Oduu: Itoophiyaatti uggurri Intarneetii miidiyaa hawaasaarra ture kaafame

Finfinnee, Adoolessa 18/2023 – Uggura Intarneetii mootummaan miidiyaalee hawaasaa gurguddoo afur irra ji’oota shanii oliif kaa’ee ture kaleessa sa’aatii boodaa eegalee kaafamuu fayyadamtoonni miidiyalee kanneenii ibsan. Miidiyaaleen hawaasaa kunneen Intarneetii virtuwaalii dhuunfaa (VPN) malee hojjachuu eegalaniiru.

Waldhabdee mana amantaa Ortoodooksii Tawaahidoo Itoophiyaa gidduutti ka’e hordofuun hokkora ka’ee walqabatee Guraandhala 11, 2023 irraa eegalee mootummaan miidiyaalee hawaasaa Facebook, Youtube, Telegram fi Tik Tok irra uggura kaa’ee tureera.

Haata’u malee, uggura Intarneetii kana hordofee fayyadamtoonni neetworkii dhuunfaa vartuwaalii (VPN) kan teessoo geeddaruun miidiyaalee kanneen banuuf tajaajilu fayyadamuun miidiyaalee kanneen daawwachaa turaniiru. Battaluma kanatti guyyaa kaleessaa sa’aatii boodaa eegalee miidiyaaleen ugguramanii turan kunneen VPN malee hojjachuu eegalaniiru.

Qoqqobbiin miidiyaalee kanneen irra kaa’ame fayyadamtootaa fi namoota galii isaanii miidiyaa kanneen irraa argatan irratti dhiibbaa geessisaa turuun gabaafameera.

Ugguramuu miidiyaalee kanneenii hordofee qaamolee mirga namoomaatiif falman kan akka Amnesty International ibsa baasaniin gochaa kuni mirga heera biyyattii kan cabsuu fi mirga yaada ofii bilsaan ibsuu kan sarbu ta’uu ibsaniiru. Taatee kuni seenaa Itoophiyaan miidiyaan ugguruun beekamtu daran kan hammeessuu ta’uu ibsi Amnesty kuni addeesseera. 

Mootummaan Itoophiyaa Guraandhala 11 irraa eegale hanga ammaatti, baatilee shanan darbaniif, uggura “seera qabeessa hin taane” fayyadama Intarneetii irratti kaa’een miidhaan diinagdee biyyattirra gahe birrii biiliyoona 7.5 ol ta’uu dhaabbanni dhuunfaa Giddugala Guddina Mirgaa fi Dimokraasii (CARD) jedhamu addeessuu Addis Standard gabaasee ture.

Uggura tajaajila intarneetii irratti baatilee shanan darbaniif kaa’ame kasaaraa diinagdee doolaara miiliyoona 140.3 ol, gabaa oomishaa kallattii biyya alaa irratti kasaaraa doolaara miiliyoona 27.8 geessisuu fi namoota 2,372 hojii dhabeeyyii taasisuu odeeffannoo ibsi CARD kuni addeesseera.

Ibsa miidiyaalaeef laatanirratti, komishinarri Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) Daani’eel Baqqalaa (PhD) ibsa miidiyaaf dhiyeenya kana laaterratti, “uggurri kuni mirga yaada ofii bilisaan ibsachuu kan hacuucu dha,” jedheera.

Fayyadamtoonni miidiyaa hawaasaa kunneen VPN fayyadamaa kan turan ta’us uggurri kuni baasii dabalataa itti fidaa jiraachuu himaa turaniiru. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.