Oduu: Miidiyaan Itoophiyaa Insaayidar biiroon isaa jalaa saamamu ibse; saamichi raawwatame “shira qindaa’eedha” jedhe

Finfinnee, Adoolessa 17/2023 – Miidiyaan marsariitii dhaabbata miidiyaa fi kominikeeshinii Haaq jedhamu jalatti hojjetaa jiru Itoophiyaa Insaayidar (Ethiopia Insider) Dilbata kaleessa galgala sanduuqni biiroo keessa ture qaamolee hin beekamneen cabsamee qabeenyi isaa jalaa saamamuu beeksiseera. Miidiyaan kun hojiilee hojjetuun dhiibbaawwan garagaraa irra gahaa turuu ibsuun, saamichi kunis dhiibbaa kanneen irraa kan itti fufe ta’uu akka amanu ibse. 

Kaleessa Dilbata hojjettoonni “Ethiopia Insider” hanga guyyaa sa’aatii 10:00tti biiroo keessa akka turan kan ibse miidiyichi, har’a ganama wayita deebi’an garuu balballi biiroo isaanii akkuma cufameetti argataniis sanduqni qabeenya kutaa oduu miidiyichaa gatii guddaa baasan keessa ta’an cabsamee arguu isaanii hime. 

Haala kanaanis kaameraawwan ammayyaa sadi, leensiiwwan zuumii lama, fi leensiiwwan biroo afur, laaptooppiiwwan afurii fi mobaayila tokko saamamaniiru. 

Saamicha kana hordofee dhaabbatni miidiyaa fi kokinikeeshiniin Haaq poolisii naannoo Istaadiyeemii Aday Ababaa kutaa magaalaa Booleetti argamuuf kan beeksisan ta’uu ibseera. 

Erga yeroo dhiyoo asii miidiyaalee fi waldaalee siivilii irratti saamichi raawwatamu baay’achaa jiraachuu kan kaase ibsi dhaabbatni miidiyaa fi kominikeeshinii Haaq baase kun, saamichi irratti raawwatame “dhimma qindaa’eedha” jedhe akka amanu ibse. 

Dhiibbaan miidiyaalee fi dhaabbilee siivilii irratti gahu furmaata akka argatuuf qaamolee dhimmichi ilaallatu gahee isaanirraa eegamu akka bahan gaafateera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.