Oduu: Dhaabbatni Mootummoota Gamtoomanii gocha Eeritraanota biyyaa baasuu balaaleffachuun akka dhaabbatu akeekachiise

Finfinnee, Adoolessa 14/2023 – Paanaaliin ogeeyyii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii gochaa Itoophiyaaan dhiyeenya kana Eritraanota dhiibbaan lakkaa’aman biyyaa ari’uu raawwatte seera idiladdunyaa kan cabsuudha jechuun cimsee balaaleffateera. Aanga’oonni mootummaa gochaa kola-galtoota, godaantotaa fi baqattoota Eritraa biyyaa baasuu akka dhaaban ogeeyyonni kunneen waamicha taasisaniiru.

Akkaataa ogeeyyii kanaatti, reebichaa fi dararrii isaan irra gahuu danda’u ilaalcha keessa osoo hin galchin walitti qabanii biyyaa baasuun seera idiladdunyaa kan cabsuudha. Mirgi biyyaa ari’amuu dhabuu kan waliigatee mirgoota namoomaa idilaadunyaa kuni biyyaa biyyaa fi haala godaansaa ilaalcha keessa osoo hin galchin guutuu addunyaatti hojiirra ooluu qaba.

Jumlaadhaan biyyaa baasuudhaan walqabatee maatiin gargar bahuun jiraachuu ibsaniiru. Haadhaa fi abbaan ari’amuun ijoolleen qofaasaanii Itoophiyaatti hafuu gabaafamaa jiraachuu ogeeyyoonni ibsaniiru.

Ibsi Mootummoota Gamtoomanii kan dhufe Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) ibsa baaseen buqqatonnii, koola-galtoonnii fi godaantonnii Eritraa waraqaa ragaa hin qabne magaala Finfinneetti hidhamanii kan argaman ta’uu erga ibsee boodadha.

Gabaasni Mootummoota Gamtoomanii kanaan dura baase akka mul’isutti, Eritraanonni humnaan gara gara biyyaa deebifaman irratti sarbiinsa mirgoota namoomaaf kan akka dararrii, dirqiin dhabamsiisuu, daldala namaa, hidhaa jumlaa raawwatamuu ibseera. Ogeeyyiin kunneen godaantonnii fi buqqaatonni kunneen maalirra akka jiran ifa akka taasisan aanga’oota Eritraa gaafataniiru.

Tajaajilli buqqaatota deebisuu Itoophiyaa gamasaatiin Eritraanonni gara biyyaa deebifaman koola galtootaa fi baqattoota miti jedheera. Ibsi mootummoota Gamtoomanii garuu Adoolessa 14,2023 baasan gauu namoota deebifaman keessa buqqatonni jiraachuu ibsan.

Gareen ogeeyyii kuni buqqatonni fi koola galtoonni waraqaa seerummaa akka hin argannee wantoota isaan taasisaa jiru akka qoratan dhaabilee mirga buqqatotaa tiksan kan akka UNHCR’tiif waamicha taasisaniiru. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.