Oduu: Israa’el lammiin ishee Gondaritti ukkaamfameera jedhame soba ta’uu mirkanaa’uu hordofee barbaacha taasisaa turte addaan kutte

Lammiileen Israa’el Itoophiyaa keessa barootaaf jiraatan gara “biyya hidda sanyii isaanii” Israa’el yeroo galan. Suuraa: The Times of Israel

Finfinnee, Adoolessa 17/2023 – Mootummaan Israa’el lammii biyyattii Naannoo Amaaraa, Gondar keessatti ukkaamfame jedhame soba ta’uu hordofee barbaacha taasisaa ture addaan kute. Lammiin Israa’el ganna 79 dhalootaan Itoophiyaa irraa ta’e Firaansiis Addabaabaayii jedhamu kun torbanoota muraasa dura gara Itoophiyaa kan imale ture yoo ta’u, maallaqa argachuuf jecha namoota isa ukkaansan faana waliigalee akka ukkaamfame of fakkeessuu isaa Tajaajilli Oduu Israa’el Ministeera Dhimma Alaa biyyattii wabeeffachuun gabaaseera.

Firoonni Addabaabaayii torbee darbe akka jedhanitti namoonni isa qaban jedhaman suuraa fi suur-sagalee gabaabaa harka fi miilli isaa hidhamee hidhattootaan eegamaa jiru agarsiisan erganiifi turan. Namootni isa butan kunneen akka hiikamuuf birrii Itoophiyaa miiliyoona 2.5 gaafachaa turan.

Lammiin Israa’el kun ergaa sagalee maatii isaatti ergameen, “na gargaaraa, bosona gidduun argama, roobni natti roobaa jira, waan ani amma keessa jiru diina koof illee hin hawwu,” jechuu gabaafame ture. Intarpoolii fi humnoonni nageenyaa naannichaa isa gadhiisisuuf yaalii taasisaa turuus eerameera.

Mootummaan Israa’el, Addabaabaay bilbila Itoophiyaa kaasuu didee bilbila lakkoofsa Israa’el irraa dhufu kaasuu isaa erga hubatanii booda dhimmicha akka addaan kutan himameera. Firri isaa garuu ammallee ukkaamfamee jira jechaa jiru. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.