniin lakkaa’aman hojii dhabanii jiru. 

Itti dabaluun, “oomisha jimaaf jecha beenzila bitachuuf liqii fudhanna, garuu gabaa jimaa keenyaa fi kasaaraa galii malee liqaa keenya deebisuu hin dandeenyu” jechuun ibseera. Itti dabaluudhaanis, “Ijoollee kootiif meeshaalee barnootaa bu’uuraa bitachuunis rakkisaadha, maatii kootiif waan barbaachisu guutuunis qormaata ta’aa dhufeera” jechuun ibseera.

Godina Harargee Bahaa Aanaa Haramaayaa ganda Ugaas Leenchaa keessa kan jiraatu qonnaan bulaan Ibraahim Mohaammad jedhamu gama isaatiin, qonnaan bultoonni horii isaanii gurguruu fi muka irraa cilee oomishuun gurgurtaaf tolchuutti akka jiran hime.

“Maatii keenya jiraachisuuf jecha beeladoota keenya hunda gurgurree jirra, manni keenyas duwwaa dha. Wareegamni kun kaffalamus ammallee jireenya keenya fooyyessuu hin dandeenyu,” jechuun bo’ichaan rakkoo hundee jala jiru himaniiru.

“Lubbuun keenya milkaa’ina gabaa jimaa waliin wal-hidhataa dha. Yoo kufe ni kufna” jechuun ibsaniiru. Ibraahim itti dabaluudhaan “Ummanni Harargee fi jimaa akka qurxummii fi bishaaniti. Gabaa jimaa keenyaa malee jiraachuu hin dandeenyu.”

Qonnaan bultoonni lamaan sababa gatiin kaatii haalaan hir’achuu fi hanqina gabaa guutuu ta’een oomishni addaan hin cinne jiraatus, Oomishinii jimaa otto hin gurguramiin lafaatti hafee, nyaataa beeladoota taa’aa jira.

Teesumni lafa harargee oomishalee xaafii fi qamadiif waan hin taaneef qonnaan bultoonni naannoo kanaa jimaa oomishuun alaa carraa biraa hin qaban jedha qorataan Toofiq.

“Jimaan waggaa keessatti al afur oomishamuu danda’a, goosa nyaataa qonnaaf olaan biroo irraa adda. Akkasumas lafti kun irra caalaa midhaan yookaan midhaan biroo misoomsuuf kan hin malle sababa teessuma lafaa Harargee wal hin qixxaanneef,” jedha Toofiq.

Akka Toofiq jedhutti Harargee keessatti qonnaan bulaan tokkoo miseensota maatii torba qaba. Giddu galeessaan lafa hektaara 0.6 kan qabu yoo ta’u, qonnaan bulaan kun fedhii maatii isaa bu’uuraa kan akka uffata, nyaataa, barnoota guutuuf gurgurtaa jimaa irratti hirkatee jira. Galiin lafa walgitu irra argamuu midhaan biraa kamiyyuu misoomsuu irraa argamu caalaa bakka jimaa bu’uu hin danda’u jedha Toofik.

“Namoonni dhuunfaa tokko tokko rakkoo wal-xaxaa dhimmichaa faana jiru hin hubatan; qonnaan bulaan sababa hawaasummaa fi aadaatiin jimaa oomishuu jedhanii yaadu. Garuu qonnaan bultoonni kun filannoo dinagdee biroo kan jireenya isaanii deeggaru hin qaban,” jechuun cimsanii dubbataniiru.

Hanqina fi gaatii dabalii mootummaan gibira jimaa irratti ka’ee akka Toofiq irraa deebi’iini gamaaggamni bal’aan akka gaggeeffamu gaafataniiru. “Mootummaan jimaa akka meeshaa qananiin qonnaa ala ta’etti ramaduun isaa, fi sana booda gibirra fi to’annoo guddaan kaa’uun isaa, Maatii hedduu as jiraniif, jimaan qananiin osoo hin taane sarara jireenyaati,” jechuun Obbo Toofiq dabalanii ibsaniiru.

“Ogeeyyiin Jimaa, namoonni gosoota jimaa beekan fi ogeeyyiin damee kanaa irratti qorannoo gaggeesan murtee odeeffannoo dogoggoraa akka hin murtoofnee fi gatiin jimaa fi al ergii akka malee ol akka hin kaaneef,qorannoo gaggeessuu qabu,” jechuun Toofiq dhaameera.

