Oduu: Ajajaan poolisii magaalaa Dabrabirhaan namoota hin beekamneen ajjeefaman

Komaandar Minwuyyeellat Cinqilloo

Finfinnee, Adoolessa 15/2023 – Naannoo Amaaraa, godina Shawaa Kaabaatti ajajaan poolisii magaalaa Dabrabirhaan Komaandar Minwuyyeellat Cinqilloo rasaasa namoota hin beekamne irraa itti dhukaafameen ajjeefamuu bulchiinsi magaalichaa beeksise. Ajajaan poolisii magaalittii kun kaleessa Adoolessa 14 hojiirra osoo jiranitti dhukaasa irratti dhukaafameen ajjeefamuus eerameera.

Akka kominikeeshiniin magaalaa Dabrabirhaan ibsetti, Komaandar Minwuyyeellat ayyaana waggaa Sillaasee magaalittii keessa kabajamaa ture nagaadhaan akka xumuramuuf qajeelcha kennaa kan turan yoo ta’u, ayyaanichi erga xumuramee booda ergama biraarra osoo jiranii rasaasa namoota hin beekamnee irraa itti dhukaafameen rukutamanii hospitaala seenaniis lubbuudhaan hafuu hin dandeenye.

“Erga yeroo dhiyoo asii hoggantoota siyaasaa fi qaamolee nageenyaa bebbeekamoo ajjeesuun nageenya naannichaa booreessuuf yaaliin taasifamu baay’achaa jira,” kan jedhe bulchiinsi magaalichaa, “hoggantoota jajjaboo filanii ajjeesuun jijjiiramni dhufuu fi haqni mirkanaa’u hin jiru,” jedhe. Kana malees, yakkamtoota ajjeechaa kana keessatti hirmaatan hordofee seeratti dhiyeessuuf tattaaffii mootummaan taasisuuf uummatni odeeffannoo kennuudhaan tumsa akka godhu hubachiiseera. 

Karoora mootummaan federaalaa humnoota addaa naannolee irraa hidhannoo hiikkachiisuun caasaa nageenyaa mootummaa federaalaa keessatti irra deebiin hundeessuu eegale hordofee naannoo Amaaraa irraa mormii hidhannoo ka’e hordofee baatilee lamaan darban keessaa miseensa hoji-raawwachiiftuu Paartii Badhaadhinaafi itti-gaafatamaa waajira Paartii Badhaadhinaa damee Amaaraa kan turan Girmaa Yashiixilaa dabalatee aanga’oota siyaasaa fi qaamolee nageenyaa hedduu ajjeefamaniiru. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.