Daldala: Korporeeshiniin abbootii qabeenyaa kaappitaala biliyona 9.4 galmeessisan waliin waliigaltee mallatteese

Suuraa: EPA

Finfinnee, Waxabajjii 10/2023 – Korporeeshiniin Misooma Paarkiwwan Industirii Oromiyaa /KMPIO/’n abbootii qabeenyaa kaappitaala biliyona 9.4 galmeessisan waliin guyyaa Waxabajjii 09/2023 Paarkii Industirii Qonna Qindaa’aa /PIQQ/ Bulbulaa galuuf qophaa’an waliin waliigaltee mallatteese.

Akka odeeffannoo KMPIO irraa argameetti, sirni walii galtee walii mallatteessuu kun Hoteela Skylight tti kan gaggeeffame yoo ta’u, abbootii qabeenyaa pirojaktoota garagaraa 11 ta’an qabatanii gara PIQQ Bulbulaa galuuf qophii xumuran ta’uun ibsameera.

Sirna kana haasawa taasisuun kan eegalsiisan Aadde Sannaayit Mabree Goofee Hojii Raawwachiistuu Ol Aantuu KMPIO yoo ta’an ibsa kennaniin hanga ammaatti abbootii qabeenyaa 20 ol ta’n waliin walii galteen kan mallatteeffame yoo ta’u gara PIQQ Bulbulaa galanii misoomsuuf sochiirra kan jiran ta’uusaanii himaniiru.

Gama biraatin ibsa bal’aa sagantaa kanarratti kan kennan Hogganaa Biiroo Invastimantii fi Industirii Oromiyaa kan ta’an Obbo Ahimad Idiriis PIQQ Bulbulaa qonna keenya ammayyeessuu ykn jijjiiruu keessatti gahee guddaa kan qabu ta’uusaa fi abbootii qabeenyaa paarkii kana keessa galuun misoomsuuf qophaa’aa jiraniif deeggarsa mootummaarraa eegamu hundaa gochuuf qophii qabaachuu isaanii ibsaniiru.

Abbootiin qabeenyaa gara jahaa ta’anii har’a pirojaktoota gara 11 ta’aniin PIQQ Bulbulaa keessa galanii misoomsuuf waliigaltee mallatteesan kun yaada kennaniin mootummaan bu’uuraalee misoomaa hunda guutee paarkii industirii ijaaruun koottaa galaa hojjadhaa jechuun waamicha nuu taasisuun baay’ee kan nu jajjabeessuu fi nu kakaasu jechuun yaada isaanii kennanii jiru. Yeroo gabaabaa keessattis gara hojii akka galan yaada kennan irraa hubachuun danda’ameera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.