AS-Jabduu: “Walaloo yeroon barreessuu loqodawwan Oromiyaa keessa jiran hunda waltesseen fayyadama”: Biqiltuu Waaqasaa

Walaleessituu Biqiltuu Waaqasaa

Abdii Biyyansaatin @ABiyenssa

Finfinnee, Waxabajjii 09/2023 – Biqiltuu Waaqasaan Godina Horroo Guduruu Wallaggaa, Aanaa Abbayyi Coommaan bakka Migiruu jedhamutti dhalattee guddatte. Barnoota ishee sadarkaa tokkoffaa fi lammaffaa mana barumsaa Miigiruu keessa argamutti baratte. Barnoota qophaa’ina Finca’aatti hordoftee bara 2012 ALI erga xumurtee booda, gara magaalaa Shaggar ammaa, kutaa magaalaa Burraayyuutti Yuunivarsiitii Riifti Vaalii keessatti barnoota herreega (accounting) digirii jalqabaa barachaa jirti.

Biqiltuun Aartii, kessattuu walaloo baay’ee akka jaallatu himti. Walaloo dubbisuu kan eegalte sagantaa ijoollee waldaa Makaana Iyyesuus magaalaa Migiruu keessatti argamutti akka ta’e yaadatti. Kana malees, walaloo barreessitoonni akka Lataa Qana’ii fi Kumarraa Safaraa hamilee na kakaasaa turan, anis miila isaanii hordofaa ture jetti. “Akka isaanii ta’uuf yaadaan ture.” Haala kanaan fedhiin walaloo ishee keessatti gagaagaa kan dhufe Biqiltuun, yeroo kutaa 11ffaa fi 12ffaa barattuu TV Oromiyaa, sagantaa Dambaalii Jaalalaa irratti walaloo ofii barreessite dhiyeessaa turte.

“Kitaaba barreessuu fi dubbisuun baay’ee natti tola,” kan jettu Biqiltuun, fedhii dubbisuu ishee guddisuu irratti gaheen abbaa ishee guddaa akka ta’e himti. “Abbaan koo barnoota daree bira darbee akkan dubbisuu fi barreessuuf na kakaasaa ture.” Falaasamni walaloo barreessitu dhimma abdii, abdii kutannaa, siyaasa, dinaagdee fi waa’ee gahee shamarran hawaasummaa irratti qaban irratti fuulleeffata jetti.

Yeroo ammaa kana ammoo walaloo ishee suur-sagaleen waraabdee hojjechaa akka jiru fi hanga ammaatti suur-sagalee walaloo sadi xumurtee uummata biraan gahuu kan himtu Biqiltuun, waggoota afran darbaniif kitaaba tuullaa walaloo qopheessaa turte maxxansuuf qophii taasisaa jiraachuu fi kanaafis deeggarsa ispoonsaroota eegaa akka jirtu himti. Kana malees weellisaa Abbabaa Kafaniif albama haaraa hojjechaa jiruuf walaloo sirba lama barreessitee kennuufi himte.

“Ogbarruu Oromoo keessatti gaheen dubartootaa gadi aanaadha, ol’aantummaa dhiirotaan qabame jira. Fuulduratti ogbarruu Oromoo irratti, keessumattuu walaloo irratti mallattoo koo kaa’uun barbaada.”

Biqiltuun walaloo barreessu ala muuziqaa lama, sirba Yooseef Yaadataa “Anaaf-atoo” jedhu fi sirba Moo’ikaa Danfaa “Shinniigaa” jedhu irratti modeela taate hojjetteetti. Akkasumas, faarfannaa wangeelaa Dammee Fiqaaduu fi Abarraa Guddataa irrattis hirmaachuu himti.

Biqiltuun dhimma ogummaa, muuxannoo fi falaasama aartii walaloo irratti qabdu ilaalchisee Addis Standard waliin turtii taasisteetti.

Biqiltuuf walaloon maali?

Akka Biqiltuun jettutti, walaloon gosa ogbarruu sirba, fakkii fi afaan fakkeenyaa fayyadamuun miira, yaada fi seenaa dabarsuudha. Kana malees, walaloon bifa hedduu kan akka sooneettii, haayikuu, fi boo’oo bilisaa qabaachuu danda’aa; Aadaa, ammayyaa fi yaalii dabalatee akkaataa adda addaatiin barreeffamuu danda’as jetti.

“Walaloon miiraa fi muuxannoo dhuunfaa ibsuuf, akkasumas dhimmoota hawaasummaa fi siyaasaa irratti yaada kennuudhaaf itti fayyadamuu ni danda’ama. Seenaa keessatti akka mala duudhaa aadaa kunuunsuu fi seenaa fi sheekkoo dabarsuutti itti fayyadamaa tureera, itti fayyadama jiras,” jetti. Walaloon hiika yaadame maal iyyuu yoo ta’e, gatii miidhaginaa fi miiraa isaatiinis dinqisiifamuu ni danda’a jette Biqiltuun.

