Oduu: Beenishaangul Gumuzitti haleellaa hidhattoonni raawwataniin lubbuu namoota 8 yoo darbu, namoonni 16 haalaan miidhamaniiru

Finfinnee, Adoolessa 15/2023 – Naannoo Beenishaangul Gumuz, godina Matakkal, magaalaa Gilgal Balas iddoo addaa “kaampii Chaayinaa” jedhamutti haleellaa hidhattoonni raawwataniin miseensoota milishaa naannoo sanaa 3 dabalatee namoonni 8 ajjeefamuu Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) beeksise.

Haleellichi kan raawwatame torbee darbe keessa Adoolessa 7 guyyaa sa’aatii 11:30 ALI irraa eegalee ta’uu komishinichi ibsa baaseen beeksiseera. Haleellichaan namoota lubbuun isaanii darbe dabalataan namoota 16 irratti miidhaan ulfaataa gahee wal’aansa argachaa jiraachuu fi jiraattotni baay’ee qe’ee sana irraa gara biraatti dheessuu eerameera. 

Akka jiraattota fi aanga’oonni naannichaa jedhanitti, haleellicha kan raawwatan hidhattoota Sochii Dimokraatawaa Uummattoota Gumuz jedhaman, kan dhiyeenya kana waliigaltee mootummaa waliin taasifameen hidhannoo hiikkachiisuuf kaampii tokko keessa akka turan taasifaman yoo ta’an, namootni haleellaan irratti raawwatame ammoo kanneen saba Gumuz hin taane ta’uu ibsameera.

Sababni haleellaa kanaa “waliigaltee nagaa mootummaa waliin irra gahame hojiirra ooluu dhabuu” akka ta’e jiraattota naannichaa irraa hubatameera. Haleellaa guyyaa sana raawwatameen booda Raayyaan Ittisa Biyyaa iddichatti bobbaafamuu hordofee tasgabbiin bu’aa jiraachuu komishinichi ibseera.

Sababa haleellaa kanaan jiraattota naannoo sanaa irraa gara naannoo birootti baqataniif deeggarsi namoomaa barbaachisu geessuu, jiraattotaaf nagaa mirkaneessuun gara naannoo isaaniitti deebi’uu akka danda’an taasisu, yakkamtoonni seeraan akka gaafataman taasisuun ni barbaachisa jedhe komishinichi. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.