Oduu: Manni Amantaa Ortodoksii Itoophiyaa phaaphaasota sagal muudde; Tigraayitti abbootiin kudhan phaaphaasummaaf filatamaniiru 

Paatriyaarkiin Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa Abuna Maatiyaas phaaphaasota wayita muudan (Suuraa: Mana Amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa)

Finfinnee, Adoolessa 17/2023 – Manni Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa Phaaphaasota sagal muuduun gara manneen amantaa naannolee Oromiyaa fi Kibbaatti argaman ramaduu beeksiste. Paatriyaarkiin Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa Abuna Maatiyaas sagantaa muudama phaaphaasota sagal irratti argamuun muudama kennaniiru. 

Manneen amantaa muudamni itti kennames; Mana Lubummaa Gede’oo, Amaaroo fi Burjii, Mana Lubummaa Shawaa Lixaa, Mana Lubummaa Daawuroo Kontaa, Mana Lubummaa Wallagga Bahaa, Mana Lubummaa Dirree Dhawaa, Mana Lubummaa Bunoo Baddallee, Mana Lubummaa Horroo Guduruu Wallaggaa, Mana Lubummaa Wallaggaa Lixaa fi Mana Lubummaa Harargee Bahaaf muudamni phaaphaasota raawwatameera. 

Gama biraatiin Abbootiin Mana Kiristaanaa Tigraay kaleessa filannoo gaggeessuun phaaphaasoota kudhan waldoota naannoo Tigraay fi biyyoota biroo keessatti akka tajaajilan filateera. Abbootiin Mana Amantaa Ortodoksii Tigraay maqaa Manbara Salaamaa Kasaate Birihaan jedhuun Mana Amantaa Ortodoksii Itoophiyaa irraa adda bahanii magaalaa Aksuumitti filannoo akka gaggeessan miidiyaaleen naannichaa gabaasaniiru.

Abbootii Itoophiyaa alatti tajaajiluuf filataman shan keessaa tokko kan ta’an Qomoos Abbaa Saraqabirhaan W/Saamu’eel biyya Awustiraaliyaa irraa gara Maqaleetti osoo deemaa jiran Buufata Xiyyaaraa Boolee wayita gahan gara Maqalee akka hin dabarre taasifamuun isaanii ni yaadatama.godhameerra. Abbaan amantii kun humnoota tikaa Itoophiyaatin gara Hindiitti akka imalan erga dirqisiifamee booda gara Awustiraaliyaa deebi’uu isaanii gabaafameera.

Abuna Maatiyaas muudama phaaphaasotaa sagal kaleessa gaggeeffame irratti ergaa dabarsaniin, “haala hin eegamnee fi hin baratamne mana amantaa keessatti mul’atu lafaa ka’anii of muuduu kun dhaabbachu qaba. Rakkoon kamuu mariin furamu qaba, akkasumas namoota badii irratti rawwatameef beenyaa kennamu qaba,” jedhan. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.