Humna Walaloo

Dhiibbaa walaloon hawaasa irratti qabu ilaalchisee wayita ibsitu, “Walaloon jaarraa hedduuf ibsa cimaa kan ture yoo ta’u, dhiibbaan inni hawaasa irratti qabus kan hin haalamne ture,” kan jettu Biqiltuun, “qaroomina durii irraa kaasee hanga bara ammayyaatti walaloo miira dabarsuu, seenaa himuu fi jijjiirama kakaasuuf itti fayyadamaa tureera. Walaloo seenaa keessatti hawaasa bocuu, har’as addunyaa keenya bocuu itti fufee jira. Dandeettii sochii hawaasummaa fi siyaasaa kakaasuu irraa kaasee hanga gahee guddina dhuunfaa fi miira keessa qabutti walaloo addunyaa keenya irratti dhiibbaa guddaa geessiseera,” jetti.

Biqiltuun, walaloon karaalee jahaan hawaasa irratti dhiibbaa uumu danda’a jetti. “Gaheen walaloon jijjiirama hawaasummaa fi siyaasaa kakaasuu, barnoota keessatti akka meeshaa ogummaa og-barruu, afaanii fi yaada qeeqaa barsiisu tajaajiluu, gatii miidhaginaa fi miraa, aadaa bocuu, guddina dhuunfaa fi miraa, akkasumas duudhaa aadaa kunuunsu irratti qabu ol’aanaadha.”

Akka isheen jettutti, namoonni walaloo fayyadamuun miira fi muuxannoo dhuunfaa ibsuuf, akkasumas dhimmoota hawaasummaa fi siyaasaa irratti yaada kennuudhaaf itti fayyadamu. Seenaa keessatti akka mala duudhaa aadaa kunuunsuu fi seenaa fi sheekkoo dabarsuutti fayyada.

Walaloo yeroon barreessuu loqoda Oromiyaa keessa jiran hunda walteesseen fayyadama”

Biqiltuun walaloo ofii barreessitu keessatti loqodoota hawaasa Oromoo adda addaa fayydamuun Oromiyaa bal’aa bakka tokkotti mul’isuuf akka hojjettu himti. “Walaloo koo keessatti loqoda fi jechoota adda addaa kan Oromiyaa keessa jiran nan fayyadama. Walaloon koo loqodota Oromiyaa keessatti dubbataman hunda giddu galeessa kan godhateedha. Kunis walaloon ani barreessu kun amala adda isa taasisu akka qabatuu isaa godheera.”

Kanaan dura suur-sagalee walaloo sadi, mata-dureen isaanii Godanbaa, Sororsaa, fi Nuuf gamee jedhan uummata bira gahuu kan himtu Biqiltuun, walaloowwan kanneen keessatti loqoda naannoo Oromiyaa keessa jiran hunda giddu-galeessa goote hojjechuu himte.

Walaloo mata duree “Dhugaa” jedhuun ofii barreessite keessaa tokko haala armaan gadiin dhiyaateera.

Dukkanni callabboo

Golgaan halkan waarii

Bararra buufatee

Akka bishaan baarii

Hammeenya kuufatee

Gaara godhus gaarii

Kan daaraarra dhiisii

Abiddarra lufu

Dhaqiif achi dhaqe

Koottuuf as hin dhufu

Innuu beeka karaa

Hurri keessa lufu

Kan afaan qabanuu

Funyaaniin dubbatu

Kan asiin dhoksanuu

Achirraan mul’atu

Dhugaaf jechaa dhiisaa

Dhugaan haa dubbatu!

Biqiltuun yeroo walaloo barreessitu dhimma barbaachisaadha jette madaalte gadi fageenyaan xiinxaluu fi miira keessa seenuudhaan walaloo akka barreessitu dubbatti.Warra fedhii walaloo barreessuu qaban fedhii isaanitti milkaa’ina argachuuf kitaabota walaloo dubbisuu, irra deddebi’anii shaakalu, fi abdii kutannaa malee yaaluu akka qaban gorsiti.

“Namni tokko karaa sadiin walaloo barreessaa ta’uu danda’a. Isaanis, kennaa uumamaan, barnoota gabbifannaa dandeettii walaloo barreessu fudhachuun, akkasumas shaakala ofumaan barreessuudhaan argama.”

Yaaddoo fudhatama argachuu fi of shakkuun qormaata dargaggoota reefu walaloo barreessu eegalan ta’uu ibsiti Biqiltuun, “wanta barreessite namoota biratti fudhatama argata moo hin argatu jette yaaduun of shakkuu keessa si galchuu danda’a.”

“Dargaggoonni walaleessaa/walaleessituu ta’uu barbaadan qormaata isaan mudatuuf harka kennachuu hin qaban. Qormaata kana keessa osoo jiranii dandeettii isaanii agarsiisuu qabu. Ogbarruun Oromoo sadarkaa isaatiin hiyyeessa ta’us uummatni, keessattuu dargaggoonni gahee isaa gumaachuu danda’a.”

Biqiltuun amma maal irra jirti? Karoora gara fuulduraa hoo?

“Albama walaloo jalqabe amma tiraakii afur irra gaheera. Barnoota koo ofumaan waan of barsiisa jiruuf walaloo kana ofiin maxxansuun baay’ee natti ulfaata, deeggarsa namootaa na barbaachisa. Akkasumas, kitaabni walaloo, walaloowwan torbaatama kan of keessaa qabu fi fuula dhibba tokkoo fi shantama qabu barreessee xumureera. Garuu maxxansuuf deeggarsa ispoosarootaa eegaan jira,” kan jettu Biqiltuun, gara fuuldurattis Ogbarruu Oromoo, keessattuu walaloo keessatti gahee ishee kaa’uuf cimtee akka hojjettu himte. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.