Toofiiq gibira jimaa ulfaataa Itoophiyaa fi imaammata Keeniyaan daldaltootaa ishee mijatata gotee, gidduu garaagarummaa dinqisiisaa ta’e akka jiru ibserra. “Faallaa kanaatiin mootummaan Keeniyaa daldaltoota jimaa isaaf deeggarsa guddaa kan kennu yoo ta’u, geejjibaa qilleensarraan kaffaltii xiqqaa kafalsisuun isaan deegaraa. Garaagarummaan kun ifa ta’aa dhufeera, sababa daldaltoonni Keeniyaa dorgommii irratti carraa argachuun isaanii nama hin ajaa’ibu,” jechuun Toofik ibseera.

Keessa beektonni garuu bu’uura dhimmoota diinagdee ta’uun, daldala jimaa siyaasa taasisuun waggoota dhiyoo asitti bulchiinsi naannoo Oromiyaa daldaltoota biyya keessaa humneessuuf jechaa yaaliiwwan yeroo dheeraaf daldaltoota Somaalee fi Somaaliyaan ol’aantummaa qaban irratti aangessuuf kan godhamee dha jechuun kan falmaan jiru, haalii kun immoo daldalli jimaa akka addaan cituufis sababa ta’eera jechuun ibsu. Kanaaf, rakkoo kanaa furuuf dippilomaasii dhiimmaa daldalaa jimaa irratti hoggansa Somaalee fi Oromoo gidduutti akka hojjetamu qabu himuu .

Ji’a Caamsaa keessa komii qonnaan bultoota jimaa, al-ergii fi ummata bal’aa Baha Oromiyaa guddachaa dhufe hordofuun, Ministeerri Daldalaa fi hariiroo dinagdee ciimsu Itoophiyaan, waldhabdee daldala jimaa al-ergii mudate irratti qorannoo gaggeessee ture. Akka ministirri mootummaa ministeerichaa Obbo Kasahuun Goofe jedhanitti, gibirri ulfaataa fi dachaa, buufatni sakatta’iinsa gibiraa sirnaan ala ta’e hedduu jiraachuu, namoonni dhuunfaa hayyama al-ergii qaban hojiirra ooluu dhabuu fi yeroo tokko tokko hayyama isaanii kaayyoo seeraan alaatiif fayyadamuun sababoota bu’uuraa rakkoo jimaa ta’uun adda baafamaniiru jechuun ibseera.

“Sababa kanaan galiin qonnaan bulaa kanaa haalaan gadi bu’uu fi galiin maallaqa biyya alaa biyyattii hammachuu isaa mirkanaa’eera,” jechuun Obbo Kaasaahuun Feesbuukii irratti barreesserra.

Ministeerri kun bu’aa qorannoo kanaa irratti bakka bu’oota fi qooda fudhattoota dhimmi ilaallatu Komishinii Gumurukaa, Baankii Biyyaalessaa fi Daldalaa, Biiroowwan Daldala Naannolee, Poolisii Federaalaa fi Waajjira Muummee Ministiraa dabalatee waliin mari’atee tarkaanfiiwwan adda addaa fi waloo manneen hojii isaaniitiin fudhatamuu qaban irratti waliigaleera jechuun ibseera.

Itti aansuunis ministeerichi baatii waxabajjii keessa xalayaa baaseen, hayyama Komishinii Gumuruukaa malee buufataaleen sakatta’iinsa gibiraa bulchiinsa naannootiin ijaarmaan hundi akka buqqa’anii fi qaamolee naannoo fi bulchiinsa magaalaatiin jimaa al-ergii irratti gibirri ka’amme bifa kamiiyyu akka hin kaafalchisne hubachiisaniiru.

Murteen kun maal iyyuu yoo ta’e, Addis Standard tarkaanfiiwwan sirreeffamaa fudhataman keessaa tokkollee hojiirra akka hin oollee fi hanga baatii Adoolessaati rakkoon kun osoo hin hir’atin itti fufuu isaa bu’uura godhachuun maddoota irraa bare.

Walgahii mana maree bakka bu’oota uummataa gaafa Adoolessa 6 taa’een, miseensi paarlaamaa Mohaammad Qophee, dhimmoota daldala al-ergii jimaa, fi rakkoo itti fufiinsa qabu qonnaan bultoonni jimaa mudachaa jiran ilaalchisee, Ministira Muummee Abiy Ahmad gaafataniiru. Muummichi Ministeeraa deebii kennaniin, ”rakkoon ammallee jira, furmaata argachuu qabna,” jechuun ”dhimma qonnaan bulaa barbaachisaa ta’e furuuf kaayyeffannee qaamolee dhimmi ilaallatu waliin mari’achaa jirra” jechuun deebisanii jiru. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.